Waa’ee waan tokko irra deddebi’aanii kadhachuun fudhatama qabaa, yookiis kadhachuun kan nurra jiru yeroo tokko qofa?



Gaaffii: Waa’ee waan tokko irra deddebi’aanii kadhachuun fudhatama qabaa, yookiis kadhachuun kan nurra jiru yeroo tokko qofa?

Deebii:
Luqaas 18:1-7 irratti, Yesuus fakkeenyaan ibseera, kadhanaaf obsi barbaachisaa ta’uu isaa. Innis seenaa haadha hiyyeessa tokkoo nutti himeera, isa itti falmuu irratti firdii qajeelaa barbaaduuf gara abbaa firdii jal’aa kan dhufte. Kadhannaa cimaa irraan kan ka’ee, abbaan firdii hameenya isaa dhiise. Tuqaan Yesuus, abbaan firdii jal’an tokkoo kadhannaa nama tokkoo yoo dhaga’ee, firdii barbaaduuf gaaffii, kan nu jaallatuu Waaqayyoo immoo akkamitti - “warra fillataman” (Lakk. 7) - kadhannaa keenyaa ni deebisa, kadhannaa keenyaan yoo itti fufnee? Fakkeenyichi dogogoraan akka yaadamutti kan barsiisu miti, jechuun waa’ee waan tokkoo irra deddebinee yoo kadhanne Waaqayyoo isaa nuuf kennuuf dirqisifama kan jedhu. Calmaan Waaqayyoo ofi isaa akka fuudhatu abdiin kennameera, isaan dhorkuu, dogogora isaanii sirreessu, toloota gochuuf, warra isaaniin morman jalaa isan oolchuuf. Kana kan godhuu abba firdi qajeela ta’uu isaa, qulqulluumaa isaa, fi cubbuu jibbuu isaa irraa kan ka’ee dha, kadhannaa waa’ee deebisuu, inni jecha isaa eegaa humna isaas ni mul’isa.

Yesuus waa’ee kadhannaa ibsa biraa kenneera, Luqaas 11:5-12 irratti. Akka fakkeenya abbaa firdii jalaatti wal fakkaataa kan ta’e, ergaan Yesuus dubbifama kana irratti, namni tokko hiriyaa isaa rakkateef kennuuf fedhii yoo hin qabaane, Waaqayyoo bifa fooyya’aa ta’een fedhii keenyaaf nuuf kenna, gaaffii kam iyyuu isaan kan wali hin galee ta’ee utuu jiru. Asitti immoo, abdii isaa kan fudhannu miti, akka inni barbaadeetti yoo kadhannee fi kadhannaa keenya yoo itti fufne. Abdiin Waaqayyoo ijoollee isaaf, abdii fedhii keenyaaf ta’uu dha, hawwii keenyaaf miti. Innis kan nu barbaachiisu ni beeka, nuu caalaa. Abdii wal fakkaataa Maatihos 7:7-11 fi Luqaas 11:13 irratti irra deebi’ameera, “kennaa gaarii” babal’inaan kan ibsi itti kenname.

Isaan dubbifamoonni lamaan kun akka kadhannuu fi kadhannaan akka itti fufnu nu jajjabeessu. Waa’ee waan tokko irra deddebiin kadhachuun rakkoo hin qabu. Kan atti kadhattuu fedha Waaqayyoo keessa ta’ee hanga jiruti (1ffaa Yohaannis 5:14-15), kadhannaa keen itti fufi, Waaqayyoo gaaffii kee hanga sii deebbisuuti yookaan fedha kee laphee kee keessaa amma fudhatuutti. Yeroo tokko tokkoo Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii kennuu irra akka eegnu nu dirqisiisuu danda’a, obsaa fi jabina nu barsiisuuf. Yeroo tokko tokkoo waa;ee waan tokko ni kadhana, yeroon Waaqayyoo jireenya keenya irratti akka hin taanee osoo mirkanaa’ee jiru. Yeroo tokko tokkoo fedha Waaqayyoo jireenya keenya keessatti kan hin taanee ni kadhanna, innis “hin ta’u” jedha. Kadhannaan Waaqayyootti gaaffii keenya kan itti dhi’eesinu qofa miti, inni Waaqayyoo fedha isaa laphee keenya keessa kan ittiin jiraatu dha. Kadhannaa keessan itti fufaa, rurrukutuu keessan itti fufaa, barbaadachuu keessanis itti fufaa, Waaqayyoo gaaffii keessan hanga isini deebissutti yookaan kadhannaa keessan isiniif fedha isaa ta’uu dhiisuu isa hanga isini ibsutti.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Waa’ee waan tokko irra deddebi’aanii kadhachuun fudhatama qabaa, yookiis kadhachuun kan nurra jiru yeroo tokko qofa?