Ka’umsi sanyii gara garaa maalii dhaa?



Gaaffii: Ka’umsi sanyii gara garaa maalii dhaa?

Deebii:
Macaafni qulqulluun “sanyii” adda addaa yookaan halluu gogaa namootaa ka’umsa isaa haala ibsameen nuuf hin laatu. Dhugumatti tokko qofa sanyiin namaa. Sanyii namaa keessatti halluun gogaa fi amalli qaamoolee adda addaa baayina qaba. Namoonni tokko tokkoo akka tilmaamanitti, Waaqayyo gamoo Baabiloon qooqa namaa yeroo waliin dha’eetti (Uumama 11:1-9), Inni immoo baayina sanyii uumeera. Waaqayyo ijoollee namaatiif jijjirama genetikii godheera jechuun hin danda’amu. Ijooleen namaa ikoolojii adda addaatiin haala wayyuun akka jiraataniif fakkeenyaaf Afirikaanoonni halluu guraacha haala Genetekitiin bakka ho’aa Afrikaa danda’aani jiraachuu danda’u. Haala ilaalcha kanaatiin, Waaqayyo qooqa waliin dha’e kunis namootni haala qooqaatiin qoqoodamuudhaaf, achi irraas kan Genetikii jijjirama sanyii uume. Tokkoon tokkoon sanyii yookiis gosni naannoo buufate irratti hundaa’uudhaan. Ta’us yoo danda’ee ilaalcha kanaaf adda kan ta’ee hundee kan macaafa qulqulluu hin qabu. Sanyiin namootaa/halluun gogaa bakka kamitti iyyuu hin heeramne gamoo Baabeeli wajjin kan wal qabate.

Bishaan badiisaa boodaa qooqi gara garaa uumamuu yeroo jalqabeetti, qooqa tokko kan dubbatan gosoonni kan biroo qooqa wal fakkaataa kan dubbatanii wajjin socho’uu jalqaban. Kana gochuudhaanis gosa murtaa’ee tokkoo fi ramaddiin Genetikii jiru haala ajaa’ibsiisaa ta’een gad bu’uu jalqabe, gareen sun isa booda akka wal makuu fi sanyii namaa guutuu hin qabaatu. Kan walitti dhi’aatan bakka qabatan. Kanaaf yeroo keessatti kallatiiwwan ta’an gosoota adda addaa kanaan of mul’isaa dhufan mallattoo adda addumaa Genetikii qabaachuu kan danda’an carraan jira. Dhaloota keessatti sanyiin dabalataa yeroo uumamu ramaddiin sanyii olkaasaa ol kaasaa dhufe kan namoota qooqa maatii tokkoo hundumtuu kallatti wal fakkaatuu akka qabaatanitti.

Ibsi kan biraa kan ta’uu Addaamii fi Heewwan sanyii isaan dhaalaan gurrachaa, magaala, adii ijoollee akka godhatan kan isaan godhuu (kan biraan hundumtuu kana giddutti). Kunis wal fakkeenya qaba, sanyii wal makaa kan ta’an hidhati yeroo tokko tokkoo bifaan gargar kan ta’aan daa’ima qabaatuu. Waaqayyo ifatti ijoollee namaa kallatti isaaniitiin adda adddaa akka ta’an hanga barbaadeeti hiika qabaachuu kan danda’uu Waaqayyoo, Addaamii fi Heewwanii halluu gogaa adda addaa kan qabaatan akka dhalanii fi kan kenneefi dha. Booda irra biishaan badiisaa booda kan hafan Nohii fi haadha manaan isaa, ijoollee sadan Nohii fi haadha manooti isaanitu ture_ walumaa gala nama sadeet turan (Uumama 7:13) tarii haadha manoonni ilm,aan Nohii sanyii addaa ta’uu danda’u. kan biraannis ta’uu kan danda’u haadhi manaan Nohii sanyii addaa taati. Tarii sadeettan isaanii sanyii wal makaa ta’uu danda’u. Ibsi isaa kaminis ha ta’u kam gaaffiin kun kallatti baay’ee faayida qabeessa hundumti keenya sanyii wal fakkaataa ta’uu keenya, hundumti keenya Waaqa tokkoon kan uumamne, hundumti keenya kaayyoo tokkoof kan uumamne isa kabajuudhaaf.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Ka’umsi sanyii gara garaa maalii dhaa?