settings icon
share icon
Gaaffii

Akkamittan gara si'oolotti deemuu dhiisa?

Deebii


Gara si'oolitti adeemuun kanatti yaaduu olitti salphaadha. Warri tokko tokkoo gara si'oolitti deemuu dhiisuu abboomota kurnan eeguun akka irra jiruutti yaadu. Warri kan biroon immoo seera tokko tokkoo raawwachuun gara si'oolitti deemuu dhiisuudhaaf barbaachiisaa akka ta'e amanu. Warri tokko tokkoo immoo gara si'oolitti deemuu fi deemuu dhiisuu beekuun hin danda'amu jedhu. Isaan kun hundumtuu sirri miti. Kitaabi qulqulluun akkamitti namni tokko gara si'oolitti deemu dhiisuu akka danda'u dubbata.

Kitaabni qulqulluun si'ool akkam sodaachiisaadhaa fi bakka hamaa akka ta'e dubbata. Si'ool "Ibidda bara baraa" jedhamee ibsameera (Matt. 12:2) bakka abiddi isaa hin dhaamne (Matt. 3:12) kan qaanii fi bakka gadi deebi'ummaati (Dan. 12:2) bakka abiddi isaa hin dhaamne (Mar. 9:44:49) fi bakka badiisa bara baraa (2Tese. 1:9) Mul. 20:10 galaana ibiddaa cubbamootni "bara baraan iddoo itti gubatan" (Mul. 20:10) dhugaa dha si'ooliin dhabamsiisuudhaaf bakka jalaa ba'uu dandeenyuu dha.

si'ool eessa jira maaliif jiraachuun si'ool kan barbaachiseef? Kitaabni qulqulluun Waaqayyo seexanaa fi ergamoota kufaniif Waaqayyo irratti erga fincilani booda "akka qopheese" nutti hima (Matt. 25:41). Waaqayyo araara isaa kan mormaan seexanaa fi ergamaa hamaa wajjin adaba bara baraa wal fakkaataa fudhata. Maaliif si'ool barbaachiise? Cubbuu warri hojjetan Waaqayyoon ni mormu (Faru. 51:4) Waaqayyo eenyummaa bara baraa kan qabu akka ta'e adaba bara baraa qofa dha gahaa kan inni ta'u. si'ool Waaqayyoo qulqulluu kan ta'uu fi kan tolaa hojii firdii qajeelaa kan ittiin godhamuu dha. si'ool Waaqayyo cubbuu kan ittiin adabuu fi isa kan morman bakka inni itti adabuu dha. Nuyi cubbamoota akka taane kitaabni qulqulluun ifa nuu godha (Lal. 7:20? Rom. 3:10-23) kanaaf hunduma keenyaaf si'ool nuuf ta'a.

kanaaf akkamittiin gara si'oolitti deemuu dhiisuu dandeenya? Daangaa kan hin qabnee fi adaba bara baraa qofti kan gahu yoo ta'e gatiin bara baraa dirqama kaffalamu qaba. Hafuurri Krstoos Yesusiin foon uffachuudhaaf nama ta'eera. Sababa Yesus Kristoosiif Waaqayyo nu wajjin ta'eera nu fayyiseera garuu wantootni olitti argine sun karoora Waaqayyoo miti. Sagaleen foon ta'e (Yoha. 1:1? Lakk. 14) kanaafis nuu du'uu danda'e. Yesus fooniin kan mul'ate hafuura fannoo irratti du'e. Akka Waaqayyootti adabi isaa du'is gatiin isaa kan bara baraa waan ta'ee fi gatii cubbuu guutuummatti kaffale (1Yoha. 2:2) Waaqayyo gooftaa Yesus Kristoosiin fayyisaa keenya goonee akka fudhannu nu hafeereera. Du'a isaa gatii cubbuu keenyaa isa sirri goone akka fudhanuuf. Waaqayyo Kristoositti kan amanu (Yoha. 3:16) inni qofti akka fayyisu kan amanu (14:16) inni in fayye sana jechuun gara si'ool hin deemu.

Waaqayyo eenyu iyyuu gara si'ool akka deemuu hin barbaadu (2Phex. 3:9) Waaqayyo kanaaf isa mudaa hin qabne isa dhumaa fi aarsaa gahaa ta'e bakka keenya kan kaffale. Gara si'ool deemuu hin barbaadu yoo ta'e Yesusiin fayyisaa dhuunfaa kee godhadhuuti fudhadhu. Amma kana salphata. Waaqayyootti cubbamaa ta'uu kee akka hubate himi si'ool akka siif ta'utu turee akkasumas. Waaqayyootti Yesus si fayyisuu akka danda'u akka amantu itti himi. Waaqayyo fayyina siif qopheesse si'ool irraas akka si oolche galateeffadhu. Amantii qofaan Yesus Kristoos akka si fayyisu amanuun karaa kanaatiin gara si'ool dhaquu kan ati dhabamsiiftu!

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Akkamittan gara si'oolotti deemuu dhiisa?
© Copyright Got Questions Ministries