Kitaabni qulqulluun kristaanni miseensa loltuu ta’ee hojjeechuuf maal jedha?



Gaaffii: Kitaabni qulqulluun kristaanni miseensa loltuu ta’ee hojjeechuuf maal jedha?

Deebii:
Kitaabni miseensa loltuu ta’ee waa’ee tajaajiluu kan dubbatu waan baayeetu jira. Baay’een isaanii waa’ee miseensa loltuu kan isaan dubbatan wal fakkaataa dha, baay’ee gaaffii kanaa wajjin kan wali galanii dha. Kitaabi qulqulluun jechaa jechatti miseensi loltuu tajaajiluu yookaan tajaajiluu dhiisuu hin kaa’uu. Haala wal fakkaataan kiristaanni loltuu ta’uun Kitaaba qulqulluun haala guddaan kan kabajamee akka ta’e guutummaa addunyaatti ilaalcha kitaaba qulqulluun kan itti amanamu akka ta’e amansiisaa ta’uu danda’u.

Fakkeenyi jalqabaa miseensi loltuu tajaajilaa kan argamu kakuu moofaa irratti (uma. 14) mucaan eesuma Abirahaam Looxiin gargaaruuf namoota mana isaatti leenji’an 318 qabatee deemuudhaan Ilmayuuti mo’ate. Kanaa wajjin kan nu ilaalu humnoota hidhatan ergama barbaachiisaa ta’een qabamanii qulqulluloota yeroo oolchan yeroo eegan argina.

Seenaa keessatti sabni Israa’eeliif loltuun dhaabbachuun turanii turan. Warri Israa’eel miseensa loltuu kan ilaalate cimina isaan qaban guddisuuf akka isaan turan kan isaan godhe tarii loltuu hafuuraa Waaqayyoo akka ta’ee fi saba isaa akka eegu hubannaa isaan qabanii dha. Kan warra Israa’eel kan caaseefame miseensa loltuu kan dhufee cimaa kan caasefame sirna siyaasaa Sayoliin Daawitii fi Solomooniin erga dirirfamee booda ture. Saayoliin ture kan jalqabaa miseensa loltuu kan hundeese. (1Sam. 13:2, 24:2, 26:2).

Saayol kan inni jalqabe Daawit itti fufe, miseensa loltuu isaa ni baay’ise, baay’een isaanii isatti kan amanan bittaa kan biroo irraa fidee qaxare (2Sam. 15:19-22) geggeesumaa isaas dura bu’aa loltuu kan ta’een gara Iyo’aabitti naanneesse. Geggeessummaa Daawit jala siyaasa loltuun cimtuu ta’aa dhufte, Aminoon kan fakkaatan firoota wali galan turan (2Sam. 11:1, 1Sen 20:1-3). Daawit garee 12 kan qabu seerrata Mizoor namoota 24000 waggaa keessatti ji’a tokko kan tajaajilan hundeesse. (1Sen. 27). Mootummaa Solomoonii fi kan nagaa ture ofii isaaf loltuu isaa babal’ise fardaa fi konkolaataa fardeenii itti dabale. (1Mot.10:26). Loltuun hundaa’ee kun (garu du’a Solomoon booda mootummicha wajjin qoodate) hanga dhaloota Kristoos duraa bara 586 Isiraa’eel siyaasaa tokkoo jala dhaabbachuu hanga isaan dadhabsiiseetti.

Kakuu haaraatti Yesus kabaja angafa loltuu Roomaa ajaa’ibsifate. Angafni loltichaa waa’ee aangoo hubannaa ifaa qabu Yesus irratti amantii inni qabu itti hime (Matt. 8:5-13). Yesus Kristoos hojii isaa hin mormine. Loltootni baay’een kakuu haaraatti kristaanoota gallateefaman Waaqayyoon kan sodaatan amala gaarii kan qaban ta’anii eeramaniru. (Matt. 8፡5, 27፡54, Mar. 15፡39-45, Luq. 7፡2, 23፡47, HoE. 10:1, 21:32, 28:16).

Bakki isaa fi mata- durichi jijjiramuu danda’a garuu kan keenya humna hidhatan akkuma kitaaba qulqulluu keessatti arginu kan kabajaman ta’uutu isaan irra jira. Aangoon loltootaa kan kabajame ture. Fakkeenyaaf Phaawulos Afiridixosiin ni eera, loltuun kristaanii gooftaa duukaa bu’uu “fellow soldier” (Fil. 2:25), kitaabni qulqulluunis labsii loltummaa gooftaatti kan jabaanne ta’uu ibsuudhaaf meeshawwan waranaa hafuuraa eeruudhaan gonfoo sibilaa gaachana laphee billaa dabalatee hidhadhaa jedha. (Efe. 6:10-20) eeyyee kitaabni qulqulluun waa’ee tajaajiluu loltummaan kallattiidhaan yookaanis karaa biraadhaan ni dubbata. Kiristaana kan ta’an dhiiraa fi dubari biyya isaanii amala gaariidhaan kabajaan ofii isaanii ilaalcha gaarii qabaatanii ulfinaan akka tajaajilan amansisaadha jechuu kan dandeenyu saba isaanii fi tajaajila isaan kennan Waaqayyo kan arguu fi kan kabajamee dha. Kabajaan loltuu keessatti kan tajaajilan kabajaa fi ulfinni isaaniif ni ta’a.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Kitaabni qulqulluun kristaanni miseensa loltuu ta’ee hojjeechuuf maal jedha?