settings icon
share icon
Gaaffii

Gara samii deemuun akkamitti gara ga'umsa bara baraa koo amansiisaa ta'uu kan danda'amu?

Deebii


Wal'aansoo ittiin qabi. Gara jireenya bara baraa yeroo galuutti kan yaadnu caalaa dhi'oo dha. Yeroo qophoofnu irraa kaasee dhugaa kana beekuutu nurra jiraata, namni hunduu gara mootummaa Waaqayyoo gara samii hin deemu. Akkamitti gara samii deemuu keenya mirkaneeffachuu kan nu dandeenyu? Bara 2000 dura Pheexiroosi fi Yohaannis Wangeela Yesuusin sabaaf Yerusaaleemitti lallabu turan. Pheexiroos hundee guddaa jecha qabu amma yeroo jiruutti illee nama kan hol'achiisu waan danda'u dubbate: "Fayyinnis Yesus Kristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru, maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" HoE 4:12

Amma akka yeroo sanaa HoE. 4፡12 bifni siyaasaa sirri miti. Amma akkas jechuun kan baratamee dha: "Namni hunduu gara samii nii deema" "Karaan hunduu gara samiiti geessu" baay'een jedhaniiru Yesus Kristoosiin osoo hin qabaatiin gara samii akka deeman kan yaadan. Ulfina isaa barbaadu ta'us garuu waa'ee fannoo yaaduudhaan dhiphachuu hin barbaadan isa irratti isa du'ee hin kabajan. Baay'een isaanii gara samiitti kan geessuu karaa isaa qofaa Yesus akka ta'e amanuu hin barbaadan, karaa biraa argachuudhaaf murteessaniiru. Yesus garuu karaan kan biraan akka hin jiraannee of-eeggachiiseera dhugaa kana mormuudhaan si'oolitti du'a bara baraatti kan inni geessisu. Nutti himeera:- "Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa amma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee ha baduuf miti." (Yoha. 3:16). Yesus Kristoositti amanuun furtuu gara samii deemuuti.

Warri tokko tokkoo wal mormu Waaqayyo garaa samii deemuuf karaa inni qopheesse tokko jedhanii yaaduun dhiphina sammuuti jedhanii yaadu. Garuu ifatti ilaalcha hamaa ijoollee namaatiin karaa hundumaa Waaqayyo gara samiitti akka galuuf qopheeseera jechuun isaaf baay'ee dhiphummaa dha. Firdiin nuuf ta'a garuu akka hin badneef Waaqayyo tokkicha ilma isaa ergee cubbuu keenyaaf akka du'u godhe. Warra tokko tokkoof kun dhiphummaa yoo fakkaatees dhugaa dha. Oduu gaariin Yesus du'ee warra du'an keessas ka'eera, gara samii kan deeman dhugaa kanaa warra fudhatanii dha.

Namoonni baay'een har'a bishaan dhiqee fudhachuu akka danda'uutti dadhabaa kan ta'ee barbaachiisummaa qalbi jijjirannaa kan gate wangeela fudhatani badaniiru. Jaalala kan ta'e kan hin faradne Waaqayyoon waaqeessuu ni barbaada, Waaqayyoo waa'ee cubbuu homaa kan isaan hin dhibne jireenya isaanii keessatti jijjirama homaa akka godhan kan hin barbaadne godhanii lakka'u. Akkas jechuu danda'u" Waaqni koo namoonni gara si'ool erguu hin danda'u". Garu Yesus Kristoos waa'ee samii kan inni dubbate caalaa waa'ee si'ool dubbateera ofii isaas gara samiitti galuuf qophaa isaa fayyisaa akka ta'e dubbateera:- "Ani karaa fi dhugaa jireenyas, anaan ala gara abbaa kan dhufuu hin jiru." (Yoha. 14:6).

Eenyutu gara mootummaa Waaqayyootti galuu danda'a? Gara samii deemuu koo mirkaneeffachuu nan danda'aa? Kitaabni qulqulluun garaagarummaa ifaa ta'e warra qaban fi wara hin qabne giduu kaa'eera: "Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyo hin qabaanne jireenyicha hin qabu." (1Yoha. 5:12). Yesusiin aarsaa cubbuu isaanii godhanii kan fudhatan fi du'aa ka'uu isaatti kan amanan gara samii ni deemu. Yesus Kristoosiin kan morman hin deeman "Isatti kan amanu itti hin faradamu, kan hin manne garuu maqaa tokkicha Waaqayyootiin waan hin amaneef amma itti faradameera." (Yoha. 3:18).

Yesus Kristoosiin fayyisaa isaanii godhanii warri fudhatan samii bakka ajaa'ibsiisaa isaaniif ta'a si'ool immoo warra mormaniif bakkaa hammaataa ta'a. Namni tokkoo kitaaba qulqulluu xiyaffannoodhaan irra deddeebi'ee dubbisuu osoo hin barbaadiin sararichi jala sararameera. Kitaabni qulqulluun gara samiittti galuun karaan isaa Yesus Kristoos qofa dha jedha. Abboommi Yesus duukaa haa buunu "Yesus, "Karra isa dhiphaadhaan ol gala! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas bal'aa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baay'ee dha. Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphina dha, namoonni isa argatan muraasa". Matt. 7:13? 14).

Gara samii deemuun kan danda'amu Yesus Kristoositti manuudhaan. Warri amanan akka galan amansiisaa dha. Yesusitti ni amantaa?

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Gara samii deemuun akkamitti gara ga'umsa bara baraa koo amansiisaa ta'uu kan danda'amu?
© Copyright Got Questions Ministries