settings icon
share icon
Gaaffii

Kristaanoonni seera lafa irra jiraataniif abboomamuutu irra jira?

Deebii


Rom. 13:1-7 yeroo dubbatu “Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abbomamu! Fedha Waaqayyoo malee aboo qabachuun hin danda’amu; warra aboo qabatanis Waaqayyotu achi isaan dhaabe. kanaaf namni aboo kanaaf abboomauu didu, waan Waaqayyo dhaabeen in morma; warri kana godhanis firdii of irratti fidu. Namoota waan gadhee hojjetan malee, namoonni gaarii hojjetana warra biyya seerratan hin sodaatan. Egaa atis aboo isaanii akka hin sodaanne godhachuu in barbaaddaa? Yoos waan gaarii hojjedhu! Akkasitti warra aboo qaban biraa galata in argatta. Isaan kun waan gaarii hojjechuudhaaf Waaqayyo biraa siif kennaman. Ati waan hamaa yoo hojjette garuu, isaan sodaadhu! Isaan nama hamaa hojjetu irratti adaba Waaqayyoo raawwachuudhaaf malee, billa isa ittiin adabuudhaaf itti kenneme sana akkasumaan hin baatan. Kanaafis, namni adaba Waaqayyo duwwaaf utuu hin ta’in, yaada garaa isaa ciibsachuuf abboomamuun in ta’a. Isinis kanaaf gibira baaftu, warri aboo qaban kunis yeroo kana raawwachuudhaaf dhaabataniitti Waaqayyoof hojjechuu isaanii ti. Egaa hundumaaf waan isaan isin irraa argachuuf malan, baasaaf, isa gibirii isaaf ta’uuf gibira, isa qaraxi isaaf ta’uuf qaraxa, isa sodaatamuun isaaf ta’uuf sodaatamuu, isa ulfinni isaaf ta’uuf ulfina kennaaf!”

Kutaan kun ifatti akka dubbatu Waaqayyo nu irratti mootummaa inni kaa’ee abboomamuutu nurra jira. Waaqayyo mootonni seera akka seerratan seeraan akka mo’an hamaa akka adaban haqa akka godhan isaan dhaabbeera (Uma. 9:6, 1Qor. 14:33, Rom 12:8). Mootummaa hundaaf yeroo abboomamnu gibira kaffaluu fi seera kabajuu kabaja argisiisutu nurra jiraata. Kana gochuu dhaa yoo baannee kan nu kabajuu dhiifnu Waaqayyoo dha sababni isaa mootonnii nu irra kan kaa’ee isa dha. Phaawuloos warra Roomaatiin yeroo barreessu bara Neerootti harka warra Roomaa ture namni kun Roomaa kan turan bitootni hunduu kan haammate ture. Phaawulos kana keessatti mootummaa Roomaatiif bitamuu qabu argisiisa. Nuyis kanaan ala maal gochuu dandeenyaa?

Gaaffiin itti aanuu “Seera lafa irra jiraatuuf abboomamuu yeroon nurra hin jiraanne ni jiraata;” gaaffii kanaaf deebiin tarii kan inni argamu HoE. 5:27-29 “Ergamoota sana fidanii yaa’ii sana dura dhaabachiisan. Angafni lubootaas gaaffiidhaan isaan qoree, Nuyi maqaa kanaan akka hin barsiifne cimsinee isin abboomneera, isin garuu kunoo, barsiisa keessaniin Yerusaalemiin waliin geessanitu; akkasumas dhiiga namicha kanaa nu irratti fiduu yaaddu jedhee isaan gaaffate. Pheexiroosiif ergamoonni warri kaan garuu deebisanii “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira.” Kana irraa kan nu arginu seerri biyya lafaa seera Waaqayyoo hanga hin mormineetti seera biyyattis abboomamuuf ni dirqamna. Seerri biyyatti yeroo seera Waaqayyoon mormeetti seera Waaqayyoo raawwana. Ta’us yeroo sanatti seera mootummaa biyyatti kan nu abboomu ni fudhanna. Kun nuuf ibsameera Pheexiroosi fi Yohaannis hidhamanii yeroo reebamaniitti Waaqayyoof abboomamuudhaan Waaqa galateefatan malee hin mormine (HoE. 5:40-42).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kristaanoonni seera lafa irra jiraataniif abboomamuutu irra jira?
© Copyright Got Questions Ministries