settings icon
share icon
Gaaffii

Hiikni amantaa sirrii hin taane maalii dha?

Deebii


Jecha amantaa sirrii hin taane namoonni yeroo dhaga’an yeroo baay’ee kan isaan yaadan seexana waaqessuu kan walitti qabaman, horii aarsaa kan dhi’eessan, hojii hamaa irratti kan hirmaatan, warra bitaa isaanitti galan waaqa tolfamaa kan waaqessanii dha. Ta’us garuu amantaan sirrii hin taane kana hundumaa of keessatti qabachuu danda’a. Sirritti addunyaa irratti hiika bal’inaa qabuun shaakala waaqefannaa ofii isaa kan qabu seerrata amaantaati jechuu dha.

Yeroo baay’ee garuu amantaan sirrii hin taane kan inni hiikamu dhiphooti fi jechi isaa kan inni argisiisu amantaa Ortodoksiitiin ala kan ta’an amantaa sirrii kan jalqabaa barumsa kan waliin dha’anii dha. Qabiyyee hiika amantaa sirrii hin taane kristaanummaatiin “Tokko yookaan isaa oli kan ta’an bu’uura kan ta’an barumsa kitaabaa garee amantaa ganuu dha.” Barsiisni amantaa sirrii hin taane garee qabani dha, waa’ee amanuu yoo ta’e nama sana fayyina osoo hin argatiin dhiisa. Amantaan sirrii hin taane garee amantaati jedha ta’us garuu dhugaa barbaachiisoo amantii sanaa gana. Eegaa kiristaanummaan amantaa sirrii hin taanee tokko yookaan isaa ol kan ta’an kristaanummaa dhugaa bu’uuraa gana garuu ani kristaana jedhee labsa.

Yeroo ammaatti baay’ee kan beekaman lama barumsa amantaa sirrii hin taane fakkeenya ta’uu kan danda’an dhuga-baatoota joobaa fi Mormooni dha. Lammanuu nu kristaana jedhu garuu lammanuu Waaqummaa Yesus Kristoos fayyinni amantiidhaan akka ta’e ganu. Dhuga-baatooni Joobaa fi warri Mormoon kitaaba qulqulluu baay’ee kan isaan barsiisan wajjin kan wali galuu yookaan kan wal fakkaatu amanu. Ta’us garuu Waaqummaa Yesus Kristoos ni ganu fayyinni hojiidhaan akka ta’e amanu kunis amantaa sirrii hin taane jedhamanii akka rammadaman isaan taasisa. Dhuga-baatotni Joobaa baay’een warra Mormoonii fi amantaa sirrii hin taanee kan biroo safuu barsiisoota kan qabanii fi sirritti dhugaa qabanneera jedhanii namoota yaadanii dha. Akka Kristaanaatti abdiin keenyaa fi kadhata ta’uun kan irra jiru amantaa dogogoraa keessa kan jiran baay’een dogogora isaa akka hubatani fi gara dhugaatti gara fayyina Yesus Kristoos jiruutti akka dhufanii dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Hiikni amantaa sirrii hin taane maalii dha?
© Copyright Got Questions Ministries