Kitaabni qulqulluun gaa’ila saala wal fakkaataa maali jedhaa?



Gaaffii: Kitaabni qulqulluun gaa’ila saala wal fakkaataa maali jedhaa?

Deebii:
Kitaabni qulqulluun waa’ee gaa’ila saala wal fakkaataa adda baasee hin eeru. Inni ifaa dha, ta’us macaafni qulqulluun qunamtii saala wal fakkaataa akka safu-maleessaa fi uumama akka hin taane cubbuudhaan ceepha’aa. Lew. 18:22 qunamtii saalaa wal fakkaataa akka xuraawumatti fudhata, akka cubbuu xuraawaatti. Rom. 1:26-27 gochi yaada qunamti saala wal fakkaataa akka yeellasisaatti, uumama akka hin taane, halalummaa, fi salphifamaa godhee ibsa. 1Qoro. 6:9 akka teesisuutti wal qunamtii saalaa wal fakkaataa xuraa’ootaa fi mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan. Lammanuu yaadii qunamti saalaa wal fakkaataa fi gochi isaa kitaaba qulqulluu keessatti ceepha’ameera, qunamtiin saalaa wal fakkaataa “gaa’illi” jaalala Waaqayyo akka hin taanee ifaa dha, akkasumas dhugumatti cubbuu dha.

Kitaabni qulqulluun waa’ee gaa’iilaa yeroo eeru hundumaatti, dhiiraa fi dubartii gidduutti. Yeroo jalqabaaf kan eerame gaa’illi, Uma. 2:24, namni maatii isaa dhiisee haadha manaa isaa wajjin akka wali galu ibsa. Gaa’ila kan ilaalaltee qajeelfama kan laatan dubbifamni, kan akka 1Qor. 7:2-16 fi Efe. 5:23-33 kan jiran, kitaabni qulqulluun ifatti kan inni teesisee gaa’illi dhiiraa fi dubartii giddutti deemsifamuu isaati. Akka jecha kitaaba qulqulluutti, gaa’illi tokkummaa bara jireenyaati, dhiiraa fi dubartii giddutti, duraan dursee maatii ijaaruuf maatii sanaaf naannoo mijata ta’ee kennuuf.

Ta’us, kitaabni qulqulluu qofti hubannoo gaa’ila kanaa rawwachuudhaaf faayidaa irra kan oolu miti. Kitaabni qulqilluun ilaalcha gaa’ilaa kan wali galaa kan ta’ee ilaalcha gaa’ilaa ta’eera, tokkoon tokkoon qaroomina namaa, seenaa addunyaa keessatti. Seenaan gaa’ila saala wal fakkaataa mormii ni adeemsiisa. Amantaa ammayyaa kan hin taanee beekamtii xiin-sammuu akka kenneetti dubartii fi dhiirri xiin-sammuunis ta’ee miiraan kan uumaman wali wali isaaniitiin akka wal fudhatanii dha. Maatii kan ilaalatee namootni xiin sammuu akka jedhanitti dubartii fi dhiira gidduutti kan godhamuu tokkummaan, kan wal fuudhan lamman gaarii kan ta’e gahee saala isaanii akka bahan isaan dandeesisa, bakka wayyutti gaaruummaadhaan kan bocaman ijoolle guddisuuf. Xiin-sammuun morimii gaa’ila saala walfakkaataa falma uumamaan/qaamaan, dhiiraa fi dubartiin kan umaman quunnamtii saalaatiin wal wajjin “akka walitti dhufan” ta’uunsaa ifaadha. Walquunnamtiin saalaa “kan uumamaa” ijjoollee horudhaaf ademsa ifatti kan taa’e kophaa isaa karaa dhiiraa fi dubartii gidduttii kan godhamu qunamtii saalaati kaayyoo kana kan milikoomsu.Uumamnii mormii gaa’ila saalaa wal-fakkataa falma.

Kanaaf macaafini qulqulluun, seenaa, xiin-sammuu,fi uumamni hundumtuu kanisaan falman gaa’illi dhiiraa fi dubartii gidduutti ademsifamuun akka irra jiraatudha- kanaafuu har’a jeequmsi kun hundumtuu maaliif ta’e? Gaa’ila saalaa wal-fakkaataa kan-morman maaliif ija jibbaan ilaalamu, akka hin obsinetti seera kan cabsan, hammam illee moormiin seeraan dhi’atus ? Sochiin mirga gaa’ila saalaa wal-fakkaataa maaliif bifa hamaa ta’een gaa’ila saala wal-fakkaataa ta’eef jabatee hojeta, baay’een namotaa kan amantaas ta’e kan amantaas hin ta’in maaliif degeru ykn yoo xinaate mormuurraa fagaatanii dhaabatu- lamman gaa’ila qaama wal-fakkaataa mirga seera wal-fakkaataa ta’e akka argatan,akka lamman wal-fuudhaniitti tokkummaa seera hawaasaa bifa qabuun?

