Umuriin lafaa maalii dha? Umuriin lafaa meeqa?



Gaaffii: Umuriin lafaa maalii dha? Umuriin lafaa meeqa?

Deebii:
Dhimma mata duree tokko tokkoo irratti kitaabni qulqulluun baay’ee ifaa dha. Fakkeenyaaf:- Waaqayyo wajjin safuu namuusaa nu qabnu, fayyina karaa ittiin argannuu dha. Dhimmoota kan biroodhaan immoo kitaabni qulqulluun odeefannoo gahaa kennuu dhiisuu danda’a. kitaaba qulqulluu of-eegannoon yeroo dubbifnu dhimma baay’ee barbaachisaa ta’ee kitaabni qulqulluun kallatiidhaan dhimmicha waliin gaha. Jechama kan biraan “Dhimmootni gurguddoon ifoo dha” kitaaba qulqulluudhaan adda baafame kan hin kaa’mne tokkoo umuri lafaati. Bara lafaa tilmaamuuf kan ittiin shaakalamu karaawwan adda addaa jiru. Karaan adda addaa kan itti fayyadaman tarii sirrii ta’uu yookaan ta’uu dhiisuu kan danda’an yaadawwan qabu. Hunduu kan kitaaba qulqulluu yookaan saayinsawwaa kan ta’ee kallattidhaan naannoo hiikaatti adda baasee lamanuu gidduudha tokkoo ni kufu.

Inni tokkoo umuri lafaa tilmaamuuf karaan ittiin yaadamu Uumama 1 kan nu argannu guyyoota jaha sirritti tokko tokkoon sa’a 24 dha kan inni argisiisu akkasumas baraaf duraa fi duuba ta’e qorannoo hidda sanyii namaa qaawwan homtuu hin turre jedhee yaaduu dha.

Seera uumamaa irratti kan nu argannu hundeen sanyii namaa tareefama barootaaf hojii uumamaa jalqabaa jalqabee hanga kakuu moofaa murtaa’aniiti ta’iiwwan ta’an yeroo tilmaamaa kaa’uudhaaf kan gargaaranii dha. Karaa kana fayyadamuudhaan umurii bara lafaa waggaa 6000 ta’a.kana yaadachuun ni barbaachiisa, kitaaba qulqulluu irratti ifatti kan ka’aame bara umurii lafaa lakkoofsa hin qabu, kun lakkoofsa eda’ama herregaa irraa kan argamee dha.

Kan biraan umurii lafaa beekuudhaaf karaan jiru albudoota keessatti kan argamu qorannoo bu’aara qabiyyee karbooniin kan godhamu (radiometric (carbon) dating), sanyiin namaa marsaa fi kan kana fakkaatanii dha. Karaa adda addaatiin wal madaalchiisuu fi yoo in dhaga’a ta’ee arguudhaaf qoratoonni umurii lafaa tilmaamuuf ni yaalu. Kun umurii lafaa 4 hanga 5 mliyoonaan kan geessisuu dha. Umurii lafaa safaruuf karaa kalatti kam iyyuu akka hin jiree itti yaaduutu barbaachiisa. Karaawwan laman bara lafaa dubbachuf gara booddeetti dandeetti harkisuu qabu.Guyyaan uumamaa kan inni dubbatu kutaa kitaaba qulqulluu akka baratame sa’a 24 akka ta’e kan hin amanne beektoonni og-waaqummaa jiru. Bifa wal fakkaataan seera uumamaa hundee sanyii namaa yoo ilaalu kan inni eeru sanyii namoota muraasaa qofa ta’uu isaan qaawwaa ifatti beekamu qaba. Safartuu qabatamaa ta’een umurii bara lafaa waggaa 6000 kan hin caalee dargagoodha jedhanii kan irratti wali galan hin fakkaatu kanaaf odeefannoo akka kanaa fudhachuu dhiisuun Waaqayyo addunyaa amma ilaalu lafa yeroo hojjete akka dulloome godhee akka hojjete ammam illee bifa faalleesuun jechuun akka danda’amu umurii dheeraa duloome qaba kan jedhu ilaalcha kan qaban kristaanoonni kitaabni qulqulluun dogogora homaa kan hin qabne hafuurri Waaqayyoo kan keessa jiru akka ta’e fudhatu garuu kutaa kitaaba qulqulluu hiika sirrii adda basu. Bifa kan biraan qabiyyeen karbooni bu’aara kan godhatu qorannoo (Radiometriki) faayida qabeessaa fi sirrii ta’uu kan danda’u hanga murtaaa’ee qofatti dha bara lafaa kan ilaalatu safartuu ka’amee irraa kan xiqqaatee dha. Qayyabannaan lafaa safartuu yeroo odeefannoo haftee qaamaa fi kan kana fakkaataan baay’inaan akkaataa yaada tilmaamaa fi dogogora beekamoo irratti kan hundaa’aanidha. Isa guddaa seeraa uumamaa keessatti kan jiru irratti ilaalchi nu qabnu wal fakkaataa dha, ilaaluu kan dandeenyu addunyaa jiru irratti hanga murtooftuu dha. Baay’inaan kan nutti beeknu beekumsa jechaa qofan. Gabaabaadhummatti addunyaa irra kan jiru barrii umurii lafaa tlmaamni isaa sirrii akka hin taane amanuudhaa fi sababa gahaa ta’ee oltu jira. Gaaffii saayinsii deebisuudhaaf saayinsii irratti hirkachuun waa tokko iyyuu miti, haa ta’uu malee saayinsiin dogogorri tokko kan irratti hin argamne godhanii fudhachuun hin danda’amu.

