settings icon
share icon
Gaaffii

Akkamittan kristaana ta'ee jijjiramuu danda'a?

Deebii


Fiiphinsitti magaalaa Girikii namni ture gaaffii wal fakkaataa Phaawuloosii fi Silaasiin gaaffate ture. Kanaaf waa'ee nama kanaa yoo xiqaatee waan sadii beekna: itti gaaffatamaa mana hidhaa ture nama Waaqa hin qabne ture sodaatee ture. Phaawulos osoo hin dhaabne of-baleessuuf ture. Haala kanaan ture gaaffii kana kan gaaffate: "Akkan fayyuuf maal gochuutu narra jiraata?" HoE. 16:30

Wanti amansiisaa ta'ee namichi fayyinni akka isa barbaachiisu hubachuun isaa gaaffii gaaffachuu isaatiin, waa'ee du'a isaatti qofa ture kan argame kanaaf gargaarsa akka isa barbaachiisu hubate. Phaawulosii fi Silaas deebii akka qaban waan hubateef gaafficha gaaffate.

Deebii isaa akkuma sanaan argate, salphaas ture "Gooftaa Yesus Kristoositti amani ni fayyita: lak. 31 kutichi akkamitti akka amanee fi akka jijjirame nutti hima. Jireenyi isaa namuusa kan qabu isaatti yeroo amanee kaasee jijjirame.

Haa ilaaluu jijjiramni namichaa kan inni irratti hundaa'e amantii isaa irratti (aman). Yessusiin qofa amanuu. Yesus Kristoos mucaa Waaqayyoo akka ta'e amane (Waaqa) sagalee isaa irratti kan barreefame Masihiin ("Masihi"). Amantiin isaa dabalataan Yesus waa'ee cubbuu isaaf akka du'e fi du'aa akka ka'ee ture sababni isaa Phaawulosii fi Silaas lalabaa turan (ilaalaa Rome. 10:9-10 and 1Qor. 15:1-4).

"Jijjiramuu" jechaa jechatti naanneessuun karaa jijjiruu kooti. Gara waan tokkootti yeroo naannoofnu waan tokkoof immoo of dhowwuun dugda itti kennuu keenya. Gara Yesus Kristoositti yeroo naannoofnu cubbuu irraas ni gorra. Cubbuu irraa goruu kitaabni qulqulluun qalbi jijjiranaadha jedha gara Kristoositti "Amanu". Egaa qalbi jijjirannaa fi amanuun kan walitti hidhamanii dha. Qalbi jijjiranaa fi amantiin kutaa kanatti eerameera 1Tes. 1:9 "waaqa tolfamaa irraa akkamitti gara Waaqayyootti akka deebi'an dubbatu." Kristaanni kan darbe karaa amantii dogogoraan kan ta'e hundumaa gara boodeetti gatee bu'aa isaatiin kiristaana ta'uun isaa jijjirama dhugaa godha.

Salphaatti kaa'uudhaan gara kristaanummaatti jijjiruun Yesus Kristoos cubbuu keetiif akka du'ee fi du'aa akka ka'e amanuutu sirra jira. Cubbamaa akka taatee fayyinni akka si barbaachiisu fuula Waaqayyootti amanuun Yesus Kristoos qofti si fayyisuu akka danda'u fudhachuutu sirra jira. Cubbuu irraa gara Yesus Kristoositti yeroo deebitu Waaqayyo akka si fayyisu fi hafuurri qulqulluunis uumama haaraa akka si godhu akka siif kennuu waada seeneera.

kristaanummaan bifa sirriin isaa amantaa miti. Kirstaanummaan akka kitaaba qulqulluutti Yesus Kristoos wajjin tokkummaa gochuu dha. Kristaanii Waaqayyo fayyina Yesus Kristoos hojii fannoo isaa kan amana hunduu akka kenne fudhachuu dha. Gara kristaanummaatti namni jijjirame amantaaa tokko dhiisee gara amantii isa tokko isa dhufe miti. Gara kristaanummaatti jijjiruun kennaa Waaqayyoo fudhachuun dhiifama cubbuu argachuun Yesus Kristoos wajjin tokkummaa dhuunfaa gochuu jalqabuun du'a booda samii irra bara baraan jiraachuu dha.

Ergaa kana irraa dubbifteen sababa gara kristaanummaatti jijjiramuu ni barbaadaa? Deebiin kee eeyyee yoo ta'e kadhachuun kan sirra jiraatu kadhatni gabaabaan kanaa gadiitti siif dhi'aateera. Kadhata kana jechuun yookaan kadhatni kan biraan si hin fayyisu. Yesus Kristoositti amanuu keeti cubbuu irraa si fayyisu kan danda'u. Kadhatni kun Waaqayyoof amantii ibsuu fi waa'ee fayyina siif qopheesseef gallateeffachuu dha. "Waaqayyo koo si yakkeera firdiniis naaf ta'a. Yesus Kristoos ani fudhachuun kan narra ture waan narraa fudhateef isatti amanuu koon dhiifama naaf goota. Waa'ee fayyinaaf amantii koo si irran godhadha. Guddaa kan ta'ee araaraa kee fi ayyaana kee waa'ee jireenya bara baraa keef sin galateeffadha amen!

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Akkamittan kristaana ta'ee jijjiramuu danda'a?
© Copyright Got Questions Ministries