Deebiin isaa akka kitaaba qulqullutti tokkoon tokkoon ifatti akka beeku gaa’illi saala wal fakkaataa safu-maleessaa fi kan uumamaa kan hin taane, beekumsa uumama ta’e kana cunqursuudhaa fi qophaa isaa karaan gaa’ila saala wal fakkaataa sirrii gochuu fi isa kan morman hundumaa miidhuu dha. Wal qunamtii saala wal fakkaataa fudhatamaa gochuu fi karaan wayyuu gaa’ila wal qunamtii saala wal fakkaataa kan baratamee gaa’ila qaama faallaa wajjin carraa wal qixa ta’ee kennuu dha. Rom. 1:18-32tti kana argisiisa. Dhugaan isaa kan beekamee dha, Waaqayyo ifa waan godheef. Dhugaan isaa dhiifamee sobaan bakka bu’eera. Sobi isaa egaa beeksifamaa dhugaan isaa ni dhokkata ni miidhamas. Mormii jabaatee fi dheekamsa sochi mirga kabachiisaa wal qunamtii saala wal fakkaataa heedduudhaan, kan isiniin morman hundumtuu dhugumatti ejjennoo isaan qabatan dhorkuu kan hin dandeenye ta’u isaa argisiisa. Ejjennoo dadhabaa ta’een sagalee dhageesisuu mo’icha argachuuf yaaluun mala duloomee dha, kitaaba falmiitiin. Tarii ibsa fooya’ee hin qabaatu, kan ammayyaa mirgi ajandaan wal-qunamtii saala wal fakkaataa, Rom. 1:31 kan caaluu, “isaan miira kan hin qabnee dha, amantaa kan hin qabneedha, kan hin hubanneedha, haraara kan dhabanii dha.”

Gaa’ila qunamtii saala wal fakkaataa murtoo kennuu, akkateen jireenya wal qunamtii saala wal fakkaataa mirkaneessuu dha, kunis kitaabni qulqulluun ifatti fi ciminaan akka cubbuutti kan ceepha’uu dha. Kristaanonni Gaa’ila qunamtii saala wal fakkaataa mormii isaa ciminaan dhaabbachuu qabu, macaafa qulqulluu keessaa raawwatee, yaada barreefamichaa keessaa kan ba’e. inni tokko abbaa wangeelaa kristaana ta’uun isa irraa hin eegamu, gaa’illi dhiiraa fi dubartii gidduutti ta’uu isaatiif beekamtii kennuuf.

Akka kitaaba qulqulluutti, gaa’illi Waaqayyoon kan hundeefamee dha, dhiiraa fi dubartii gidduutti akka ta’u, (Um. 1:21-24, Mat. 19:4-6). Gaa’illi saala wal fakkaataa galagalcha dhaabata gaa’ilaati, akkasumas Waaqayyoon mormuu dha, gaa’ila kan hundeesse. Akka kristaanaatti cubbuudhaaf mala tolchuun yookaan dhiiba’uu hin qabnu. Caaladhumatti, jaalala Waaqayyootii fi dhiifama cubbuu, hundumaaf kan argamuu hirmaachuun ni ta’a, wal qunamtii saala wal fakkaataa dabalatee karaa Yesus Kristoosiin. Dhugaa jaalalaan dubbachuutu nurra jiraata (Efe. 4:15) akkasumas dhugaadhaaf falmuutu nurra jiraata “haala tasgabaa’aa fi kabajaan” (1Phex. 3:15). Akka kristaanootaatti dhugaadhaaf yeroo dhaabannu, fi bu’aan isaa miidhaa dhuunfaa, arabsoo, fi ari’atama yeroo ta’uu jecha Yesuus yaadachuun nurra jiraata: “Biyyi lafaa yoo isin jibbee isin dura akka ana jibbee beekaa. Kan biyya lafaa osoo taatani biyyi lafaa kan isaa kan ta’ee ni jaallata ture, ha ta’uu malee ani biyya lafaa keessan isin fo’adhe malee biyya lafaa irraa waanan isin fo’adheef kanaaf biyyi lafaa isin jiba” (Yoh. 15:18-19).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Kitaabni qulqulluun gaa’ila saala wal fakkaataa maali jedhaa?