settings icon
share icon
Gaaffii

Lama yookaan kutaallee sadii qabnaa? Foon, lubbuu fi afuura, fi afuura dhaa- yookiis foon, lubuu-afuuraa?

Deebii


Uumama 1:26-27 namummaa uumama hundumaa irraa kan adda isa godhuu argisiisa. Ijoolleen namaa, Waaqayyoo wajin walitti dhufeenya akka qabaatan kaayyoo godhameera, kanaaf akkas, Waaqayyoo wantootaa fi kan wantoota hin taanee kutaawwan irratti kan nu uumee. Wantootni ifatti akka mul’atuu qabatamaa dha: qaama foonii, lafeewwan, qaama namaa, k.k.f, kanaaf namni jireenyatti amma jirutti qofa jiraatu. Wantoota kan hin taanee kallattiwwan qabatamoo kan hin taanee dha: lubbuu, afuura, yaaduu, fedha, qalbii, k.k.f. isaan kun kan jireenya foonii matayyaa gararaa kan jiraatanii dha.

Ijoolleen namaa hunduu lamaanuu wantootaa fi wantoota kan hin taanee amala qabu. Ijoolleen namaa hunduu qaama akka qabuu ifaa dha, foon, dhiiga, lafee, qaama, fi lubiyyoo qabu. Ta’us, qabatamaa kan hin taanee wantoota ijoollee namaati yeroo hundaa kan wal falman. Qulqulluun sagalee isaa waa’ee isaan kanaa maal jedhaa? Uumama 2:7 akka argisiisu namni kan uumamuu akka lubbuu jiraataati ture. Seera lakkoofsaa 16:22 Waaqayyoo kan mogaassee akka “waaqa tolfamaatti” dha, isaan hunduu karaa ijoollee namaa jiran. Fakkeenya 4:23 akka nutti himutti, “hundumaa caalaa laphee kee eegadhu, burqaan jireenya isa waan ta’eef,” kan inni argisiisuu lapheen fedha namaatii fi giddugaleessa miiraa ta’uu dha. Hojii ergamootaa 23:1 akka jedhuu, “Phaawuloosis waara yaa’ii keessa ilaalee, ‘obboloota nana, anni amma guyyaa haraatti garaan koo utuu na hin ceepha’iin fuula Waaqayyoo dura dhaabadheera’ jedhe” Phaawuloos asitti kan inni eeruu qalbii dha, innis kutaa sammuu yeroo ta’uu isa sirri ta’ee fi sirrii hin taanee nu ibsa. Roome 12:2 ni ibsa, “yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiraa malee kana booda biyya lafaa kana hin fakkaatinaa.” Isaan lakkoofsoni kuni, fi kan biroon baay’een, kan arqisisan qaama namaa harkaan qabatamuu kan hin taane kallatti adda addaati. Hundumti keenya kan qaqabatamuu fi kan hin qaqabatamne qabiyyee ni qoodna.

Kanaaf, qulqulluun sagallee isaa afuuraa fi lubbuu caalaa kan tarreessu jira. Bifa tokko tokkoon, lubbuu, afuura, laphee, qalbii, fi sammuun wal qabatu, walitti dhufeenya keessas qabu. Ta’us, lubbuu fi afuurri dhugumatti kan dursuu qaama namaa kan hin qaqabatamne kan ta’an kallattiwwani dha. Kan biroon kallattiwwan qabiyyee wal fakkaataa qabu. Kana yaadaan yeroo qabannu, qaamni abbaa ramaddii lamaatii (lamaatti kan hiramuu, foon/lubbuu__afuuraa), yookiis abbaa radaddii sadii (sadiitti kan hiramuu, foon/lubbuu/afuura). Anatu beeka kan jedhu ta’uun hin danda’amu. Ilaalchawwan lamaaniif wal falmiin gaariin jiru. Lakkoofsi furtuun Ibiroota 4:12: “Dubbiin Waaqayyoo jiraataadha humna hojjetus of keessaa qaba. Bilaa gar lamaan qaramee caalaa qara qaba;inni lubbuu fi afuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaada fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf ni danda’a” lakkoofsi kun waa’ee falmii kanaaf yoo xiqqaatee wantoota lama nutti hima. Lubbuu fi afuurri adda adda ba’uu ni danda’u, garaagarumaan lubbuu fi afuuraa Waaqayyoo qofti beekuu waan danda’u dha. Dhugumatti beekuu dhiisuu kan dandeenyu irratti xiyyaafachuu irra, uumaa irratti xiyaafachuu nuuf wayya, “guddaa fi dinqisiisaa godhee isa nu uume” (Faarfannaa 139:14).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Lama yookaan kutaallee sadii qabnaa? Foon, lubbuu fi afuura, fi afuura dhaa- yookiis foon, lubuu-afuuraa?
© Copyright Got Questions Ministries