settings icon
share icon
Gaaffii

Lubbuu namaatii fi afuura gidduu kan jiru garagarummaan maalii dhaa?

Deebii


Lubbuu fi afuurri laman isaanii dursanii harkaan kan hin qabatamne kallattiwwan namni qabuu dha, qulqulluun sagalee isaa kan ibsu. Laman isaanii gidduu kan jiru garagarumaa ifaa ta’ee hubachuudhaaf yaaluun bitaacha kan namatti galchu ta’a. “Afuuraa” jechi jedhuu kan inni argisiisuu kallattii namaa harkaan hin qabatamne qofa argisiisa. Ijoolleen namaa afuura qabu, garuu nu afuura miti. Ta’us qulqulluu sagalee isaan, amantoota qofa afuura kan qaban (1ffaa Qoro 2:11, Ibi 4:12, Yaaq 2:26), warri hin amanne garuu afuuraan du’oo dha (Efesoon 2:1-5, Qolaa 2:13). Barreefamni Phaawuloos wanti afuuraa jireenya amantootaatiif baay’ee barbaachiisa dha 1ffaa Qoro 2:14, 3:1 Efosoon 1:3, 5:19, Qolaa 1:9, 3:16). Afuurri wanta nama keessa jiru yeroo ta’uu innis Waaqayyoodhaa wajjin firooma walitti dhi’eenyaa akka qabaanuu kan godhuu dha. Yeroo kam illee “afuurri” jechi jedhuu faayida irra yeroo ooluu, kan inni eeruus kutaa eenyummaa harkaan hin qabatamnee dha innis Waaqayyoodhaa wajjin “wal arga” inni mataan isaa afuura kan ta’e (Yoha. 4:24).

“Afuura” jechi jedhuu argisiisuu kan inni danda’uu laman isaani harkaan kan hin qabatamnee fi harkaan kan qabataman kallatti namaati. Ijooleen namaa afuura akka qaban lubbuus immoo qabu. Bifa baay’ee hunde qabeessa ta’en,”afuura” jechi jedhuu “jireenya” jechuu dha. Ta’us, hiika guddaa kana gamatti macaafni qulqulluun waa’ee lubbuu qabiyyee barreefamaa irratti ni dubbata. Kana keessaa tokkoo ijoolleen namaa cubbuudhaaf hawwii isaan qabanii dha (Luqa. 12:26). Qaamni uumamuma isaatti hamaa dha, kana irraa kan ka’ees lubbuun keenya badeetti. Qajeelfamni jireenya lubbuu yeroo du’aa foonitti ni dhabamsiifama (Uumama 35:18, Ermi. 15:2). Lubbuun akkuma afuuraa kan afuuraa wanta heedduu fi giddu galleessa shaakala miiraati (Iyob 30:25, Faarfannaa 43:5, Ermiyaas 13:17). “Lubbuu” jechi jedhuu yeroo faayidaa irra oolee hunduma isa bakka bu’uu kan danda’u guutumaa namaati jirenyattis ta’e jireenya boodas.

Lubbuu fi afuurri kan wal qabatanii dha, garuu adda adda ba’uu kan danda’an (Ibiroota 4:12). Lubbuun argamuu isa guddaa namaati, inni eenyummaa keenya. Afuurri kallatti namaati Waaqayyo wajjiniin kan wal nu argisiisu.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Lubbuu namaatii fi afuura gidduu kan jiru garagarummaan maalii dhaa?
© Copyright Got Questions Ministries