Kitaabni qulqulluun waa’ee ittisa da’umsaa maal jedha?



Gaaffii: Kitaabni qulqulluun waa’ee ittisa da’umsaa maal jedha? Kristaanni ittisa da’umsaa fayyadamuun irra jiraataa?

Deebii:
“Horaa baay’adhaa lafas guuta” (Uma. 1:28) jedhamee namni Waaqayyoon ajajameera. Ga’iillii kan mija’eef haala tasgabaa’aan ijoollee horuun Waaqayyoon kan hundaa’ee dha. Bifa nama gaddisiisuun ijoolleen garuu har’a akka rakkoo fi ba’atti lakkaa’amu. Jireenya namaa keessatti karaan hojii galmii dinaagdee akkaatee jireenyaa fi jireenya hawaasummaa irratti akka dhaabbatan yaadama. Yeroo baay’eetti kan akka kanaa of jaallachuun ka’umsaittisa da’umsaa fayyaduu jalaati.

Of jaallachuu faalleessuun ittisa da’umsaa fayyadamuu duuba kitaabni qulqulluun ijoolleen kennaa Waaqayyiitti jedhee dhi’eessa. (Uma. 4:1, Uma. 33:5). Ijoolleen kennaa Waaqayyooti (Luqa. 1:42).Ijoolleen gonfoo mataati. (Fak. 17:6). Waaqayyo dubartoota dhabduu ijooleedhaan eebbisa. (Faru. 113:9, Uma. 21:1-3, 25:21-22, 30:1-2, 1Sam. 1:6-8, Luq. 1:7, 24-25). Waaqayyo ijoollee garaa keesstti hojjeta. (Fak. 139:13-16). Waaqayyo ijoolleen osoo hin dhalatiin dura isaan beeka. (Erm. 1:5, Gala. 1:15). Dhi’ootti kan argannu ittisa ulfaa kan mormuu kutaan kitaaba qulqulluu kan argannu Uumama 38 mucaa Yihuudaa Er’inaa seenaa Awunaanitti. Er. Ti’imaan kan jedhamtu dubartii fuudhe. Nama hamaa waan turef du’e, Ti’imaari abbaa manaa fi mucaa malee hafte.Obboleessaa Awunaan sera lak. 25:5-6 ga’ilaaf kennite. Awunaan dhaala qabuu qooda obbolessaa isaati kan godhatuuf hir’uuf waan hin barbaanneef yeroo sanatti shaakala ture sanyii isaa dhabamsiisuuf ittise. Uma. 38:10 “Wanti inni hojjete kun Waaqayyon duratti jal’aa ta’ee argame, kanaaf Waaqayyo innis immoo akka du’uu godhe.” Awunaan laphee of-jaallachuudhaan guute miira foonii isaaf Teyimar wajjiin ciisaa obboleessa isaaf garuu sanyii ambisuu fi hin barbaanne. Kutaan kun yeroo baay’ee ittisa da’umsaa Waaqayyo akka hin barbaanne eeruudhaaf faayidaa irra ooleera. Ta’us garuu Awunaan kandu’eef sanyii isaa addaan kutuuf osoo hin taane of-jaallachuudhaan gocha hamaadhaan sababa guutamee dha.

Addunyaa ijoolee nu akka agaruuf karaa ittiin nutty himtu osoo hin taanne Waaqayyo akka isaan ilaalu ilaalutu barbaachiisa.Kitaabni qulqulluun ittisa da’umsaa (contraception) hin dhowwu yoo jennu ittisa da’umsaa (contraception) burqisiisuu) faallaadha. Ittisa da’umsa fudhachuu miti sirriis dogogoras kan isa godhu. Awunaa irraa akka baranutti ulfa addaan kutuu duuba motivii jiruuf yaada ka’umsaatin sirrii yookaan dogogora kan godhu. Abbaa manaa fi haati manaa lama ittisa da’umsaa kan isaan itti fayyadaman caalaa baay’ee akka qabaataniif yoo ta’e dogogoraa dha. Ittisa da’umsaa garuu kan fudhataniif dinagdee fi bilchina hafuuraa caaluu qopheessuudhaaf yeroo murtaa’eef tursuu yoo ta’e ittisa da’umsaa fudhachuun fudhatama kan qabuu dha. Dabalataan waan hundumtuu garuu motivi yaada ka’umsaati.

Kitaabni qulqulluun yeroo hundumaa ijoollee da’uun waan gaarii dha.Akka kitaaba qulqulluutti abbaa manaa fi haatii manaan yeroo hundaa ijoollee qabaachuutu irra jiraata.Kitaaba qulqulluu irratti mucaa godhachuu dhiisuun miiri eenyu iyyuu sagalee Waaqayyoo yeroo ibsinu in arginu. Haala wal fakkaataadhaan kitaaba qulqulluutti yeroo murtaa’eef ittisa da’umsaa fayyadamuun kan wal nama mormiisiisu miti.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Kitaabni qulqulluun waa’ee ittisa da’umsaa maal jedha? Kristaanni ittisa da’umsaa fayyadamuun irra jiraataa?