settings icon
share icon
Gaaffii

Akkamittan mucaa Waaqayyoo ta'uu danda'a?

Deebii


Mucaa Waaqayyoo ta'uun Yesus Kristoositi amanuu gaaffata. "Warri fudhatan hunduu garuu, maqaa isaatti kan amanan isaaf mucaa Waaqayyoo akka ta'aaniif aboo isaanii kenne," (Yoha. 1:12).

Lammaffaa dhalachuutu sirra jira
Yesus yeroo Neqidimosiin argeetti akkuma sanaan jireenya bara baraa argachuu akka danda'u hin mirkaneesineef. Irra caalaa mucaa Waaqayyoo ta'uudhaaf: (Yoha. 3:3) Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni lammaffaa yoo hin dhalanneen ala mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda'u jedhe."

Namni tokko jalqaba yeroo dhalatu Addaam Edeen Ganatitti kan hin ajajamne eenyummaa cubbuu dhaala. Da'ima tokkoo cubbuu hojjechuu eenyu iyyuu itti himu hin barbaachiisu. Uumaman kan kennameef fedha waan hamaa duukaa bu'aa gara sobaan gowwoomfamuu fi jibbaa. Waaqayyoo mucaa Waaqayyoo ta'uu caalaa abbomamuu dhiisuu fi mucaa dheekamsaa ta'aa (Efe. 2:1-3).

Akka mucaa dheekamsaa Waaqayyo irraa adda baane si'oolitti gatamuun nurra jiraata. Waan gaarii waan ta'e Efe. 2:3-5 akkas jedha "Nu jaallachuu isaan jaalala isaa isa guddaa irraa kan ka'e cubbuu keenya warra du'aan illee yoo taane Kristoos wajjin jireenya nu kenne, ayyanaan fayyitanituu," akkamitti Kristoos wajjin jiraatoo ta'uuf /lammaffaa dhallachuun/ ijoollee Waaqayyoo kan nu taanuu? Yesuusiin amantiidhaan fudhachuutu nurra jira.

Yesus Kristoosiin fudhadhu
"Warra fudhatan hundumaatiif garuu, maqaa isaatti kan amanan isaaniif ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne," (Yoha. 1:12) kutaan kun ifatti akkamitti ijoollee Waaqayyoo ta'uu akka dandeenyu nutti hima. Yesus Kristoositti amanuudhaan isa fudhachuu. Waa'ee Yesus Kristoos maaliidha amanuun kan narra jiru?

Tokkooffaa Yesus Kristoos fooniin kan mul'ate mucaa Waaqayyoo akka ta'e amanu. Humna Hafuura Qulqulluun durba irraa kan dhallate, Yesus Kristoos cubbuu Addaamiin hin dhaale. Kanaaf Yesus Addaam isa lammaffaa jedhameera (1Qor. 15:22). Abboomamuu dhiisuun Addaam cubbuu gara biyya lafaatti yeroo fidu kan Yesus Kristoos guutuu kan ta'ee abboomamuun eebba fide. Deebiin keenya qalbi jijjirachuu (cubbuu irraa deebi'uu) dhiifama Yesus Kristoosiin jiru barbaaduu dha.

Inni lammaffaan fayyisaa ta'uu Yesus Kristoositti amana. Karoorri Waaqayyoo guutuu kan ta'ee fi mucaan isaa nu fudhachuun kan nurra jiraatu adaba akka fudhatuuf ture, du'a. Du'I Yesus Kristoos adaba cubbuu fi humna jalaa akka isaan fayyisuuf warra fudhatan bilisa isaan baasa. Du'aa ka'uun isaa nu qulleessa (Rome. 4:25)

xumura irratti ijoolleen Waaqayyoo Yesusiin gooftaa jireenya isaanii godhanii duukaa bu'u. Yesus cubbuu fi du'a erga mo'ate boode Waaqayyo aboo hundumaa isaaf kenne (Efe. 1:20-23). Yesus warra isa fudhatan hundumaa isaanitti araarama warra hin fudhannetti immoo itti farada. (HoE. 10:42). Ayyaana Waaqayyootiin jireenya haaraaf akka ijoollee Waaqayyootti lammaffaa dhallaneerra. Yesus Kristoosiin warri fudhatan qofti akkasuma waa'ee isaa warra beekan osoo hin taane waa'ee fayyinaa kan fudhatan gooftaa itti amanan godhanii kan fudhatani fi qabeenya isaanii isa guddaa godhanii kan jaallatan isaan ijoollee Waaqayyoo ta'u.

