settings icon
share icon
Gaaffii

Waabdiin bara baraa cubbuudhaaf hojjechuuf ni hayyamaa?

Deebii


Barumsa waabdii bara baraa ilaalchisee moromiin baay’een irraa deddeebi’amu namoonni akka barbaadanitti jiraatanis amma iyyu ni fayyu kan jedhu yaadamuu isaatiin. Inni kun tarii gaafa ilaalamu dhugaadha, inni dhugumaan sirrii miti. Namni Yesus Kiristositti amanuudhaan dhugumaan fayyina argate jireenya cubbuu itti fufiinsaan hojjetamu, fedhii cubbuu keessa hin jiraatu. Kiristaanni akkamiin akka jiraachuu qabuu fi fayyina argachuudhaaf namni tokko maal akka raawwachuu qabu gidduutti garaa garummaa kaa’uu qabna.

Fayyinni ayyaanaan duwwaa akka ta’e Macaafni Qulqulluun ifa taasisa, Kiristos Yesusiin qofa (Yohaannis 3:16; Efeson 2:8-9; Yohaannis 14:6). Batala namni Yesus Kiristositti amanetti, inni yookiin isheen fayyiteetti fayyina ishee yookiin isaatti waabdii qaba. Fayyinni amantiittiidhaan hin argamu, garuu hojiidhaan agarsiisama. Ergamaan Phaawloos dhimma kana Galaatiyaa 3:3 keessatti kaasa yeroo inni gaafaatu akkas jedhee, “Attam akkas wallaalota taatuu? Hafuura qulqulluudhaan jalqabdanii amma immoo yaada fooniitiin raawwachuu barbaadduuree?” Amantiidhaan fayyine taanaan fayyinni keenya amantiidhaan eegamaadha kunuunfamaadhas. Fayyina mataa keenyaa argachuu hin dandeenyu. Sababa kanaatiif, kunuunsa fayyina keenyaas argachuu hin dandeenyu. Fayyina keenya kan eegu inni Waaqayyoodha (Yihudaa 24). Jabeessee cimsee kan nu qabee jiru harka Waaqayyooti (Yohaannis 10:28-29). Eenyu illee isa irraa adda nubaasuu kan hin dandeenye jaalala Waaqayooti (Roomaa 8:38-39).

Waabdii bara baraa kan ganu waanti kam iyyuu, uumama isaatiin, amantii nuyi hojii keenya isa gaarii fi tattaaffii keenyaan fayyina mataa keenyaa eeggachuu qabna kan jedhudha. Inni kun fayyinni ayyaanaan kan jedhuu wajjin guutummaatti faallaadha. Badhasaa akkasumaa isa kan Kiristosootiin fayyine isa kan keenyaatiin miti (Roomaa 4:3-8). Fayyina keenya argachuudhaaf sagalee waaqayyootiif guutummaatti ajajamuu qabna yookiin jireenya quqlqula’aa jiraachuu qabna jechuun, duuni Yesus gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf ga’aa hin turre jedhanii amanuudha. Gatii cubbuu keenyaa isa darbee, isa ammaa fi isa fuulduraa keenyaa, fayyina duraa fi fayyina boodaa, kaffaluudhaaf du’uun Yesus guutummaatti ga’aa ture (Roomaa 5:8; 1 Qorontoos 15:3; 2 Qorontoos 5:21).

Inni kun Kiristaanni akka barabaadetti jiraachuu danda’a ta’us amma iyyuu kan fayyeedha jechuudhaa? Inni kun bu’uurumatti gaaffii sammuutti yaadamuudha, sababni isaa Macaafni Qulqulluun kiristaanni inni dhugaan karaa “akka ofii isaa barbaadetti” akka hin jiraanne ifa taasiisa. Kiristaanonni uumama haaraadha (2 Qorontoos 5:17). Kiristaanonni ija hafuuraa agarsiisu (Galaatiya 5:22-23), hojii foonii miti (Galaatiya 5: 19-21). 1 Yohaannis 3:6-9 kiristaanni inni dhugaan cubbuutti qabamee akka hin jiraanne ifa godhee kaa’a. Deebii falmii isa ayyaanni cubbuu jajjabeessa jedhuuf, ergamaan Phaawloos akkas jechuun dubbata “Egaa ayyaanni Waaqayyoo akka baay’atuuf cubbuutti jiraachuu itti fufnaaree? Kun matumaa hin ta’u! Nuyi warri cubbuu jalaa duune, si’achi attamitti cubbuu jala jiraannaree?” (Romans 6:1-2).

Waabdiin bara baraa cubbuudhaaf hin hayyamu. Bakk isaa jarreen Kiristoositti amananiif jaalalli Waaqayyoo akka waabdii akka qabu beekuudha. Kennaa Waaqayyoo isa dinqisiisa beekuu fi hubachuun faallaa isa cubbuufi hayyama laachuu raawwata. Akkamiin namni tokko, gataii Yesus Kiristos nuuf kaffale beekaa, jireenya cubbuu jiraachuu itti fufaa (Roomaa 6:15-23)? Jaalala Waaqayyo warra isa amananiif kan haal-duree tokko male ta’ee fi waabdii qabeessa ta’uu isaa beekaa namni tokko akkamiittiin jaalala sana fuudhee fuula Waaqayyoo irratti deebisee darabataa? Namni akkasii waabdiin bara baraa akka cubbuu raawwatuuf hayyama akka isaa hin kennine agarsiisaa hin jiru, garuu irra caalaatti inni yookiin isheen fayyina karaa Yesus Kiristos sirriitti hin shaakalle. “Egaa namni isatti qabamee jiraatu hundinuu cubbuu hin hojjetu; namni cubbee hojjetu hundinuu garuu isa hin argine, isa hin beeknes” (1 Yohaannis 3:6).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waabdiin bara baraa cubbuudhaaf hojjechuuf ni hayyamaa? Waaqayyo nama takkaa waa’e Isaa hin dhageenyeetti hin faradaa?
© Copyright Got Questions Ministries