Dursee murteessuun maaliidhaa? Dursee murteessuun yaada macaafa qulqulluutii?



Gaaffii: Dursee murteessuun maaliidhaa? Dursee murteessuun yaada macaafa qulqulluutii?

Deebii:
Roomee 8:29-30 nutti hima, “Mucaan isaa obboloota baay’ee gidduutti angafa akka ta’uuf, dursee kan beekee bifa ilma isaa akka fakkaatan dursee murteesseera, dursees kan murteessee isaan immoo ni kabaje isaan kana immoo ni waamee, isaan, waamee kana immoo toloota isaan godhe, warra toloota isaan godhe kana immoo isaan ulfeesse.” Efesoon 1:5 fi 11 ni labse “Fedhii isaatiin akka jaallateetti, hojii Yesuus Kristoosiin ijoollee isaa akka taanuuf duraan dursee nu murteesse… akka fedhii isaatti hundumaa kan godhu akka yaada isaatti, duraan dursinee kan murtoofne Kristoosiin immoo dhaala fudhanne.” Namoonni hedduun jibba jabaa ta’ee carraa bilisaa kan jedhu doktirinii irratti qabu. Ta’us dursee murteessuun doktriini macaafa qulqulluuti. Furtuun isaa dursee murteessuun haala macaafa qulqulluutiin maal akka taanuu hubachuu dha.

Kanaa olitti “dursee murteessuun” jechooti jedhan qulqulluu sagalee isaa keessatti kan hiikaman jecha Girikii proorizo dha, inni hiiki inni qabatuu “duraan dursee murteessuu”, “ajaja abooni” “yeroo darbee keessa murteessuu” dha. Kanaaf, dursee murteessuu yookaan carraan isaa Waaqayyo yeroo booda kan ta’an wantoota tokko tokko yeroo murteessuu dha. Waaqayyo duraan dursee maal murteessee? Akka Roomee 8:29-30 Waaqayyo namoonni tokko tokkoo bifa ilma isaa akka fakkaataan duraan dursee murteesseera, kan waamaaman, tolaa kan ta’an, fi ulfaatoo akka ta’a. Ka’umsuma isaa irraa, Waaqayyo namoota murtaa’aan akka fayyan dursee murteesseera. Kutaan qulqulluu sagalee isaa heedduun Kristoositti kan amanan akka filataman ni eera. (Maattihos 24:22, 31, Maariqos 13:20, 27, Roomee 8:33, 9:11, 11:5-7, 28, Efesoon 1:11, Qolosayis 3:12, 1ffaa Tesolonqee 1:4, 1ffaa Ximootihos 5:21, 2ffaa Ximootihos 2:10, Tiitoo 1:1, 1ffaa Pheexiroos 1:1-2, 2:9 2ffaa Pheexiros 1:10). Carraan isaa Doctirnii macaafa qulqulluuti, Waaqayyo olaantummaa isaatiin namoota tokko tokkoo akka fayyan filachuu isaati.

Doktirinii dursee murteessuu irratti falmiin baay’ee baratame haqa qabeessa ta’u dhabuu isaati. Waaqayyoo namoota tokko tokkoo maaliif fillatee kan biroo dhiisee? yaadachuu kan qabnuu wanti faayida qabeessi eenyu iyyuu fayyuu akka hin dandeenyee dha. Hundumti keenya cubbuu hojjeneera (Roome 3:23), Kanaafis hundumti keenya adaba bara baraatuu nuuf ta’a (Roomee 6:23). Bu’aa isaatinis Waaqayyo raawwatee sirri dha, hundumti keenyaa, kan bara baraa Si’oolitti akka dabarsinu yoo godhe. Ta’us, Waaqayyo baay’ee keessa tokko tokkoo akka fayyinu nu filate. Warra hin fillatamne irratti haqa kan hin qabne akka ta’e godhanii fudhatamuu hin qabu, sababi isaa kan isaaniif ta’u waan fudhataniif. Filannoon Waaqayyoo warri tokko tokko akka ulfatan godhamuu isaa, kan biroodhaaf immoo haqa dhabeessa miti. Eenyu iyyuu Waaqayyo irraa waan tokko illee isaaf hin ta’u, kanaaf eenyu iyyuu mormuu hin danda’u, Waaqayyo irraa waa tokko illee yoo dhabe. ragaa tokko kan nuu ta’uu, namni tokko nama shaniif horii yeroo kennuu dha, namoota digdama gidduu dhaa. Namoonni kudha shan horicha kan hin fudhannee ni mufatuu? Ta’uu ni danda’a. Mufachuudhaaf mirga qabuu? Miti, hin danda’an. Maaliif? Sababii isaa namicha irra gatiin eenyuu iyyuu waan isa irra hin jireef? Inni akkasumatti namoota tokko tokkoof arjoomuu murteesse.

Waaqayyo eenyuu akka fayyuu yoo filatee, sun fedhii bilisaa keenyaa gadi hin buusuu, Kristoosiin akka filanuuf akka amanuu? Macaafni qulqulluun filannoo qabna jedha Yesuus Kristoositti kan amanuu hundumtuu waan fayyaniif (Yohannis 3:16, Roomee 10:9-10). Maacafni qulqulluun raawatee hin ibsu, Waaqayyo isatti kan amanan akka hin simanee yookaan isa kan barbaaduuti fuula isaa akka naannessuu (Keessa deebii 4:29). Al tokko tokkoo dhoksaa Waaqayyotiin, carraan harkaa fi harkaatti ni hojjeta gara Waaqayyootti akka dhi’aatuu nama irratti godhamee irratti. (Yohannis 6:44) fi fayyuu fi amanuu (Roomee 1:16). Waaqayyo eenyu akka fayyuu dursee ni murteessa, kanaafis fayyuuf Kristoosiin dirqamatti fillachuun nurra jiraata. Dhugaa lamaan kun wal qixa dhugaa dha. Rooneen 11:33 ni labsa. Badhaadhummaan Waaqayyoo ogummaa fi beekumsi isaa ammam gadi fagoodhaa, murtiin isaas ammam kan hin qoramnee dha, karaa isaatis barbaacha kan hin qabnee dha!”


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Dursee murteessuun maaliidhaa? Dursee murteessuun yaada macaafa qulqulluutii?