settings icon
share icon
Gaaffii

Oguummaan wixineen hojjetame yaad-rimeen isaa maaliidha?

Deebii


Oguummaan kan hojjetame wixineen yaad-rimeen kan inni jedhu wantoota wal xaxaa ibsuuf sababnii ogummaa barbaachisoo dha, odeefannoon kan badhaadhe odeefannoo jireenya qaama fi isa duuka bu’anii kan dhufan kan baratameen adda ba’anii kan beekamanii fi birra ga’uun kan danda’aan.

Waan wal xaxaa hin hir’anne (Irreducible complexity) yoo hiikamu “…raawwii guddaa tokkoof wal fakkeenya adda addaa kan qaban tokko tokkoo wajjin kutaa wal qabatan keessatti seerrata qeenxee yoo hir’atee seeratni akka dhaabbatu ta’a. “Ifatti kaa’uun jireenyi faayida qabeessa akka ta’u tokko isa tokko irratti wal qabatee wal xaxee kan argamuu dha. Jijjiramne heyyamame kutaa haraadhaaf odeefannoo guddinaa ta’uu danda’a, garuu bakka tokkoottikan wal argan guddina kutaalee kanaa keessaa iyyuu seerrata tokkoon kan hojjetaman ta’uu hin danda’u. fakkeenyaaf seerrata ija namaa akkuma beekamu baay’ee faayida qabeesa dha. Agartuu ijaatiin ala kan narvii optikii fi Vishi’aal korteeksi kan argamuu jijjirama heyyamaa kan hin guutamne kutaalee ijaa hundumaa marsan yeroo tokkootti iddoo tokkootti ta’aanii sirritti yoo hin hojjenne bu’aa isaa mormuudhaan bu’aa qaama sanaa hin argamsiisu, yookaan immoo seera uumamaatiin ala ta’a.

Kan hin hir’annee wal xaxaan (Irreducible complexity) yaadni qaama jireenya qabu keessa wixineen wal xaxaan yoo jiraate gara argama isaani tokkootti kan nu fudhatuu fi kan nu geggeessu qaba. Walxaxaa muraasa (Specified complexity) ka’umsa wixinnicha seera eyyamamaa ta’ee keessatti guddisuu hin dandeenyu jedhee yaada falmii nuuf kaa’aa.Fakkeenyaaf qamaleewwan 100 kutaa guutuu fi 100 komputera tarii jechoota muraasa yookaanis hima nuu argamsiisuu danda’u ta’us garuu walaloo Shekspeer garuu nuuf hin argamsiisan. Kanaaf kan ammamii jreenya seera uumamaa hojii Shekispeeriin caalaa fagoodha? Qajeelfamni qayyabannaa sanyii namaa akka nuuf kaa’uutti addunyaa fi waa’ee hawwaa kan qoratuu jireenya Universii lafa irratti akka ta’u “Sirreefameera”. Qilleensa kan jiru wantoota hamma isaanii yoo jijjirame uumamni baay’een akkuma sanaan ni du’u. Laftii xiqqoo osoo aduutti dhi’aateeti ta’e yookaan kan fagaatee osoo ta’e uumamni baay’een jiraachuu dhaabbu. Jireenyi lafa irra jiraachuu fi guddachuun wantoota wal jijjiran baay’ee sirritti kan hin siroofne yoo ta’ee wantoota jijjiraman akka barbaadeetti kan hin ijaaramne haalan kan deeman yoo ta’e kan hin danda’amnee dha. Wixinee ifaan hojjeetame (The intelligent Design) burqaa dandeetii yaaduu adda baasee argisiisu kan hin dandeenye yoo ta’e (Waaqayyoofis ta’ee uumama addaatiif yookaan waan kan biraa) ifaan kan hojjetame wixinee yaad-rimee kan qaban Waaqayyo hin jiru kan jedhanii dha. Lubbu qabeeyyi addunyaa irraa wajjin wixineen wali nu galchuu yoo jiraate ilaaltee Waaqayyoof jiraachuu akka odeefannootti fudhatu. Ta’us, wixinee ifaa muraasa kan hin ganne Waaqayyo hin jiru kan jedhan jiru garuu Waaqayyo uumaa ta’uu isaaf beekamtii hin kennan. Odefannoowwan laftii kan hundooftee lafaa alaatti bakka ta’een kan bahe abbaan aangoo gooftaadha jedhanii hiikuuf itti fayyadamu. Dhugaa dha argama uumama addaa sanaa hin eeran deebiis hin qaban.

Ifaan wixineen hojjetame yaad-rimeen kitaaba qulqulluu yaada hojii uumuu miti.Lamaanuu gidduu garaagarummaa barbaachiisaa ta’e jira. Hojii barreefama qulqulluu uumuu kan jedhu sirrii fi dhugaa dha kan jedhuun guduunfaa kennuu dha, lubbuu qabeeyyi lafa irra jiru qaama ifaa ta’ee irraa kan wixineefame dha innis Waaqayyo. Achi irraas guduunfaa kana irra gahuudhaaf addunyaa kana irraa odeefannoo barbaadu. Ifaatti kan hojjetame yaad-rimeen wixinee kan deeman addunyaa irraa ka’uudhaan laftii qaama ifaa ta’een wixineefamteeti jedhu (eenyuu kamiin iyyuu ta’uu danda’a).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Oguummaan wixineen hojjetame yaad-rimeen isaa maaliidha?
© Copyright Got Questions Ministries