settings icon
share icon
Gaaffii

Ana irratti cubbuu kan hojjetan akkamittan dhiifama gochuu danda’aa?

Deebii


Dogogora tokkoon tokkoon isaa hojjeteera, gaddisiseera, akkasumas tuqaa murtaa’een cubbuu hojjeera. Irra dadarba kana fakkaatan osoo jiruu kiristaanonni akkamitti deebii kennuun kan irra jiraatuu? Akkuma kitaaba qulqulluutti dhiifama gochuu qabna. Efeson 4:32 ni labsa “wali wali keessaniif gara laafootaa fi garraamoota ta’aa Waaqayyos immoo Kristoosiin dhiifama akka isiniif godhee dhiifama wali godhaa.” Bifa wal fakkaataadhaan Qolasiyaas 3:13 ni labsa, “wali wali keessaniif obsaa, eenyu illee obboleessaa isaa irratti komee yoo qabaatee, dhiifama walii godhaa. Kristoos dhiifama akka isini godhee isinis immoo akkasuma godhaa.” Furtuun qulqulluu sagalee isaa bakka lachuu irratti, Waaqayyoo dhiifama akka nuu godhee nus namoota biroodhaaf dhiifama gochuu qabna. Maaliif dhiifama goonaa? Dhiifamni waan nuu ta’eef!

Dhiifama gochuun salphaa kan inni ta’uu gaddaa fi qalbi jijjiranaadhaan isa barbaadudhaaf gaaffidhaaf kan dhufaniif. Kitaabni qulqulluun nutti hima, dhiifama akka goonu, haala tokko malee, nurratti daba kan godhan. Nama laphee irraa dhiifama gochuufi dhiisuun kan inni argisiisuu fedhi hamaa, gadda gadi fagoo fi dheekamsa yeroo ta’uu, isaan kana keessaa tokkoon isaani illee amala kiristaana dhugaa miti. Kadhata gooftaatiin, Waaqayyoo irra daddarba keenya akka nuuf dhiisuu ni kadhana, nuyis kan nu miidhaniif dhiifama akka goonu (Maattehos 6:12). Yesus, Maattewos 6:14-15 irratti jedheera, “isin warra isin yakkaniif yoo dhiiftan, abbaan keessan inni Waaqa irraa dhiifama isiniif godha. Ha ta’uu malee kan birootiif dhiifama gochuu yoo baatan, abbaan keessa cubbuu keessan dhiifama isini hin godhu.” Qulqulluu sagalee isaa keessatti ifa, isaanis waa’ee dhiifama Waaqayyoo kan dubbatan,Maattewos 6:14-15 irratti hubannoo wayyu kan argate, kan jedhuu, kan biroodhaaf dhiifama gochuu fi tole kan hin jenne mataa isaanitiif haraara Waaqayyoo dhugumatti kan hin barree dha.

Abboommi Waaqayyoo irraa tokkoon isaanii osoo hin kabajin, isa irratti cubbuu hojjenna. Nama biraa irratti yakka yeroo raawwannu, nama sana qofa miti kan nu yakkine, akkasuma immoo Waaqayyoon malee. Waaqayyo irra daddarba keenya hundumaa isa hagam ga’uu sana dhiifama akka nuuf godhee yoo hubannee, ayyaana kana kan biroo dhorkachuudhaaf mirga akka hin qabne ni hubanna. Nutti Waaqayyo irratti kan hin lakkaa’amne yakkineera, eenyu iyyuu yakka nu irratti godhe caalaa. Waaqayyo ammana dhiifama erga nuu godhee, kan biroo xiqqoo kana dhiifama gochuudhaaf akkamitti didnaa? Fakkeenya Yesuus Maattehos 18:23-35 irratti ibsa jabaa dhugaa kanaan. Waaqayyo abdii nuuf laateera, dhiifama gaaffachuudhaaf gara isaa yeroo dhufnu, inni bilisaan nuuf laata (1ffaa Yohaannis 1:9). Dhiifama kan nu goonuu bal’inni isaa daangaa hin qabu, bifa walfakkaataadhaan dhiifamni Waaqayyoos daanga hin qabu (Luqaas 17:3-4).



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Ana irratti cubbuu kan hojjetan akkamittan dhiifama gochuu danda’aa?
© Copyright Got Questions Ministries