settings icon
share icon
Gaaffii

Piritizim (preterism) waa’ee bara dhumaa ilaalchi jiru maaliidha?

Deebii


Akka Piritizimii kitaaba qulqulluu keessa kan jiran raajiin hunduu seenaa dhugaa dha. Piritizimi kitaaba mul’ata Yohaannis ilaalchiise hiika isaan qaban jaarraa jalqabaatti walitti bu’iinsi fakkenyummaa labsii malee bara dhumaatti maal akka ta’e labsii kan kennu miti kan jedhuu dha. Piriterizimi jechi jedhu Laatinii irraa Piraater (praeter) jechi jedhu kan dhufe hiiki isaa yeroo darbe “past.” dha. Egaa Piritarizim kan kitaaba qulqulluu raajiwwan bara dhumaa dabalatee kanaan dura raawwatameera kan jedhu ilaalcha dha. Piritarizimiin kallattiidhaan kan funaanamu kan fuulduraa bara dhumaa raajiiwwan ammas sichii raawwii gara fuulduraa akka qaban godhee kan ilaalu ilaalcha yeroo dhufuuti.

Piritizimiin bakka lammatti qoodama:- Piritizimii guutuu fi Piritizimii walakaa barreefamni kun Piritizimii guutuuf (yookaan Piritizimii gurguddaa tokko tokkoo jedhanii kan waaman) duddubachuuf ni murteessa. Piritirazimi kitaaba mul’ataa bara dhufu dubbachuuf ga’umsa raajummaa ni gana. Sosochiin Piritizimii kan inni barsiisu kakuu haaraan hunduu yeroo dhufu raajiwwan warri Roomaa Yerusaleemiin yeroo lolanii fi gubanitti bara haraaraa 70 raawwatamera jechuudhaan. Piritarizimiin lammata deebi’ee dhufuu Yesus bara dhumaa wajjin kan wal qabate tokkoon tokkoon ta’I bara gidiraa du’aa ka’uu warra du’anii fi firdii xumuraa akka raawwatameeti barsiisa. (Firdii bara dhumaa kan ilaalatu ammas raawwii irra jira) Yesus gara lafaatti dhufuun kan hafuuraa malee kan qaamaa miti.

Seerri Piritarizimi bara haraaraa 70 akka raawwatame Waaqayyo Israa’el wajjin kakuun turee akka raawwatamu barsiisa. Mul’ata 21:1 “waaqaa haaraa fi lafa haaraa” Piritarizimiif kakuu haaraa keessatti kan qaban ibsa addunyaati. Kristaanoonni “Uumama haaraa” akka ta’an (2Qor. 5:17) addunyaan kakuu haaraa keessa “Lafa haaraa” dha. kallattiin kun Piritizimiin (preterism) salphaatti tokko kan biraa yaada bakka bu’uu replacement” gara fudhachuutti isaan geggeessa.

Piritarizimiin (preterism) baay’inaan Yesus waa’ee harbutti kuta inni itti dubbate yeroo baay’ee wal mormii isaanii deggeruuf eeru. “Dhuguman isiiniin jedha, kun hundumtuu amma ta’utti dhalootni kun hin darbu.” (Matt. 24:34). Piritaristootni Yesus kun Maatihos 24 kan inni dubbate hundumaa inni kan itti dubbate dhaloota tokko keessatti raawwachuutu irra jira, bara haraaraa 70 kan ta’e badiisa Yerusaalem “Guyyaa firdii” ti akka jechuuti fudhatu.

Piritarizimii wajjin rakkoon jiru baay’ee dha. Dhugaa tokkootu jira Waaqayyo Israa’eel wajjin kakuu inni qabuu kan bara baraati. (Erm. 31:33-36), barri Israa’eel itti haroomtu ni dhufa (Isa. 11:12). Ergamaa Phaawulos soba kan barsiisan Hemeniwosootaa fi Filixoos of-eeggachiise “Isaan kunis. Du’aa ka’uun kanaan dura ta’eera jechaa, waa’ee dhugaa dogogoranii, amantaa warra tokko tokkoo galagalchu.” (2Xim. 2:17-18). Yesus dhaloota kana jedhee kan eere fudhatamuun kan irra jiru Mat. 24 irratti kan jiru yeroo raawwatu yeroo jalqabu kan jiru ilaaluudhaan jireenyatti kan jiran jechuun akka ta’e dha.

Kan akka gosa Barumsii walxaxaan bara dhumaa ti. Kitaabni qulqulluun fakkii mul’ata raajiwwan baay’ees dabarsuudhaaf itti fayyadamuu isaa waa’ee bara dhumaa hiikoota adda addaa akka jiraatan godheera. Wantoota kana kan ilaalate kiristaanummaan garaagarummaa addadummaa yaada bakka duwwaa qaba. Ha ta’uu malee guutummaan Piretaarizim kan eegame mormii dhangala’e kufaati Yerusaaleem wajjin wantoota wal argisiisun lammata dhufuu Kristoos mul’’ata qaamaa ganuudhaa fi bara rakkinaa hameenya isaa gadi qaba.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Piritizim (preterism) waa’ee bara dhumaa ilaalchi jiru maaliidha?
© Copyright Got Questions Ministries