settings icon
share icon
Gaaffii

Macaafni qulqulluun waa’ee sanyummaa, dhiphummaa sammuu fi loogummaa maal jedha?

Deebii


Maree kana irratti hubachuun kan irra jiru wanti dursuu sanyiin tokko qofti jiraachuu isaati__sanyii namaa. Kaawukasinooti, Afrikaanoota, Hindoota, Arabooti sanyii adda addaa miti. Ta’us, isaan sanyii namaa gosa sanyii adda addaati. Ijoolleen namaa hundumtuu amala qaamummaa qabu (dhugumatti, garararummaan muraasni). Irra jireenyaan, sanyiin namaa hunduu bifa Waaqayyooti fi fakkaatii isaatti kan uumaman (Uumama 1:26-27). Waaqayyo biyya lafaa jaalateera. Yesuusiin erge jireenya isaa akka nuuf laatuuf jecha (Yohannis 3:16). “Addunyaa” ifatti sanyii hundumaa firoota of keessatti qabata.

Waaqayyoo loogummaa yookaan jaalala adda ta’e hin argisiisu (Keessa keebii 10:17, Hoji ergamootaa 10:34, Roome, 2:11, Efesoon 6:9), nus akkuma sana. Yaqoob 2:4 loogummaa kan godhan kan ibsuu “yaada hamaa kan qaban abbootii seeraa” kan jedhuun. Ta’us nuun abbaa budeennaa keenya akka mataa keenyaatti jaallachuutu nurra jiraata (Yaaqob 2:8). Kakuu moofaatti ijoolee namaa kara lamaan “kan sanyii” gareetti ramadeera: Yihudii fi horma. Waaqayyoof Yihuudiif yaada qabachaa ture mootummaa lubootaa akka ta’an ture, saba hormootaa akka tajaajilan. Tilmamuma irraa, kutaan irra jireessi, Yihudoonni taayitaa isaaniin boonani hormoota tuffatan. Yesuus Kristoos kana gara dhumaatti fide, keenyan jeequmsaa diiguudhaan (Efesoon 2:14). Sanyummaa gosa kamii iyyuu, odeefannoo sobaan nama yookaan sanyi tokko jibbuu, loogummaa, Kristoos fannoo irratti hojii inni hojjetteen kan wal faallessuu dha.

Yesuus wali walii keenya akka jaallannu nu aboomeera, inni akka nu jaallatu (Yoha. 13:34). Waaqayyoo loogaa yoo ta’uu baatee fi nuun loogii malee yoo nu jaallate, egaa nuus kan biroo bifa wal fakkaataan sadarkaa guddaan jaallachuutu nurra jira. Yesuus, Maattihos 25 irratti yeroo barsiisuu kammiffuu obboloota gadi aanoof kan goonuu isaaf gooneera. Nama xureessuudhaaf yoo qabannee, fakkaatti Waaqayyotti nama uumame akka malee qabne jechuu dha, Waaqayyoo kan jaallate tokko miineera, innis Kristoos kan du’eef.

Sanyummaa bifa adda addaaatiifi duubeessa adda addaatiin, ijoollee namaatiif gufuu ta’eera, waggoota kumaaf. Obboollotootaa fi obbolleewwan sanyiiwwan hundaa, kana ta’uun irra hin jiru. Kan sanyummaa, odeefannoo sobaa irrattti kan hundaa’een sanyii tokko jibbuu, fi loogummaa kan godhan dhiifama gaaffachuu qabu. Efesoon 4:32 akka labsuutti, “walitti kan toltan, garaas kan walii laaftan ta’aa, wali walii keessaniif dhiisuudhaan, Waaqayyoo Kristoosiin akka isiniif dhiisee.” warra sanyummaaf dhiifamni keessan hin ta’uuf ta’u danda’a, nuu garuu dhiifamni Waaqayyoo nuuf barbaachiisa. Sanyummaa, sanyii kan biraa jibbuu, fi loogummaa kan shaakalan qalbi jijjirachuutu irra jiraata. “Ta’us garuu warra du’an irraa addaan baatani jireenyatti akka jiraataniif ofii keessan Waaqayyoof dhi’eessaa, buusaa qaama keessanii mi’a lolaa qajeellummaa godhaati Waaqayyoof dhi’eessaa” (Roome 6:13). Galaatiyaa 3:28 walitti qabee kaa’aa, “Yihudii yookiis Girikii, garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru, isin hundi keessan kara Kristoos Yesuusiin tokkoo.”

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Macaafni qulqulluun waa’ee sanyummaa, dhiphummaa sammuu fi loogummaa maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries