settings icon
share icon
Gaaffii

Barumsa dogogoran amantaa sirrii hin taane keessa nama jiru akkamitti wangeelaan bira ga’uun danda’ama?

Deebii


Dogogora amantaan sirrii hin taanee keessa kan jiran gochuun kan nurra jiru wanti guddaan isaaniif kadhachuu dha. Waaqayyo dhugaadhaaf laphee isaanii akka banan akka jijjiraniif kadhachuutu barbaachiisa. (2Qor. 4:4). Waaqayyo fayyina Yesus Kristoosiin argamu akka isaan barbaachiisu garaa isaanitti akka amanan kadhachuun barbaachiisa dha (Yoha. 3:16). Humna Waaqayyo fi hafuura Qulqulluus hubannaa inni kennuu alatti eenyu iyyuu dhugaa isaa amansiisuuf fiixaan baasuu hin danda’u. (Yoh. 16:7-11).

Akkasumas amantaa dogogoraan amantaa sirrii hin taaneen namoota hidhaman Waaqayyo jijjirama inni jireenya keenya irratti godhe akka arganiif Waaqayyoon fakkaachuun jireenya kristaanummaatti jiraachuutu nurra jira (1Phex. 3:1-2). Waa’ee ogummaa akkamitti humna ajaa’ibsiisaan isaan tajaajilu akka dandeenyu kadhachuutu barbaachiisa (Yaq. 1:5). Kana hundumaa booda garuu yeroo wangeela qoodnuutti ija jabbummaan ta’uutu irra jira. Ergaa fayyinna Kristoos Yesus labsuutu nurra jira. (Rom. 10:9-10). Amantii keenya beeksiisuuf yeroo hundaa kan qophoofne ta’uutu nurra jiraata (1Phex. 3:15 (garuu gad-of deebisuuf ulfinaan gochuutu nurra jira. Barsiisa keenyas sirritti dabarsuutu lola jechichaa mo’uu dandeenya garuu dheekamsa keenyaaf kan irraa ta’uuf fedhii qabnuun milkaa’uu dhiisu danda’a.

Xumura irratti namoota dhugaa baaneef fayyina Waaqayyoof dhiisuutu nurra jira. Yaalii keenya osoo hin ta’in humnaa fi ayyaana namoota kan fayyisu. Haala kanaan deebii cimaan kennuuf qophaa’uu fi waa’ee barsiisa sobaa beekuun gaarii fi ogummaadha, wantootni kun amantaa sirri hin taanee fi barumsa dogogoraa kan ol ol of qabeef bu’aa argamsiisuu danda’a. Gochuun kan nurra jiru wanti guddaan kadhachuu dhugaa ba’uu fi jireenya Yesus Kristoos qabu fuula isaanitti jiraachuu hafuurri qulqulluun isaanitti dhi’aate hojii akka hojjetu akka isaan hubachiisuu fi akka isaan jijjiru amanachuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Barumsa dogogoran amantaa sirrii hin taane keessa nama jiru akkamitti wangeelaan bira ga’uun danda’ama?
© Copyright Got Questions Ministries