Dursi- barkumummaa maaliidhaa?



Gaaffii: Dursi- barkumummaa maaliidhaa?

Deebii:
Dursa bar-kumummaa jechuun lamata deebi’ee dhufuu Kristoos mootummaa bar-kumummaa dursee ta’a kan jedhuu ilaalcha jedhuu dha, sunis bar-kumummaan akkuma jirutti kan bara 1000 bittaan Kristoos lafa irratti. Qulqulluu sagalee isaa irratti waa’ee bara dhumaa tibbaawwan dubbifamni ibsan hubachuu fi hiikuuf, wantoota lamaan ifatti hubachuun ni barbaachiisa: qulqulluu sagalee isaa karaa sirriin hiikuu fi Isiraa’eeliin (Yihudii) fi waldaa kiristaanaatti (Yesuus Kristoosiin kan qaama amantoota hundaa) gidduu garaagarummaa jiru.

Jalqaba irratti, qulqulluu sagalee isaa karaan ittiin hiikan kan gaaffatuu, qulqulluun sagalee isaa kan hiikamuu akka qabiyyee barreefamaan karaa dhaabbataa ta’eeni dha. Jechuun, dubbifamoota hiikuun, kan irra jiraatuu haala warri isaanii barreefamee keessa jiraatanii dha. Baarreesicha, warra dhageeffatan, fi tokkoon tokkoon dubbisichaa seenaa duubeessaa beekuun kan hiikuutti ni ulfaata. Yoomessa seenaa fi aadaa hiika sirrii dubbifamichaa yeroo hundaa ni mul’isu. Qulqulluun sagalee isaa qulqulluu sagalee isaa akka hiikuu yaadachuun barbaachiisa dha. Jechuun, dubbifamichi mata duree isaa yookaan yaada ijoo isaa yeroo hundaa waan qabatuuf, kan biraa kutaa macaafa qulqulluu irratti kan eerame. Dabalataanis dubbifamoota kana hundaa walii waliin isaan hiikuun barbaachiisa dha.

Dhuma irratti, karaa barbaachiisaa ta’een, dubbifamootni yeroo hundaa fudhatamuun kan irra jiraatuu kan baratamee, dhaabataadhaan, ifa kan ta’een, akkuma jirutti (kan hin jijjiramne) hiika dha, qabiyyeen dubbifamichaa amala isaan hiika jijjiramuu hanga hin nargisiifneetti. Hiikii hin jijjiramne faayida irra kan oolan hiika fakkiduwwanii argachuun isaan hin balleessu. Ta’us, kan hiikuu qooqa fakkiduu gara hiika dubbisichaatti kan hin seensifne godha, qabiyyee barreefamaa sanaaf ta’uu kan qabuu amma hin taanetti. “Baay’ee kan afuuraa guddaa” hiika raawwatee barbaaduu dhiisuun dubbiisa olaa dha, kan dhi’aate caalaa. Dubbifamichaa kan afuuraa gochuun rakkisaa dha, sababni isaa kan qulqulluu sagalee isaa hundee hiika sirri ta’ee gara yaada dubbisaatti waan hin naannesineef. Achi irraas, qabatama kan hin qabne safartuu hiikaa qabaachuu dhiisuu danda’a, bakka isaa kan bu’uu, qulqulun sagalee isaa tokkoon tokkoon namoota dhuunfaaf akka hiyyame ilaalcha mataa isaan hiika akka kennuu ta’a. 2ffaa Pheexiroos 1:20-21 nu yaadachiisa, “raajii macaafa irra jiruu hundumaa eenyuu fedha mataa isaan akka hiikuu hin hiyyamamneef, raajiichi raawwatee fedha namaatiif hin dhufneehoo, duubi isaa garuu Waaqayyoon ergamanii namootni qulqulluun afuura qulqulluun hoofamanii dubbatan.”

Kana kan fakkaatan geggeessaa hiika macaafa qulqulluu haala hojii irra oolchuutiin, dirqamatti mul’achuun kan irra jiru Israa’eel (Abirahaam sanyii foonii) fi waldaa kiristaanaa (amanaa kakuu haaraa hundumaa) gareewwaan adda addaaa lamaanii dha. Isiraa’eelii fi waldaan kiristaanaa garee adda addaa ta’uun isaanii hubachuun sababa isa guddaa waan inni ta’eef, kana karaa dogogoraan yoo hubannee qulqulluu sagalee isaas karaa dogogoraan waan hubannuuf. Keessaa iyyuu, hiika wal dha’aa gartokkootti jal’isuu Isiraa’eelif kan kennaman sagalleewwan abdii dubbufama ibsan irratti (lamaanuu, kan raawwatanii fi kan hin raawwanne). Isaan abdiin kun waldaa kiristaanaa irratti hoji irra kan oolaan ta’uun isaan irra hin jiraatu. Qabiyyee dubbifamichaan maaliif barreessuun akka murteefame yaadadhaa, akkasumas baay’ee kan fooya’ee hiika sirrii argisiisa.

