settings icon
share icon
Gaaffii

Kennaan hafuuraa dinqii hojjechuu har’aafii?

Deebii


Jalqaba Waaqayyo har’a illee dinqii hojjechaa jira ta’een issaa inni kun gaaffii akka hin taane hubachuun barbaachisaadha. Waaqayyo har’a akka namoota hin fayyisne, namootatti akka hin dubbanne, dinqii fi milikkita adda addaa akka hin raawwanne dubbachuun gowwummaa fi kan Macaafa Qulqulluu irraa hin taane ta’uu danda’a. Gaaffiin, kennaan hafuuraa dinqii hojjechuu jalqaba kan 1 Qorontoos 12–14, irratti agarsiifaman har’a waldaa keessatti hojjechuu isaaniiti. Darbees inni kun Hafuurri Qulqulluu nama tokkoof kennaa dinqii hojjechuu kennuu ni danda’aa kan jedhuuf gaaffii miti. Gaaffiin, har’a Hafuurri Qulqulluun kennaa hafuuraa dinqii hojjechuu kennuu isaatii. Hunduma kana gararraatti, Hafuurri Quqlulluun akka fedhii isaatti kennaa kana akka kennu guutummaatti ni hubanna (1 Qorontoos 12:7-11).

Macaafa Hojii Ergamootaa fi ergawwan keessatti, dinqiin gara garaa harki caalaan kan raawwataman ergamootaa fi warra jaraa wajjin baay’ee walitti dhiyeenya qabaniidha. Phawoloos sababni isaa maaliif akka ta’e kenna: “Ergamaa gooftaa ta’uu koo mul’isuudhaaf milikkinni, dinqiin, hojiin aangoos obsa guddaadhaan isin gidduutti godhameera” (2 Qorontoos 12:12). Kirstositti kan amanu namnni kam iyyuu yoo dandeettii dinqii, mal’attoo fi milikkitaa hojjechuutiin hidhachiisnaaman mal’attoon, milikkinni fi dinqii hojjechuun karaa kamiinuu kan ergamootini ittiin beekamu ta’uu hin danda’u. Hojiin Ergamootaa 2:22 Yesus “hojii aangoo dinqiidhaa fi milikkita gara garaatiin akka fudhatama argate” nutti hima. Haaluma walfakkaatuun, ergamoonni diqiiwwan jarri hojjetaa turaniin dhugumaan ergamoota Waaqayyoon biraa ta’an akka ta’anitti ilaalamanii turan. Hojiin Ergamootaa 14:3 ergaan wangeelaa akka dinqiiwwan Phaawloosii fi Barnaabaas raawwataniin akka “mirkaneeffame” agarsiisa.

1 Qorontoos Boqonnaan 12-14 jalqaba dhimma kennaa hafuuraa dubbata. Caaffaticha irraa Kiristaana kamiifuu alii alii kennaa dinqii hojjechuu akka kennameefii ture waan dubbatu fakkaata (12:8-10, 28-30). Inni kun waanuma yeroo hunda ta’u akka ta’etti nutti hin himamne. Kanaan olittii kan dubbifanne irraa, ergamoonni dinqii fi mal’attoo garaa garaatiin hidhachiifamaniiru, kennaan dinqii hojjechuu kiristaanota kamiifuu kennamuun isaa waan seeraa hordofee ta’aa ture hin fakkaatu, qajeelfamas miti. Ergamootaa fi kan jaratti dhiyeenya qabanitti kan hafe namoonni dhuunfaa isaaniitti kennaa dinqii hojjechuu akka shaakalan Kakuun Haaraan bakka kamiinittuu adda baasee hin agarsiisu.

Darbees waldaan kiristaanaa iseen jalqabaa akka keenya har’aa Macaafa Qulqulluu guutummaa isaa hin qabdu akka turte beekuun barbaachisaadha (2 Ximootewoos 3:16-17). Sababa kanaatiif, kennaan raajii dubbachuu, kennaan beekumsaa fi kanaaf kana kan fakkaatan akka waan Waaqayyo akka jarri raawwatan barbaade akka beekaniidhaaf barbaachisaa ture. Kennaan raajii dubbachuu amantoonni dhugaa haaraa fi mul’ata Waaqayyoo biraa argachuu akka danda’an jara gargaareera. Amma mul’atini Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti guutuu dha, kennaan mul’ataa kanaan booda hin barbaachisu, yoo xiqqaate amma warra Kakuu Haaraa keessa jiranii jabeenya hin qaban.

Waaqayyo guyyaa guyyaatti namoota fayyisaa jira. Waaqayyo har’as nutti ni dubbata, sagalee dhaga’amuunis ta’e, sammuu keenyatti, yookiin akkaataa nutti dhaga’amuun. Waaqayyo har’a dinqii, mal’attoo gara garaa fi dinqii adda addaa alii alii karaa kiristaanotaa ni hojjeta. Haa ta’u malee, waantonni kun dirqama kennaa dinqii hojjechuu kan hafuuraa miti. Kaayyoon kennaa dinqii hojjechuu wangeelli dhugaa akka ture fi ergamoonni ergamoota Waaqayyo warra dhugaa akka turan mirkaneessuuf ture. Macaafni Qulqulluun kennaan dinqii hojjechuu guutummaatti akka dhaabbate hin dubbatu, garuu jarri sadarkaa akka Kakuu Haaraa keessatti galma’anii turanitti tarii maaliif kana booddee akka itti hin fufneef bu’uura kaa’a.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kennaan hafuuraa dinqii hojjechuu har’aafii?
© Copyright Got Questions Ministries