settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo maaliif hamaa fi gaarii kan adda baasee beeksiisu muka Eden Ganat kaa’ee?

Deebii


Waaqayyoo waan hamaa fi gaarii muka beeksiiftu Edeen Ganati keessakan inni kaa’ee Waaqayyoo Addaamii fi Hewwaaniif isaaf abboomamuu yookaan abboomamuu dhiisuuf filannoo kennuufiif. Addaamii fi Heewwan mukaa hamaa fi gaarii adda baasuu nyaachuun allatti waan barbaadan akka godhaniif bilisummaa qabu turan.Uma. 2:16-17, “Waaqayyo gooftaan nama akkas jedhee abboome:- muka Ganataa hundumaa ni nyaata garuu muka hamaa fi gaarii beeksiiftu hin nyaatin guyyaa isa irraa nyaatte du’a duuta.” Waaqayyo Addaami fi Hewwaaniin fillannoo osoo hin kenninee fi akka hojjetan waan barbaadame qofa gochuudhaaf akka qophaa’an Rohooboti ta’u turan. Waaqayyo Addaami fi Heewwaniin murtoo murteessuu akka danda’an waan hamaa fi gaarii gidduu fillachuu akka danda’an “Bilisa” uumama ta’an godheeti kan isaan uume. Addaami fi Heewwan dhugaadhaan bilisummaa kan qaban akka ta’aniif dirqamatti fillannoo akka qabaatan ni barbaachisa ture.

Bu’urumma irraa mukichi yookaan iji mukichaa hameenyi himtu irra hin ture. Iji isaa keessa isaatti beekumsi dabalataa kam iyyuu isaaniif kennuu kan danda’u hin ture. Iji isaa Vaayitamiin C yookaan Vayiber qabaachuu danda’a nyaata hafuuraa garuu hin qabu ture.Ta’us tarkaanfii abboomamuu diduun deeman miidhaa hafuuraa qaba ture.Cubbuun sun ija isaanii hameenyaaf banne.Yeroo jalqabaatiif hameenyi maal akka ta’e beekan, qaaniin itti dhaga’amee, Waaqayyo jalaas dhokachuu barbaadan.Cubbuun abboomamuu dhiisuu isaanii kufaati gara jireenya isaaniitti ta’es gara adduunyaatti fide. Addaamii fi Heewwan Waaqayyoon mormuun abboomamuu dhiisuudhaan ijicha nyaachuun isaani kan argamsiiseef hamaa akkasumas qullaa ta’uu isaanii beekuu isaaniiti. (Uma. 3:6-7).

Waaqayyoo Addaamii fi Heewwan cubbamoota akka ta’an hin barbaadu ture.Waaqayyo bu’aan cubbuu maal akka ta’u duraan dursee beeka ture.Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniin cubbuu akka godhanii fi hameenyi akka dhufu adabbiin isaa du’I gara biyya lafaa akka dhufu duraan dursee beeka ture.Waaqayyo seexanni akka isaan qoruuf filannoo isaaniin seexanaan akka dhiibaman eyyame.Addaami fi Heewwan fedhii bilisaa isaaniin Waaqayyoof abboomamuu dhiisuudhaan muka dhowwaman nyaachuu filatan. Bu’aa isaatiin hameenya, cubbuu, rakkina, dhukkabaa fi du’a yeroo sanaa kaasee addunyaa hundumaatti ta’e. Murtoon Addaamii fi Heewwan tokkoon tokkoon namaa yeroo dhalatu cubbaama akka ta’uu fi gara cubbuutti akka gorugodhe.Kan Addaamii fi Heewwan murtoon inni dhumaa Yesus Kristoos akka nuuf du’uu fannoo irratti dhiiga isaa nuuf akka dhangalaasu godhe. Kristoositti amanuun bu’aa cubbuun fiduu akkasumas raawwannee cubbuu irraa bilisa ta’uu ni dandeenya. Phaawuloos Roome 7:24-25 kan inni jedhuu wali wajjin ilaaluu ni dandeenya “Ana nama gadadamaa fooni isaa gara du’aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa? Karaa Gooftaa keenya Yesus Kristoos Waaqayyoof galani haa ta’u.”

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo maaliif hamaa fi gaarii kan adda baasee beeksiisu muka Eden Ganat kaa’ee?
© Copyright Got Questions Ministries