Isaan yaad-rimeewwan kana qabachuudhaan karaa adda addaa dubbifama sagalee isaa ilaaluu dandeenya, Isaan dursuu bar-kumummaa ilaalcha kan uuman. Uumama 12:1-3, Waaqayyo Abirahamiin jedhee, ‘biyya kee keessaa, firoota kee keessaas, mana abbaa keetiis adda baatee ani bakkan si argisiisutti ba’i. Saba guddaas sin godha, maqaa kees nan ulfeessa, eebbaafis ta’I, kan si abaaran nan abaara, biyyi lafaa fi qomoon hundumtuu siin eebbifamu.”

Waaqayyo Abirahaamiif abdiin inni galee waan sadii dha: Abirahaam sanyiwwaan baay’ee ni qabaataa, sabni kunis dhaala ni qabaata, qabaachuus qaba, akkasumas eebba karaa hundumaa kan ta’ee ijoollee namaa hundaaf ni ta’a, sanyii Abiraham irraa (yihudii). Uumama 15:9-17, Waaqayyoo kakuu isaa Abirahaami wajjin godha. Kun karaa inni godhameen, Waaqayyo itti gaaffatamummaa isaa ofi isaa fudhata.Sana jechuun Abirahaami homaaa hin godhu, gochuun kan irra jiruu kan inni godhee hin jiru, Waaqayyoo kan inni godhee gatii kakuu akka hin qabaannee gochuudhaaf. Dabalataanis dubbisa kana irratti, lafichaaf daangaan godhamee turee, Yihudoonni kan itti jiraatan. Kan ibsamee taarreefamn daangichaa keessa deebii 34 ilaalaa. Kan biroon biyya abdii wajjin kan wal qabatee dubbifamni qaban Keessa deebii 30:3-5 fi Hizqeel 20:42-44.

2ffaa Saamu’eel 7:10 irratti Waaqayyoo mooticha Daawitiif kakuu inni galee ni ilaalaa. Asitti Waaqayyoo Daawitiif kakuu inni galee sanyiwwan akka jiraatanii dha, sanyiwwan sana keessaa Waaqayyoo mootummaa bara baraaf ni jabeessaas, kun kan inni argisiisuu bittaa Kristoosii dha, yeroo bar’kumee fi amma bara baraatti. Faayidaa kan qabaatuu abdiin kun akkuma jirutti raawwatamuun kan irra jiruu jiruu fi hanga ammaatti kan hin taanee dha. Tokko tokkoo kan amanan bittaan Solomoon raajii kanaaf raaawwii hin jijjiramne akka ta’ee dha, ta’us garuu achii irratti rakkoon jira. Solomoon bittaa inni bitee amma Isiraa’eeliin kan qabatee miti, ammas Solomoon Israa’eel irratti bitaa hin jiru. Waaqayyoo Abirahamiif kakuu inni galee yaadadhaa, jechuun sanyii isaa biyyicha amma bara baraatti akka dhaalan. Dabalataanis, 2ffaa Saamu’eel 7 kan inni jedhuu, Waaqayyoo baraa amma baraatti mootummaa bituu akka hundeessuu dha. Solomoon Daawitiif kakuu galamee raawwii ta’uu hin dandeenye. Kanaaf abdiin kun sichii kan raawwatamuu dha.

Egaa, kana hunda tilmaama keessa galchuudhaan, Mul’ata 20:1-7 irratti kan galmeefame qoradhaa. Waggaa kuma tokko, innis dubbifama kana irratti irra deddeebiin kan eeramee kan walitti fiduu bittaa hin jijjiramnee waggaa 1000 kan Kristoos wajjini dha, biyya lafaa irraatti. Daawitiitti kan dubbatee abdii, kan bituu kan ilaalatee hiika hin jijjiramneen raawwachuun kan irra jiru yoo ta’uu sichi amma ammaatti hin taane. Dursa bar-kumummaa dubbifama kana kan ilaalatuu akka raawwataama itti fufuutti abdii dha, Kristoos teessoo isaa irra akka taa’u. Waaqayyoo kan haalaa hin taanee kakuun kan lamaanuu Abirahaamiis ta’ee kan Daawiiti wajjin godheera. Isaan kakuwwan kun tokkoon isaani yoo ta’ees guutumatti yookaan dhaabbataatti hin raawwatamne. Kan hin jijjiramne kan Yesuus, bitaa qaamaa karaa isaa qofaan ture kakuuwwaan raawwatamuu kan danda’an, Waaqayyo akkas akka ta’an akka jedhe.

Qulqulluu sagalee isaa irra tooftaan hiika hin jijjiramne fayyadamuun bu’aan isaa gad aanaa hiphoowwan bakka tokkoottti akka ta’an isaan godha. Raajiin kakuu moofaa hundumtuu, waa’ee lamaffaa deebi’ee dhufuu isa jalqabaa kan dudubatan akkuma jirutti raawwateera. Kanaaf waa’ee lamaffaa dhufuu raajiin dubbataman lamata akkuma jirutti akka raawwataman ni jabeesina. Dursa bar-kumee irratti seerii qofaa dha, waa’ee kakuu Waaqayyooti fi bara dhumaa raajiin hiika hin jijjiramne kan irratti wali galu.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Dursi- barkumummaa maaliidhaa?