settings icon
share icon
Gaaffii

Yoo duute eessa dhaqxa?

Deebii


qulqulluun ifatti lafa kaa'a waa'ee bakka dhaqxu kan inni lafa kaa'u fillannoo lama qofa kunis si'ool yookaan mootummaa Waaqayyoo. Kitaabni qulqulluun yeroo duutu eessa akka dhaqxu akka murteessuu dandeesu ifatti lafa kaa'aa. Akkamitti? Dubbisa kee itti fufi.

Rakkoon inni jalqabaa hundumti keenya cubbamoota (Rom. 3:23). Hundumti keenya dogogora gooneera hamaa yookaan waan sirri hin taane (Lal. 7:20). Cubbuun keenya Waaqayyo irraa adda nu baaseera kunis immoo cubbuu keenyaa hin hiikamne bara baraan Waaqayyo irraa adda kan baane nu godha (Matt. 25:46, Rom. 6:23). Kun kan bara baraa kan ta'e Waaqayyo irraa adda ba'uu si'ool, kitaaba qulqulluu irratti abida bara baraatti, kitaaba qulqulluu keessattii kan bara baraa galaana abiddaati (Mul. 20:14-15).

Hiikni isaa, Yesus hafuura kan ture qaama uffateen immoo nama ta'e (Yoha. 1:1, 14? 8:58? 10:30). Jireenya cubbuu hin qabne jiraate (1Phex. 3:22? 1Yoha. 3:5) mataa isaa bakka keenya aarsaa of godhe (1Qor. 15:3? 1Phex. 1:18-19). Du'I isaas firdii du'a keenyaa kaffale (2Qor. 5:21). Waaqayyo amma dhiifamaa fi fayyina kennaa godhee nuu laateera. (Rom. 6:23) amantiin immoo simmachuutu nurra jira (Yoha. 3:16? Efe. 2:8-9). "Gooftaa Yesus Kristoositti amani ati fi manni kee namootni kees ni fayyitu jedhan." (HoE. 16:31).

Yeroo duutuu eessa dhaqxa? Fillannoo keeti. Waaqayyo filannoo siif kenneera. Waaqayyo gara isaa akka dhuftu si hafeera. Si waama.

Waaqayyo amantiidhaan gara Kristoos Yesus gara amantii jiruutti si waamaa akka jiru yoo dhageesse (Yoha. 6:44) gara fayyisaa kee kotu. Waaqayyo isa hamaa kaasuudhaan jaamummaa hafuuraa yoo siif dhabamsiise gara fayyisaa kee ilaali (2Qor. 4:4). Callaqee jireenya kee bakka du'aa ilaalaa jirta yoo ta'e gara jireenya fayyisaa keetti kotu (Efe. 2:1).

Yeroo duutu eessa kan ati dhaqxu? Mootummaa Waaqayyoo yookaas si'ool, Yesus Kristoosiin si'ool dhabamsifameera. Yesuusiin fayyisaa lubbuu kee godhiiti amani mootummaan Waaqayyoos bakka ga'umsa kee isa dhumaa siif ta'a.

Murtoo kan biraa yoo murteesite si'ool immoo xumura kee siif ta'a (Yoha. 14:6, HoE. 4:12)

Yeroo duutu gara bakka dhaqxuu bakki lamaa hubateetta yoo ta'ee fi Yesus Kristoos fayyisaa lubbuu kee akka ta'e yoo amante waan itti fufee jiru kana akka hubate mirkaneeffadhu. Amantiidhaan tarkaanfii wantoota kanaan Waaqayyoodhaa wajjin walitti dhufeenya godhi:- "Yaa Waaqayyo ani cubbamaa akkan ta'e nan amanaa nan beeka sababa cubbuu kootiif bara baraan sirraa adda ba'uun naa gala. Ta'us garuu yoo naa galuu; baate iyyuu waan na jaallateef sin gallateedha, du'ee du'aa ka'uu Yesuusin aarsaa cubbuu kootii waan naa qopheesiteef sin gallateefadha. Yesus Kristoos waa'ee cubbuu kootiif akka du'e nan amana akkasumas fayyuuf isa qofatti nan amana. Har'aa jalqabee cubbuu caalaa jireenya kee nan jiraadha. Bara jireenya koo hafee ati kan naaf qopheesite fayyina ajaa'ibsiisa akkan kennu na gargaari. Yaa Yesus waan na fayyifteef sin galateeffadha.

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yoo duute eessa dhaqxa?
© Copyright Got Questions Ministries