settings icon
share icon
Gaaffii

Eenyuutu fayyuu danda'a? Namni hunduu fayyuu danda'aa?

Deebii


Yoha. 3:16:- "Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa amma kennuufitti biyya lafaa jaallate, kun immoo isaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee ha baduuf miti." Yesuus ifatti isatti kan amanu hunduu akka fayyu dubbateera. "Hunduu" siifi addunyaa irra kan jiru nama kam iyyuu ilaalata.

Kitaabni qulqulluun akka jedhuutti fayyinni hojii keenyaan osoo ta'ee namni kam iyyuu hin fayyuu ture. Rom. 3:23:- "Hundinuu yakkaniiru ayyanni Waaqayyoos isaaniitti hir'ateera" Faru.143:2 dabalataan "Garbicha kee firdiitti hin dhi'eessiin, nama ta'e kan jiraatu hunduu qajeelan hin jiru" Rome. 10:3 nuuf mirkaneessa "Tolaan tokkoo illee hin jiru" ofii keenya fayyisuu hin dandeenyu. Caalaadhummatti Yesuusitti gaafa ammane fayyine. Efe. 2:8-9 "Ayyanni isaa amantiin isin fayyiseera, kunnis kennaa Waaqayyooti malee isin irraa miti, eenyu iyyuu akka of hin jajne hojiidhaan miti". Ayyaana Waaqayyootiin fayyineera. Hiiki ayyaanaas bilisaan kan kennamuu dha. Fayyinni waan nuuf galuuf miti akkanumatti ayyaanaan fudhanna.

Ayyanni Waaqayyoo cubbuu hundumaa golguudhaaf dandeetii qaba. (Rome. 5:20) Kitaabni qulqulluun cubbamoota kan turanii fi fakkeenya jireenya namoota fayyaniin kan guutamee dha. Ergamaan Phaawuloos duraan kufaatti cubbuu gara garaa keessatti kan turanii fi barreesseera, ejjatti kan kufan, waaqa tolfamaa, halaleedhaa fi wal qunamtii saala wal fakkaataa, saamtoota sasatuuwwan, warra machaa'aanii fi. ha ta'u malee Phaawuloos waa'ee fayyinaa isaanitti hime 1Qor. 6:9-11 "Haa ta'u malee maqaa Gooftaa Yesusiin hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqataniitu, qulqullooftaniitu, toloota taataniitu."

Ergamaa Phaawuloos ofii isaatti amantoota kan ari'atu ture, du'a Isxifaanoos mirkaneessee ture (HoE. 8:11) Kristaanoota hidhaa mana hidhaatti galchaa ture. HoE. 8:3. Booda irras akkas jedhee barreessee "Duraan kan arrabsuu fi kan ari'atuu kan rakkisu yoo ta'ee illee, kana naaf godhe haa ta'uu malee osoo hin beekiin amanuu dhiisuun waa'ee dhiifama godhamee argate, ayyana gooftaa keenyaa karaa Kristoos Yesus kan jiran kan amantii fi jaalalaa wajjin caalchisee baay'ate. Cubbamoota fayyisuuf Yesus Kristoos gara biyya lafaa dhufe sagaleen jedhu kan amanamee fi hunduu akka fudhataniif kan galamee dha, cubbamoota keessa inni caaluu ana," Waaqayyoo kan hin eegamnee kan isaaniif hin malee namoota fayyisee kayyoo ofii isaaf itti fayyadama. Daqiqoota keessatti hattuu fannoo irratti fannifame fayyise, (Luq. 23:42-5:43) waldaa kristaanaa kan ari'atu Phaawuloosiin, gantuu qurxumii qabuu (Pheexiros), loltuu warra Roomaa fi maatii isaa (HoE. 10) garbicha baqatee bade (Anasmoof Filmoonaatti), fi kan biroo baay'ee isaanii. Hojii fayyisuu Waaqayyootiin ala eenyummaan akkamii hin jiru (Isa. 50:2 ilaali). Amantiidhaan deebii kennuu fi kan isaa jireenya bara baraa kennaa fudhachuutu nurra jiraata.

Eenyuutu fayyuu danda'a? Wanti tokko kan mirkaneefamee dha isaaniis Yesus Kristoositti yoo amante ni dandeessa! Yesus Kristoosiin fayyisaa dhuunfaa kee godhatee fudhachuu kee yoo hin mirkaneefanne amma kadhata akka kanaa kadhachuudhaan deebii kennuu ni dandeessa.

"Yaa Waaqayyo cubbamaa ta'uu koo nan beeka akkasumas cubbuun koo hojii gaarii koon gara samiitti galuu akka hin dandeenye nan beeka. Amma amanti koo waa'ee koof kan du'e jireenya bara baraa naaf kennuuf kan du'e Yesus Kristoos irra ka'aadheera. Adaraa kee natti araarami siif akkan jiraadhu na godhi. Waan na simatee fi jireenya bara baraa naaf laateef sin galateeffadha."

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Eenyuutu fayyuu danda'a? Namni hunduu fayyuu danda'aa?
© Copyright Got Questions Ministries