settings icon
share icon
Gaaffii

Karoorri fayyinaa/ karaan fayyinaa maalii?

Deebii


Beelofteettaa? Beeluu fooniinii miti, garuu jireenya keessatti waanta caalaaf beeluu qabdaa? Waanti keessa keetii kan ati quuftu hin fakkaanne gadi fageenya qabu jiraa? Yoo ta’e Yesuus karaadha! Yesuus, “Yommus Yesus ana buddenni jireenyaa gara koo kan dhufu hin beela’u kan anatti amanus matumaa hin dheebotu” jedhe (Yohaannis 6:35).

Bita sitti galee? Jireenyaaf kaayyoo yookiin karaa barbaaduu sitti fakkaachuu hin danda’uu? Akkuma namni tokko ibisaa dhaamsee ati immoo bakka deebisanii qabsiisamu wallaalte sitti fakkaataa? Yoo sana ta’e Yesuus karaadha! Yesuus akkasitti labseera, “Yesuus ammas namootatti dubbate ani ifa biyya lafaati namni ana duukaa bu’u ifa jireenyaa ni qabaata malee dukkana keessa hin adeemu” (Yohaannis 8:12).

Jireenyaan alatti sitti cufamee akka jiruttitti sitti dhaga’amee beekaa? Balbala heedduu yaalteettaa, isaaniin booddee kan jiru duwwaadhaa fi hiika kan hin qabne qofaa ta’uu isaa barbaaduudhaaf? Yoo kana ta’e, Yesuus karaadha! Yesus akkas jedhe labse, “Balballichi ana inni anaan ol galu ni fayya ol ni gala gadis ni ba’a dheedichas ni argata” (Yohaannis 10:9).

Namoonni kaan yeroo hundumaa sidhiisuu? Walitti dhufeenyi kee yeroo hundumaa gad aanaa fi duwwaadhaa? Namoonni kaan yeroo hunduma si irraa bu’aa duwwaa barbaadu? Kanaaf maarree Yesus karaadha! Yesus akkas jedhe, “Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf ni kenna; tikseen gaariin ana ani hoolota koo beeka hoolotini koos ana beeku” (Yohaannis 10:11, 14).

Jireenya kana baooda waanta ta’utti ni dinqifattaa? Jireenya kee waanta Dammaa’uu fi tortoru duwwaaf jiraachuuf yaalaa jirtaa? Jireenyis hiika kan birraa akka hin qabnetti alii alii shakkitaa? Erga duutee booda jiraachuu barbaadda? Akkas taanaan Yesuus karaadha! Yesus akkas jedhe, “Yesuus garuu du’aa ka’uun jireenyis ana. Namni anatti amanu yoo du’e iyyuu ni jiraata. Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du’u” (Yohaannis 11:25-26).

Karaan maalii? Dhugaan maalii? Jireenyi maali? Yesus deebii laateera, “karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” ( Yohaannis 14:6).

Beeluun sitti dhaga’ame beeluu hafuuraaati, Yesus duwwaadhan hirruun sun guutuu danda’a. kn dukkana kaasuu danda’au inni tokkichi Yesuus duwwadha. Yesuus jireenya quubsuudhaaf karaa dha. Yesuus tiksee fi michuudha kan ati barbaadaa turte. Yesus jireenya-biyya lafaa kana irrattis isa itti aanuttis. Yesuus karaa fayyinaati.

Sababni beeluun sitti dhaga’ame, sababni ati akka dukkana keessatti badde sitti dhaga’ame, sababni ati hiika jireenyaa dhabde, sababni isaa ati Waaqayyootti gargar baartee jirata. Macaafni Qulqulluun hundumti keenya akka cubbuu hojjennetti nutti hima, sababa kanaatiif Waaqayyotti gargar baanee jirra (Macaafa Lallabaa 7:20; Roomaa 3:23). Bakki duwwaan garaa kee keessatti sitti dhaga’ame Waaqayyoon jirreenya kee keesatti dhabuu kee irraa kan ka’edha. Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya akka qabaannuudhaaf uumamne. Sababa cubbuu keenyaa, walitti dhufeenya sana irraa gargar baaneera. Amma iyuu illee waanti gadheedhaan, cubbuun keenya Waaqayyo irraa akka garaa gara baanu nutaasiseera baraa hanga bara baraatti , jireenya kanattis isa dhufuttis (Roomaa 6:23; Yohaannis 3:36).

Rakkinni kun akkamiin hiika argata? Yesus karaadha! Yesus cubbuu keenya ofii isaaf fudhateera! (2 Qorontoos 5:21). Yesus bakka keenya du’eera (Roomaa 5:8), adabbii nu fudhachuu qabnu fudhachuudhaan. Guyyoota sadii booda, Yesus du’aa ka’eera, cubbuu fi du’a irratti gooftumma qabu mirkaneessuudhaaf ( Roomaa 6:4-5). Inni maaliif isa sana godhee? Yesus gaaffichaaf ofuma isaa deebii kenne: Namni tokkoo firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u (Yohaannis 15:13). Yesus ni du’e egaa nuyi jiraachuu dandeenya. Yoo amantii keenya isa irra godhanne, du’a isaa cubbuu keeyaaf gatii akka kaffaluutti, cubbuun keenya hundinuu nii dhiifame nurras dhiqama. Sanaan booda beelli keenya hafuuraa deebii argata. Ibisaan dhaamee tures ni boba’a. Jireenya guutuu ta’ees kara ittiin bira geenyu arganna. Michuu dhugaa gaarii keenyaa fi tiksee keenya ni beekina. Erga dunee boodas jireenya akka qabaannu ni beekna – Yesus wajjin mootummaa Waaqayyoo keessas jireenya du’aa kaafamuu argateen.

“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti” (Yohaannis 3:16).

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Karoorri fayyinaa/ karaan fayyinaa maalii?
© Copyright Got Questions Ministries