Mucaa Waaqayyoo ta'uu
Jalqaba yeroo dhalannu dhallachuun keenya yaalii akkamii iyyuu akka hin qabne akkasumatti ofii keenyaa maatii Waaqayyoo keessatti akka dhalannu gochuudhaaf kan hojii gaarii yookaaniis amantii keenya uumuu hin dandeenyu. Aboon mucaa Waaqayyoo ta'uu akka kennaa ayyanaa isaatti kan kennamu kana gochuu kan danda'u Waaqayyoo dha. "Ijoollee Waaqayyoo jedhamne akka waamamnu abbaan jaalala akkamii akka nuuf kenne ilaalaa, akkasumas taane. Sababa kanaaf biyyi lafaa isaa waan hin beekneef nuyinis nu hin beeku." (1Yoha. 3:1). Ijoolleen Waaqayyoo kan ittiin of jajan waan tokkoo illee hin qaban of jajuun isaa Waaqayyoodhaan (Efe. 2:8-9).

Ijoolleen maatii isaanii fakkaachuun guddatu. Haaluma wal fakkaataan Waaqayyo ijoollee isaa Yesus Kristoosiin akka fakkaatan barbaada. Ta'uus guutuu ta'uun kan jiru waaqa irra, ijoolleen Waaqayyoo osoo hin deebi'in cubbuudhaan hin jiraatan. "Yaa ijoollee, eenyuullee isin hin dogogorsin, inni qajeelaa akka ta'e tola kan godhu qajeelaa dha. Cubbuu kan hojjeetu seexana irraati, seexannii jalqabumma irraa cubbuu godheera hoo. Kanaaf hojii seexanaa akka diiguuf mucaan Waaqayyoo mul'ate. Waaqayyo irraa kan dhalate hunduu cubbuu hin hojjetu, sanyiin isaa isaan jiraataa hoo, Waaqayyoo irraas dhalateera cubbuu hojjeechuu hin dan'au. Ijoolleen Waaqayyooti fi ijoolleen seexanaa kanaan kan mul'atanii dha, tola kan hin goonee fi obboleessa isaa kan hin jaallanne hunduu Waaqayyo irraa miti." (1Yoha. 3:7-10)

Dogogora hojjechuu dhiisuu, ijoolleen Waaqayyoo cubbuu hojjechuu dhiisuu isaanii hin ganan. Garuu namni tokkoo Kristoosiin duukaa bu'uu caalaa osoo gargar hin kutiin hojjeechuun cubbuutti kan gammadu yoo ta'e dubbiin isaa akka nutti himuutti namni kun lammaffaa hin dhalanne. Yesus waa'ee namoota akka kanaa nutti himeera, "isin abbaa keessan seexana irraati fedha abbaa keessanii gochuu jaallatu." (Yoha. 8:44) ijoolleen Waaqayyoo bifa kan biraan fedha cubbuu duuka bu'uun hin ta'u garuu abbaa isaanii irra caalmaatti beekuuf barbaaduun jaalalaan jiraatu.

Ijoollee Waaqayyoo ta'uun bu'aan isaa safaramuu hin danda'u. Akka ijoollee Waaqayyootti nuyi maatii isaati (waldaa kristaanaa), samii irraa mana akka qabnu abdiin kan nuuf galame gara Waaqayyotti kadhachuun mirgi sirriin kan nuuf kenname (Efe. 2:19? 1Phex. 1:3-6? Rome. 8:15). Waamicha Waaqayyoof deebii kennuun cubbuu irraa deebi'uu fi Kristoositti amanuun har'as ijoollee Waaqayyoo nama godha.

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Akkamittan mucaa Waaqayyoo ta'uu danda'a?
© Copyright Got Questions Ministries