settings icon
share icon
Gaaffii

Kadhaan fayyinaa maalii dha?

Deebii


Namni baay'een ni gaaffatuu? "Fayyina naa mirkaneessuu kan danda'uu kadhannan kadhannu ni jiraataa?" Waan tokko yaadachuutu irra jira Kadhaan fayyinaan ta'e dh'eessuudhaaf jecha ta'e tokko irra deddeebi'uudhaan hin argamu. Kitaabni qulqulluun bakka kamiitu kadhaa ta'e tokko dhi'eessuudhaan fayyinni akka argamu hin barsiisu. Kadhaan irra deddeebi'uudhaan fayyinni karaa ittiin argamu ta'u hin danda'u.

Karaan fayyinaa kan kitaaba qulqulluu Kristoos Yesusitti manuu dha. Yoha. 3:16 "Kan isatti amanu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee akka hin banneef Waaqayyo ilma isaa tokkicha hanga kennutti biyya lafaa akkanumatti jaalateerahoo." Fayyinni kan argamu amantiidhaan. Efe. 2:8 Yesusiin fayyisaa godhani fudhachuu dhaan (Yoha. 1:12)?

Yesus qofa amanachuu (Yoha. 14:16? HoE. 4:12) kadhaa irra deddeebi'uudhaan miti.

Ergaan fayyinaa kitaaba qulqulluu yeroo kam iyyuu yoo ta'e salphaadhaa fi ifaa yeroo ta'u yeroo hundumaa ajaa'ibsiisaa dha. Hundumtii keenya Waaqayyoon yakkineera (Rom. 3:23). Karaa gooftaa Yesus Kristoosiin ala namni kam iyyuuu osoo Waaqayyoon hin yakkiin fayyina argachuu hin danda'u (Lal. 7:20). Sababa cubbuu keenyaatiin hundumti keenya firdiin Waaqayyo biraa nurra jira du'a (Rome 6:23). Sababa cubbuu keenyaatiif firdiin nuuf ta'a mataa keenya irratti Waaqayyo fuulduratti sirri ta'uudhaaf waan tokko gochuu hin dandeenyu. Inni nuuf jaalala hafuuraa nuuf qabu Yesus Kristoosiin nama ta'e. Yesus jireenya mudaa hin qabne jiraachuudhaan dhugaa barsiisa haa ta'u malee namoonni Yesuusiin morman Yesusiin gara du'aatti geessanii fannisan. Nama qulqulluu ajjeesuuf gocha du'aa dhiphinaatiin hojiin fayyina keenyaa raawwatame. Yesus bakka keenya du'e firdii cubbuu keenyaa mataa isaa irra kaa'e (2Qor. 5:21). Yesus du'aa ka'eera (1Qor. 15) gatii cubbuu kan inni kaffalee gahaa ture inni cubbuu fi du'a mo'eera. Aarsaa ta'uu Yesus Kristoosiin Waaqayyo fayyina nuuf kenne bilisaan nuuf laate. Waaqayyo hunduma keenya qalbi jijjiranaaf nu waameera (HoE. 17:30). Hojiii aarsaa ta'uu Yesus Kristoos guutuummaa guutuutti amanu (1Yoha. 2:2). Fayyinni kan argame kennaa Waaqayyoo fudhachuudhaan malee kadhaa ta'e tokko kadhachuudhaan miti.

Amma sana jechuun garuu fayyina fudhachuudhaaf kadhati hin barbaachiisu jechuu miti. Wangeela erga hubannee dhugaa ta'uu isaa erga amannee Yesuusiinis karaa fayyinaa goonee yoo fudhannee amantii keenya kadhataan ibsuun kan ta'u qabuu fi sirrii dha. Waaqayyoon kadhataan wal arguuf Yesuus Kristoosiin fudhachuuf boqochuu guutuu guutuutti gara amanuutti nu geessuu danda'a. Kadhati fayyinaan guutuummaa guutuutti Yesus Kristoosiin gara amanuutti geessuu danda'a.

Ammas fayyinni kadhata irra deddeebi'uu irratti kan hin hundoofne isa guddaa fi baay'ee barbaachiisaa dha. Kadhata irra deddeebi'uun hin fayyisu! Fayyinni Yesus Kristoosiin argamu fudhachuudhaan yoo barbaadee amanti kee isa irratti godhi. Du'I isaa cubbuu keetiif kan gahu aarsaa akka siif ta'e amanni. Guutuu guutuutti amantii kee isa irratti gati. Fayyinni kitaaba qulqulluu isa kana. Yesuusiin fayyisaa lubbuu keetii godhatee yoo fudhate karaa kam iyyuu kadhata kadhadhu. Yesusin ammam akka galateeffatu dubbadhu. Waaqayyoon waa'ee aarsaa jaalalaa isaa galateeffadhu. Yesus waa'ee cubbuu keetii akka siif du'ee fi fayyina akka siif qopheessee gallateeffadhu. Walitti dhufeenyi kadhaa fayyina kitaaba qulqulluus kana.

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kadhaan fayyinaa maalii dha?
© Copyright Got Questions Ministries