settings icon
share icon
Gaaffii

Akkamittan kristaana ta'uu danda'aa?

Deebii


Kristaana ta'uuf wanti inni jalqabaa "Kristaana" jechuun maal jechuu akka ta'e beekuu dha. Jechi kristaana jedhu kan argame jaarraa jalqabaatti Anstoliyaatti ture (HoE 11:26). Yeroo jalqabaatiif kristaana kan jedhamee arrabsoof ta'uu danda'a. Jechi isaa bu'uura irraa "Kristoosoota xixxiqoo" jechuu dha. Ta'us yeroon booda amantootni Kristoositti jiran "Kristiyaana" jecha jedhu fudhatanii ofii isaanii duuka buutoota Kristoos jedhanii adda baasuun itti fayyadaman. Kiristaanni salphaa ta'e kan jedhu hiikni duuka buutuu Kristoos jechuu dha.

Maaliif kristaana ta'uun narra jiraata?
Yesus Kristoos akkas jedhee labseera: "Ilmi namaa hojjechisachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuuf lubbuu isaa furii namoota baay'eetiif kennuuf dhufe malee." (Mar. 10:45). Achi irraas gaaffiin ka'e, maaliif gatii nuuf kaffaluun barbaachiise? "Ransam" gatii kaffaluu kan jedhu yaadni jechaa kan inni argisiisu nama tokko hiikuudhaaf jijjirama godhamuu dha. Jechi kun irra deddeebi'uun faayidaa irra kan inni oole mucaa butamee qabamee jijjiiraaf kan ta'u hanga kaffaluutti qabuu kan jedhu wajjin kan wal argee dha. Yesus Kristoos nuyiin hidhaa irraa nu hiikuuf "Ransam" gatii erga nuuf kaffale. Hidhaa kam irraa? Cubbuu fi itti fufee kan dhufe, du'a qaamaa fi itti fufee kan dhufu bara baraan Waaqayyo irra adda ba'uu. Yesus Kristoos maaliif gatii isaa "ransom" kaffaluun barbaachiise? Hundi keenya cubbuudhaan faalamneera (Rom. 3:23), du'a bara baraas kan nuuf ta'ee taanee (Rom. 6:23). Yesus Kristoos akkamitti gatii keenya kan kaffalee? Gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf fannoo irrattii du'uudhaan. (1Qor. 15:3? 2Qor. 5:21). Duuti Kristoos akkamitti gatii cubbuu keenyaa kaffaluu danda'a? Yesus qaamaan kan mul'ate hafuura ture, Waaqayyo hafuurri nu keessaa akka isa tokkoo ta'uudhaaf gara biyya lafaa dhufe, kanaaf nu fakkaate cubbuu keenyaafis du'e (Yoha. 1:1, 14). Hafuura kan ta'e Yesus gatiin cubbuu daangaa kan hin qabne yoo ta'e cubbuu biyya lafaa hundumaa kaffaluudhaaf gahaa ta'e (1Yoha. 2:2). Yesus Kristoos du'a booda ka'uu isaa du'ii isaa aarsaa gahaa ta'uu isaa fi du'aa fi cubbuu sirritti akka mo'e ibsa.

Akkamittiin Kristaana ta'uu danda'a?
Kun kutaa yaada filatamaa qabatee dha. Jaalala nuuf qabu irraa kan ka'e Waaqayyo karaa ittiin kristaana taanuu salphaa godhe. Gochuu kan qabnu Yesusiin akka fayyisaa dhuunfaa keenyaatti simachuu dha, guutuummaa guutuutti du'I gooftaa Yesus cubbuu goonee hundumaatiif gahaa akka ta'e amanuu (Yoha. 3:16) inni fayyisaa keenya akka ta'ee guutuummaa guutuutti amanuu (Yoha. 14:16, HoE. 4:12) kristaana ta'uun walitti qabaatti seera hafuuraa raawwachuu gara waldaa kristaanaa deemuu yookaan wantoota murta'aan gochuu fi isa kan biraa immoo gochuu irraa of qusachuu miti. Kristaana ta'uun Yesus kristoosii wajjin tokkummaa qabaachuu dha. Amantiidhaan Yesus Kristoosi wajjin walitti dhufeenya gochuu dha Nama tokko kristaana kan jechisiisu.

Kristaana ta'uudhaaf qophaa'aadhaa?
Yesus Kristosiin fayyisaa dhuunfaa kee gootee fudhachuudhaaf kristaana ta'uuf qophaa'aa yoo taate gochuun kan siraa eegamu amanuu qofa. Cubbammaa akka taatee fi firdiin Waaqayyo akka sira jiru ni amantaa? Yesus Kristoos adaba kee akka fudhatee fi bakka kee akka du'e hubateetta? Aarsaa ta'uun isaa gatii cubbuuu keeti baasuudhaaf gahaa akka ta'e hubateetta? Gaaffiiwwan sadan kanaaf deebiin kee eeyyee yoo ta'e amantii kee Yesus fayyisaa kee irra godhadhu, amantiidhan isa duwwaa amanuudhaan simmadhu. Kristaana kan si godhu kana.

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Akkamittan kristaana ta'uu danda'aa?
© Copyright Got Questions Ministries