Dhumma irratti umuriin lafaa duraa fi boodaan mirkanaa’uu hin danda’u.bifa hin eegamneen saayinsiidhaanis ta’e og-waaqummaan dhimmicha irratti karaa lammanuun tokko ta’uu kan danda’u hiika qofaa ta’ee qaba kan jedhan sagaleen jiru. Dhugummatti kiristaanummaa fi lafa umurii lafaa dheeraa qabduu ilaalcha gidduu dha haraaramuu kan danda’u walitti bu’iinsa og-waaqummaa hin jiru akka bara dargagummaatti kan lakkaa’amuu umurii gababaa lafa qabdu fi saayinsii dhugaa gidduu akkasuma dha. Kana yoo hin taane hin ta’u akka jirutti kan jedhan qoqoodinsa barbaadamu uumu. Ilaalchi kam iyyuu namni tokko yoo qabaate wanti guddaan yoo fudhatees fudhachuu yoo baatees sagaleen Waaqayyoo dhugaa fi aboo kan qabuu dha. Bara umurii lafaa dargageessa dhi’oo kan godhuu (young erth perspective) ilaalchi kan inni fudhatu kutaan tajaajilaa gaaffiiwwan jiru. Uma. 1-2 irra kan jiru jechaa jechaatti hiika kallatiin akka qabuu dha kan nu amannu, bara umurii lafaa dargageessa dhi’oo kan godhu (young earth perspective) ilaalcha barreefamaan kan dhi’eessu akkasitti. Wal fakkaataan immoo lafti umurii dheeraa qabdi ilaalchi jedhuus barumsa dogogoraati hin jennu. Bara umurii lafaa kan ilaalatu ilaalcha keenya wajjin kan wali hin galee amantii obboloota keenyaa gaafii keessa hin galchinu. Namni tokko lafti umurii dheeraa akka qabdu kan amanu ilaalcha yoo qabaatee amantii kristaanummaa barumsa gurgurddaa qabaachuu danda’a.

Akka umurii bara lafaa mata dureewwan jiranidha Phaawuloos kitaaba qulqulluu irratti tarreefamaan kan hin ka’aamiin dhimootni haga ta’uun oli akka hin dhiphanne kan isaan kadhatu. (Rome. 14:1-10, Tito 3:9). Kitaaba qulqulluu irratti barri umurii lafaa ifaa miti.Waan guddaas miti. Namni tokko bara umurii lafaa irratti kan jiraatu ilaalchii cubbuudhaan hiyyummaadhaan, namuusaan waa’ee samii fi si’ool ilaalchi inni qabu irratti dhiibbaa inni qabuu hin jiru. Lafa eenyu akka uume maaliif akka uume isaaf nuu dursinee eenyu akka taane kan nutti himame beekna. Ta’us garuu kitaabni qulqulluun bifa nama hin rakkifneen ifatti lafti yoom akka uumame nutti hin himu.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Umuriin lafaa maalii dha? Umuriin lafaa meeqa?