settings icon
share icon
Gaaffii

Kitaabni qulqulluun waa’ee wangeela badhaadhinaa maal jedha?

Deebii


Wangeela badhaadhinaan akkasumas jecha amantii “Word of Faith,”jedhamee kan beekamu amantootni kristaanummaa wangeelaa dhugaa wajjin kan wal faalleessee Waaqayyo kristaanoota kan isaanitti fayyadamu ta’e osoo jiru Waaqayyoon kan itti fayyadaman akka godhan isaanitti himameera. Jecha amantaa yookaan og-waaqummaa badhaadhinaa hafuura qulqulluu amantootni kan heyyaman hundumaa raawwachisuuf kan fayyadu godhee kaa’a. Kitaabni qulqulluun kan nu barsiisu hafuurri qulqulluun qaama kan qabu akka ta’e fi amantootni heyyama Waaqayyoo akka raawwatan kan isaan taasisu akka ta’ee dha. Wangeelli badhaadhinaa waldaa kristaanaa ishee jalqabaa sistemii cabsee gale qaamaa wajjin baay’ee wal fakkaata. Phaawuloosi fi ergamoonni kan biroon kan akka kanaa mamii yookaan shakkii amantaa sirri hin taane kan isaan barsiisan barsiisa sobaa wajjin wal hin deggere yookaan wali hin galle. Barsiisa sobaa hamaa jedhee adda baase fi kristaanoonnis akka baqatan jabeesse isaan hubachiise.

Phaawulos waa’ee namoota akka kanaa Ximotihosiin of –eeggachiiseera 1Xim 6:5, 9:11. Kanas jechuun sammuu badeen Waaqayyoon fakkaachuun kan fedha isaanii fi kan hawwii isaanii kan ittiin argamu godhee fudhachuun badhaadhonni hawwii badhaadhinaa kiyyootti isaan gata lak. 9. Qabeenya hari’uun kristaanootaaf karaa hamaadha, Waaqayyos kan inni of-eeggachiisu keessaa isa tokkoo dha. Horii jaallachuun hundee waan hamaa hundumaati, warri tokko tokko kana yeroo hawwan amantaa irraa dogogoranii dhiphina baay’een ofi isaanii waraanan. Lakk. 10 fakkeenyummaan badhaadhaa ta’uu jireenya jiruuf sababa galmaa yoo ta’e Yesus duuka bu’a. garuu inni akkas hin godhu, kan fillate yaada ofii isaan bakka homaa akka hin qabaannedha (Matt. 8:20) bartootnis akkas akka godhan isaan barsiise. Bartoota keessaa bakka qabeenyaa namni turee qofaa isaa Yihuudaa qofa akka ture yaadachuun barbaachiisaadha.

Phaawuloos hawwuun waaqa tolfamaa waaqessuudha jedheera. (Efe. 5:5) namoonni Efesoon eenyu iyyuu hawwuu yaada cubbuu akka dhi’eessan qajeelfama kenneeraaf. (Efe. 5:6-7). Badhaadhinni Waaqayyo ofi isaa akka hin hojjenne dhorka jechuun Waaqayyo gooftaa waan hundumaa abbaa manaa hin ta’u sababni isaa nu akka hojjetu hanga hin heyyamneetti hojjechuu hin danda’u. Akka sagalee amantiitti barsiisni Waaqayyoof mo’amu Waaqayyootti amanachuu miti, amantiin barsiisa badhaadhinaa addunyaa kan to’atu seerrota hafuuraa ilaalcha addunyaa tooftaa rukkutuuti. “Sagalee amantii” maqaa kan ilaalatu sosochiin kun kan inni barsiisu amantiin nu kan nu jennu kan amanuu fi yookaan dhugaa kam iyyuu dhugaa yoo qabanne laphee keenyattis sirrii yoo taanee sana irra caala.

Sosochii amantaatiin kan baratame sagaleen jaallatamu waan gaarii labsuu dha “Positive confession.” Kun sagalee inni argisiisu ofii isaaniiti humna uumuu akka qabanii dha. Ati kan dubbatu sosochiin amantii barsiisoonni akka jedhaniitti siif kan ta’u hundumaa ni murteessa. Labsii kee Waaqayyo irraa fudhachuun fakkeenyummaan yeroo hundumaa raafama malee gaarii dubbachuutu sirra jira. Waaqayyoos deebi’uudhaaf ni dirqisifama (nama Waaqayyoo dirqisiisuu akka danda’u fakkaata!) Egaa kan Waaqayyoo dandeetti nu eebbisuu amantii keenya irratti kan rarra’ee dha. Yah. 4:13-16 barumsa kanaa wajjin kallattiidhaan walitti bu’a. “Ammas har’aa yookaan bor magaalaa kanatti ni deemna waggaa sanati ni jiraanna ni daldalas ni buufanas kan jettan isin, ilaalaa, bor waan ta’uu hin beektan. Jireenyi keessan lafa irraa? Yeroo muraasa mul’ate booda akka fixeensa baduuti.” Gara fuulduraatti wantootni gara jiraachuuti akka dhufan dubbachuuf hafee bor kan inni fidu bakka hin beekne, jiraachuu keenya illee hin beeknu.

Kitaabni qulqulluun waa’ee qabeenyaa barbachisummaa isaa xiyyaafannoo itti kennuu caalaa faallaa isaatiin akka duukaa hin buune of-nu eeggachiisa. Mana Waaqayyoo keessatti Kristaanoonni caalatti amantootni jaalala horii irraa bilisa ta’uutu irra jiraata (1Xim. 3:3) (Ibr. 13:5). Horii jaallachuun gara hameenya hundumaatti nama geggeesa. (1Xim. 6:10). Yesus of-eeggachiiseera:- “Jireenyi namaa baay’ina horiitiin mitihoo of- eeggadhaa, kajeelaa hundumaa irraa of-eegaa jedheen.” (Luq. 12:15). Jecha amantii raawwatee kana irraa adda ba’e waa’ee qarshii argachuu fi jireenyaan ulfaachuu (possessions in this life) Yesus yeroo dubbatu:- Yesus immoo, “Badhaadhumaa ofii keessani lafa irratti iddoo bilii fi daana’oon nyaatutti, hattunis cabsitee iddoo hattutti, walitti hin qabatinaa,” (Matt. 6:19). Walitti bu’iinsi haraaramuun hin danda’amne barumsa wangeela badhaadhinaa fi barumsa wangeela Yesus Kristoosi gidduutti dabbalataan kan hin caalle dubbii Yesus Kristoosiin ibsameera Matt. 6:24, “Gooftaa lamaaf kan bitamuu homtuu hin jiru”.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kitaabni qulqulluun waa’ee wangeela badhaadhinaa maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries