settings icon
share icon
Gaaffii

Jaalalaan qabamuu koo akkamitan beeka?

Deebii


Jaalalli miira baay’ee jabadha. Inni harka caalaa jirenya keenyaa dadammasa. Murtoo faayida-qabeessa hedduu miira kana irratti hundoofnee goona, akkasumas wal-fuuna “jaalalaan qabamuun keenyaa” waan nutti dhaga’ameef. Kun sababa ta’uu danda’a, walakkaa kan taa’an wal-hiikuuf kan ga’an, macaafni qulqulluun nutti hima, jaalalli dhugaan kan dhufuuf kan deemu miira akka hin taane, murtoodha malee. Kan nu jaallatan qofa akka jaallannu miti, warra nu jibanis jaallachuutu nurra jiraata, Kristoos warra isa hin jaallanne kan ittiin jaallatee karaa wal fakkaataa (Luq. 6:35). “Jaalalli ni obsaa, gaarummaa godhaa, jaalalli hin hinaafuu, jaalalli of hin jaju, waan hin taane hin godhu, kan mataa isaa hin barbaaduu, hin haaruu, yakka hin lakkaa’uu, dhugaa wajjin gammada malee waa’ee hameenyaatiif hin gammadu, hundumaa obsa, hundumaa amana, hundumaa abdata, hunduaatti jabaata” (1Qor. 13:4-7).

Isa tokkoof “jaalalaan kufuu” baay’ee salphaa ta’uu danda’a, ha ta’uu malee gaaffilleen tokko tokkoo gaaffachuutu irra jiraata, jaalala dhugaatiin waan nutti dhaga’amu murteessuu keenya fuula dura. Tokkooffaan, namani kun kristaanaa? Jechuun jireenya isaa Kristoosiif kenneeraa? Inni/isheen fayyuudhaaf Kristoos qofa amanteetii? Dabalataanis, laphee keetii fi miira kee nama tokkoof akka laatee kan lakkooftu yoo ta’e, mataa kee gaaffachuu qabda, namoota hundumaatiin ol nama sana teesisuudhaaf fedhii qabaachuu kee, Waaqayyo qofa irraa lammaffaa irratti. Kitaabni qulqulluun nutti hima, namootni lama yeroo wal fuudhan foon tokko akka ta’an (Um. 2:24, Mat. 19:5).

Kan biraan tilmaama keessa wanti galuu qabuu, namni dhuunfaan jaallatame sun jaalala hiriyummaatiif kaadhima gaaarii ta’uu fi ta’uu dhiisuu isaati. Inni/isheen duraan dursitee Waaqayyoon waan hundumaa durseeraa, jireenya isaaniitii? Inni/isheen yeroodhaa fi humna isaanii walitti dhufeenya isaanii gaa’ila ijaaruuf achi irra ni oolchuu, amma dhumaatti kan turu akka ta’uuf? Uleen safartuu tokko iyyuu hin jiru, isa tokkoo wajjin jaalala dhugaatiin ta’uun keenya, ha ta’uu malee mira mataa keenyaa hordofuu keenyaan yookaan Waaqayyo jireenya keenyaa fi kan inni qabu duukaa bu’uu keenya hubachuun barbaachiisaa dha. Jaalalli dhugaan murtoo dha, miira osoo hin taane. Jaalalli dhugaan kitaaba qulqulluu isa tokko yeroo hundumaa jaallachuudha, “jaalala irratti” akka taatee yeroo sitti dhaga’amu qofa osoo hin taane.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Jaalalaan qabamuu koo akkamitan beeka?
© Copyright Got Questions Ministries