settings icon
share icon
Gaaffii

Mataa koo akkamittan gaa’ilaaf qopheessuu danda’aa?

Deebii


Haala kitaaba qulqulluutiin mataa ofii gaa’ilaaf qopheessuun, jireenyi gara kuteenya barbaachiisu kan akka of qopheessuuti. Akka amantoota lamaffaa dhalataniitti kallatti jireenya keenya hundumaa bituu kan nurra jiraatu qajeelfamni jira: “Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu, lubbuu kee guutuu fi yaada kee guutuu jaalladhuu” (Mat. 22:37). Kun abboommii caluma jedhee miti. Inni akka amantootaatti jireenya keenyaaf giddu galeessa. Inni akka nu irratti xiyyaafanuuf kan fillatamee dha, Waaqayyoodhaa fi sagalee isaa irratti, garaa keenya guutuu, lubbuu keenyas ta’ee yaada keenyas isa waan gammachiisuun akka guutamu.

Karaa gooftaa Yesus Kristoos Waaqayyoodhaa wajjin walitti dhufeenyi qabnu, walitti dhufeenya kan biro hundumaa gara yaada wali wajjiniiti kan fidee dha. Walitti dhufeenyi gaa’ilaa kan inni hundaa’ee Kristoosii fi waldaa kristaanaa isaa kan argisiisu (moodela) dha (Efe. 5:22-33). Tokkoon tokkoon kallatti jireenya keenyaa kan bituu akka amanaatti gara kuteenya nu qabnuu dha, abboomii gooftaatii fi yaada isaatiin. Waaqayyoodhaa fi sagalee isaatiif abboomamuu nutti qabnu Waaqayyo kan nuuf kennee gaa’ilaa fi biyya lafaa irratti gahee qabnu akka taphannuuf nu geessisa. Tokkoon tokkoon gaheen amanaa lamaffaa dhalatee immoo waan hundumaatiin Waaqayyoon kabajuudha (1Qor. 10:31).

Mataa keessan gaa’ilaaf qopheessuudhaaf, waamicha Yesus Kristoosiin qabdan akka ta’utti adeemuudhaaf karaa sagalee isaa Waaqayyoodhaa wajjin fira dhi’oo ta’uudhaaf (2Xim. 3:16-17), waan hundumaatiin abboomamuu irratti xiyyaafadha. Waaqayyoof abboomamuudhaan adeemuu barachuu fi karoorri salphaan hin jiru. Inni yeroo hundumaa filannoo nuti goonuu dha, ilaalcha biyya lafaa gara cinaatti goone bakka isaa Waaqayyoon duukaa kan buune. Kristoosiif akka ta’utti deemuu jechuun mataa keenya gad of qabuummaan bichisiisuu dha, qophaa isaa karaa, qophaa isaa dhugaa, qophaa isaa jiareenya, guyyaa hundumaatii fi daqiiqaa hundumaatiin. Sana tokkoon tokkoon amanaa qophaa’uun kan isa barbaachiiseef gaa’ila jennee kan nu waamnu kennaa guddaan.

Waan hafuuraatti kan bilchaatee Waaqayyoodhaa wajjin namni adeemuu eenyuu caalaa ga’ilaaf kan qophaa’eedha. Gaa’illi gara kuteenya, miira gadi fagoo, gad of qabuu, jaalala, fi kabaja gaaffata. Wantootni kun ragaa jabaa dha, Waaqayyoo dhaa wajjin namni firooma walitti dhi’oo qabu. Mataa keessan gaa’ilaaf yeroo qopheessitan Waaqayyo akka isin tolchuu fi akka isin sirreessuu hiyyamuufi irratti xiyyaafa dhaa, nama kamii fin yookaan dubarti kamiif akka taatan kan hiyyamuuf (Rom. 12:1-2). Mataa keessan isaaf yoo bichisiiftan, inni gaa’ilaaf gahaa isin godha, guyyaan ajaa’ibsiisaan sun yeroo ga’u.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Mataa koo akkamittan gaa’ilaaf qopheessuu danda’aa?
© Copyright Got Questions Ministries