settings icon
share icon
Gaaffii

Ilaalchi kiristaanaa addunyaaf maalii dhaa?

Deebii


“Ilaalchi addunyaa” kan inni argisiisuu walitti qabamni ilaalcha addunyaa haala ejjennoo murtaa’aa tokko irraati. “Ilaalcha kiristaanaa addunyaaf”, jechuun kan walitti qabamee ilaalcha addunyaa ejjeennoo kiristaanummaa irrati jechuu dha. Ilaalchi addunyaa nama tokkoo “mataa isaaf fakkii isa guddadha”, waa’ee addunyaa kan inni qabuu amantaan tokkummaa hunduu. Innis dhugaa karaa inni ittiin hubatuu dha. Kan tokkoo ilaalchoonni addunyaa isaa hundee ittiin kennamuu dha, kanaaf baay’ee faayida qabeessa.

Miinjaala irra kan taa’ee appiili (poomii) namoota baay’eetti ni mul’ata. Qorataan biqiltoota appilicha ilaalee ni ramada. Ogeessi fakki kaasuuf ilaalee jireenya irratti argee nii kaasaa. Abbaan suuqii nyaataa fi dhugaatiin itti gurgaramuu gatii irratti ilaalee lakkoofsa geggeessa. Daa’imni laqanna isaa ilaale ni nyaata, haalli kam iyyuu akkamitti akka ilaaluu, addunyaa guddummaa isaan bifa ilaalluun dhiibbaan irra gaha. Ilaalchi addunyaa gosa kamii iyyuu, kiristaanas yoo ta’ee kiristaanas yoo hin taanee, yoo xiqqaatee naannoo gaaffiiwwan sadan kanaa ilaalaa:

1) Eessaati kan dhufnee? (fi maaliif as jiraannee?)
2) Biyya lafa maaltuu tuqee?
3) Akkamitti jabeessinaa?

Har’a kan baratamee akkaataa ilaalcha uumama adduunyaa, innis gaaffiiwwan sadan akkanatti kan deebbisu: 1) Nu kan uumamaa raawwii duraan osoo hin yaadamin kan hojjetame, kaayyoo dhugaa tokko malee. 2)Uumama kabajuun akka ta’uutti kabajuu dhiisuun 3)Addunyaa fayyisuu ni dandeenya, sirnakkoo fi eegumsaan. Ilaalcha uumamaa addunyaan falaasamoota heedduu walitti firooman argamsiisa, abbootaaf safuu sadhatawaa, kan ezistiyishalizimi, piragimatizim, fi yutopiyazimi.

Ilaalchi addunyaa, karaa biraan, gaaffiwwan sadan akka macaafa qulqulluutti ni deebisa: 1)Nuu uumama Waaqayyooti, biyya lafaa akka bitnuuf kan nuu hiyyamamee fi Waaqayyoo wajjin tokkummaa akka qabaannu (Uumama 1:27-28, 2:15). 2)Waaqayyo irratti cubbuu hojjenne, kanaaf guutummaa biyya lafaa abarsa irratti gatne (Uumama 3). 3)Waaqayyoo ofii isaa addunyaa oolche, ilmaa isaa Yesuus Kristoosiin dabarsee kennuudhaan (Uumama 3:15, Luqaas 19:10), kanaaf guyyaa tokko uumama gara guutummaa jalqabaatti ejjennoo isaa deebisa (Isaayaas 65:17-25). Ilaalcha addunyaa kiristaanummaa akka amanuuf nu geggeessa, guutumaa safuu fi, ajaa’ibsiisaa, kabaja namummaa, gatii baasuun jiraachuu akka danda’u.

Ilaalchi addunyaa wali gala akka ta’ee yaadachuun barbaachiisa dha. Innis kallatti jireenyaa tokko tokkoon isaa ni tuqa, qarshii irraa hanga safuu, siyaasa irraa hanga fakki kaasuu. Kiristaanummaa dhugaa waldaa kiristaanaa kan itti fayyadamnu walitti qabama yaadaa ni caala. Kiristaanummaan macaafa qulqulluu irra akka jiru yaaduun mataan isaa ilaalcha addunyaati. Macaafni qulqulluun “amantaadhaan” fi “amantaa kan hin taaneen” dhugaa giddutti garaagarummaa hin godhu, kiristaanummaan jireenya dha, kan jiru jireenya qofa. Yesuus ofi isaa mul’iseera, “karaa, dhugaa fi jireenya” kan jedhu (Yohaannis 14:6) fi, akkas gochuun ilaalcha addunyaa keenya ta’eera.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Ilaalchi kiristaanaa addunyaaf maalii dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries