settings icon
share icon
Gaaffii

Araara argadhuu? Waaqayyo biraa akkamittan araara argadha?

Deebii


Hojii Ergamootaa 13:38 akkasitti ibsa,” kanaafis karaa Yesuus isa du’aa ka’e kanaan dhiifamuun cubbuu isintti ni lallabama.”

Araarri maali maalifis na barbaachisa?

Jechi “araara” jedhu haaxa’anii qulleessuu, haa hafu jechuu, liqii namaa dhiisuu jechuudha. Yeroo nama tokko yakkinu, araara gochuu isaanii barbaadna waltti dhufeenyi keenya deebi’ee akka haarmfamuudhaaf. Araarri namichi waan araarri isaaf ta’uuf miti kan kennamuuf. Araara argachuudhaaf namni isaaf ta’u hin jiru. Araarri hojii jaalaala, araaraa fi ayyaanaaati. Araarri nama kan biraa irratti waa qabachuu dhiisuu murteessuudha, waanta jarri si irratti hojjetan ta’u illee.

Macaafini Qulqulluun hundumti keenya araarri Waaqayyoo akka nu barbaachisu nutti hima. Hundumti keenya cubbuu hojjenneerrra. Macaafni Lallabaa 7:20 kan dubbatu, “Haa ta’u malee namni qajeelaan yeroo hundumaa waanta gaarii hojjetu cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru” 1Yohaannis 1:8 “cubbuu hin qabnu yoo jenne of ni soosobna dhugaanis nu keessa hin jiru.” jedha. Cubbuun hundinuu guutummaatti hojii Waaqayyo irratti finciluuti (Faarsaa 51:4). Kana waan ta’eef, dhiifamin Waaqayyoo guddisee nu barbaachisa. Cubbuun keenya yoo nuuf hin dhiifamne, adabbii cubbuu keenyaatiif bara baraan gidiraa keessatti dabarsina (Maateewoos 25:46; Yoohaannis 3:36).

Araara - akkamiinan argadha?

Waanti nama gammachiisu, Waaqayyo kan jaallatuu fi araaraan kan guutamedha- cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaaf kan qophaa’eedha! 2Pheexroos 3:9 kan nutti himu, “…inni namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geeddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaadneef obsaan isiniif ni danda’a.” Waaqayyo nuuf ddhiisuu barbaada, kanaaf araraa keenyaaf ni qopheesse.

Addabbiin cubbuu keenyaaf ta’u inni sirriin du’a. garri jalqabaa walakkaan Roomaa 6:23 kan dubbatu “Beenyaan nama cubbuu hojjetu du’a…” Duuni bara baraa gatii cubbuu keenyaa waan nuyi argannuudha. Waaqayyo, karoora isaa isa guutuudhaan, ilma namaa ta’e-Yesuus Kiristoos (Yohaannis 1:1,14). Yesuus fannoo irratti du’ee, adabbii nuuf ta’u-du’a fudhachuudhaan. 2 Qorontoos 5:21 kan inni nu barsiisu, “Isa cubbuu tokko illee hin qabne nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti nuuf jedhee cubbuu isa godheera.” Yesuus fannoo irratti du’e, adabbii nuuf ta’u isa keenyaa fudhachuudhaan! Akka Waaqayyootti, duuti Yesuus cubbuu biyya lafaa guutummaatiif araara argamsiisa. 1Yohaannis 2:2 kan dubbatu, “Inni furee cubbuu keenyaati cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.” Yesuus du’aa ka’e, du’aa fi cubbuu irratti gooftummaa qabu labse (1 Qorontoos 15:1-28). Galanni Waaqayyoodhaaf haa ta’u, karaa du’aa fi du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos kutaan lammaaffaan Roomaa 6:23 dhugaadha, “ …kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati.”

Cubbuun kee akka siif dhiifamu ni barbaaddaa? Yakkaaf jinaa’uun sitti dhaga’maa dhiisuun kan hindanda’amne sitti fakkaatee? Cubbuu keetiif dhiifamni qophaa’eera yoo amantii kee Yesuus Kiristoos irra godhatte akka fayyiisaa lubbuu keetiitti. Efeesoon 1:7 akkas jedha, “ Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kiristoos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu dhiifamuu cubbuus qabna.” Yesuus liqii keenya kaffaleeera, kanaaf araara argachuu dandeenya. Kan ati hojjettu walumaa galatti karaa Yesuus akka siif dhiisu isa gaafadhu, Yesuus cubbuu kee kaffaluudhaaf akka du’e amanuudhaan- innis siif dhiisa! Yohaannis 3:16-17 ergaa dinqisiisaa qabatee jira, “Yesuus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo beeksifte Waaqayyo du’aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa ni argatta. Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee.”

Araara- akka sana dhugumatti salphaadhaa?

Eeyyee inni salphaadha! Araara Waaqayyo biraa argachuu hin dandeessu. Araara kee Waaqayyo biraatiif umaa kaffaluu hin dandeessu. Fudhachuu duwwaa malee, amantiidhaan, karaa araaraa fi ayyaana Waaqayyootiin. Yoo akka fayyisaa dhuunfaa keetiitti Yesuus Kiristoositti amanuu barbaadde, cubbuu keetiifis Waaqayyo biraa araara argachuu barbaadde, kunoo kadhata kana kadhachuu dandeessa. Jechuun kadhannaan kun yookiin kadhannaan gosti kami iyyuu si hin fayyisu. Kadhatni kun karaa ati amantii kee Waaqayyo irratti qabdu itti agarsiiftu fi araara siif qopheessuu isattii isa galateeffattudha. “Waaqayyo, ani sirratti akkan cubbuu hojjedhe fi adabbiin akka naaf ta’u nan beeka. Garuu Yesuus Kiristoos adabbii anaaf ta’u fudhateera kanaaf karaa isatti amantii qabuun araara argachuu nan danda’a. fayyinaaf amantii koo sirrattan godhadha. Ayyaana kee fi namaaf dhiisuu kee dinqisiisaadhaaf sin galateeffadha! Ameen!”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Araara argadhuu? Waaqayyo biraa akkamittan araara argadha?
© Copyright Got Questions Ministries