settings icon
share icon
Gaaffii

Sadarkaawwan gara fayyinaatti nu geessan maalii dha?

Deebii


Akkuma amantii Musiilimaa abboomota shanan sana raawwachuudhaan fayyuun ni danda'ama jedhamee akka amanamu hundumaa namootni baay'een karaa fayyinaa barbaadaa jiru. Karaa musilimaatiin abboomoota shanan raawwachuudhaan fayyinni akka argamu amanu. Sababni isaa sadarkaa sadarkaadhaan adeemsa keessa fayyina argachuu kristaanoota heedduudhaan fudhatama waan qabuuf fayyinni adeemsa keessa argamu yaadni akkanaa dogogora. Katoolikiin Roomaa hirbaata qulqulluu torba/sacraments/ seera akkasi qabu. Manni amantaa kristaanoota adda addaa bishaaniin cuuphamuu qalbii jijjirannaa ifa ta'e cubbuu irraa deebi'u, afaan haaraan dubbachuu k.k.f gara fayyinaatti kan geessan godhanii dabalanii amanu. Kitaabni qulqulluuun garuu fayyinaaf karaa tokko qofatu jira. Ajajaan eegduu mana hidhichaa Phaawuloosiin yeroo gaaffate "Gooftaa Yesusitti amanni atii fi manni kees ni fayyu." (HoE. 16:30-31)

Fayyina kan ta'u duraa booda tartiibaa raawwachuun miti. Eeyyeen kristaanni cuuphamuu qaba, eeyyee kristaanni cubbuu irraa deebi'uu qaba. Eeyyee kristaanoonni jireenya isaanii Waaqayyoodhaaf abboomsisuudhaan dabarsani kennu qabu. Haa ta'u malee isaan kun tartiiba duraa boodaa fayyina ittiin argatan miti. Bu'aa fayyina argachuuti. Sababa cubbuu keenyaatiif haala kami illee fayyina argachuu hin dandeenyu. Karaa 1000 hordofuu dandeenya garuu gahaa ta'uu hin danda'an. Kanaaf Yesus bakka keenya du'uun kan irra ture. Nuyi raawwanee Waaqayyoof gatii keenya baasuu hin dandeenyu ture yookaan mataa keenya cubbuu irraa qulqulleessuu hin dandeenyu ture. Waaqayyo qofa turee fayyina keenya dhugoomsuu kan danda'u akkasumas kan godhe. Waaqayyo mataan isaa sadarkaa duraa boodaa kan simatu hundumaa fayyina qopheesuudhaan raawwate.

Fayyinni dhiifama cubbuu argachuu adeemsa sadarkaan argamu miti. Yesus Kristoosiin fayyisaa godhee fudhachuudhaan hojii fayyinaa hundumaa akka nuuf hojjete amanuudhaan kan argamuu dha. Waaqayyo kan nu gaaffatu waan tokko qofa innis Yesus Kristoosiin fayyisaa dhuunfaa goonee fudhachuu fi isa qofa karaa fayyinni bara baraa argamu godhannii amanuu dha. Kristaanummaan kutaa amantaa biraa irraa kan adda godhu isa kana. Warri kan biraan hundumtuu fayyina argachuudhaaf dirqama sadarkaa isaan hordofuu qaban kan isaan jedhan qabu. Amantaan kristaanummaa kan inni simatu Waaqayyo karaa fayyinaa hundumaa raawwateera. Akkanumatti amanta qofaan akka nuyi simanu nu waameera.

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Sadarkaawwan gara fayyinaatti nu geessan maalii dha?
© Copyright Got Questions Ministries