settings icon
share icon
Gaaffii

Keeyyatni filiyook maali?

Deebii


Keeyyatni filiyook dhimma falmisiisaa waa’ee Hafuura Qulqulluun walqabatee waldaa keessa turee fii ammas jirudha. Gaaffichi, “Hafuurri Qulqulluun eenyu biraa ba’a(dhufa), Abbaa biraati, moo Abbaa fi Ilma biraa ti?” Jechi filiyook (filioque) jedhu afaan Laatiniin hiikni isaa “fi ilma” jechuudha. Kan inni “keeyyata filiyook” jedhameef sababa jechi “fi ilma” jedhu Ibsa Amantii Naaysiin (Nicene Creed) itti dabalamee, Hafuurri Qulqulluun Abbaa “fi ilma” biraa ba’a(dhufa) jedhee ibseefi. Dhimma kana irratti wal-dhabdee guddaan waan tureef dhuma irratti bara 1054 D.B tti adda ba’uu waldoota Kaatolikii Roomaa fi Ortodoksii Ba’aatiif sababa ta’eera. Waldootni kun lamman ammayyuu keeyyata filiyook irratti waliif hin galani.

Yohaannis 14:26 akka nutti himutti, “Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu …” Yohaannis 15:26 akka nutti himutti, “Hafuura isa isiniif dubbatu, abbaa biraa isiniif nan erga; hafuurri dhugaa inni abbaa biraa ba’u sun yommuu dhufu, anaaf dhugaa in ba’a.” Akkasuma Yohaannis 14:16 fi Filiphisiyuus 1:19 ilaali. Caaffatootni qulqullaa’oon kun Hafuurri Abbaa fi Ilma biraa akka ergamu kan ibsan fakkaata. Dhimmi barbaachisaan keyyata filiyook waaqummaa Hafuura Qulqulluu eegsisuu barbaaduu isaati. Macaafi Qulqulluun Hafuurri Qulqulluun Waaqa ta’uu isaa ibsee barsiisa (Hojii Ergamootaa 5:3-4). Warri kayyata filiyookiin faallessan kan mormaniif Hafuurri Qulqulluun Abbaa fi Ilma biraa kan ba’u (dhufu) yoo ta’e dhimmi akkasii Hafuura Qulqulluu Abbaa fi Ilmaa “gadi” taassisa jedhanii sababa amananiifi. Warri keeyyata filiyook deggeran Hafuurri Qulqulluun Abbaa fi Ilma biraa ba’uun(dhufuun) isaa wal-qixxummaa Hafuurri Abbaa fi Ilma waliin qabu irratti dhiibbaa hin qabu jedhanii amanu.

Falmiin keeyyata filiyook waa’ee eenyummaa Waaqayyoo kan nuti raawwannee guutuutti baruu hin dandeenye ilaallata. Waaqayyo, inni waaqayyummaan isaa dhuma hin qabne, sammuu dhala namaa daanga’aa keenyaan goonkumaa hubatamuu hin dandeenye dha. Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo dha, innis akka “bakka bu’aa” Yesuus Kiristoositti Waaqayyoon as biyya lafaatti ergame. Gaaffiin Hafuurri Qulqulluun Abbaa dhaani, moo Abbaa fi Ilmaan ergame jedhu, kan haala quubsaan deebi’uu danda’u hin fakkatu, akkasumas deebisuun raawwatee kan barbaachisu miti. Keeyyatni filiyook akka wal-falmisiisetti kan itti fufu fakkaata.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Keeyyatni filiyook maali?
© Copyright Got Questions Ministries