Kristaanii amantaa kan biro fi amantaan wal danda’uutti irra jiraa?



Gaaffii: Kristaanii amantaa kan biro fi amantaan wal danda’uutti irra jiraa?

Deebii:
Bara keenyatti “Wal danda’u” safuu wal madaalchiisu kan beeksiisu akka amala isa guddaatti? Tokkoon tokkoon falaasamaa yaadaa fi seerata amantii gati wal qixa qabu ulfinni wal qixi isaaniif ta’a jedha sadhatawwaan (relativist). Seerrata amantaa tokkoo kan biro olitti kan fudhatu yookaanis isa irra yeroo caaluu dhugaa guutuu ta’e beekumsa kan fudhatu yaada dhiphoo kan qaban kan isaaniif hin ifne yaada kan biro kan hin fudhanne dha jedhu.

Sirridha amantaan adda addaa qofaa isaa itti adda ba’ee wali gala deemu sadhatawwaan (relativist) yaada sammuu isaaniitiin walitti bu’iinsa ifaa yeroo godhan wali galuu hin danda’an. Fakkeenyaaf:- Kitaabni qulqulluun akkas jedha “Namootaaf yeroo tokko du’uun isa boodas firdiin akka isaaniif rammadame;” (Ibr. 9:27) irra deebiin foon uffachuun amantaa warra baha yoo barsiisaniis, yeroo tokkoo dha kan nu duunuu yookaanis yeroo baay’ee, barsisni lammanuu tokko ta’uu hin danda’an. Sadhatawwan (relativist) bu’uura irraa dhugaa irra deebiin ni hiikamu jecha falleessaa baay’ee kan walitti bu’an “Dhugaa” wali wajjin jiraachuu kan danda’an uumuudhaaf.

Yesus akkas jedhee “Yesusus:- Ani karaa dhugaa jireenyas, anan allatti gara abbaa kan dhufu hin jiru.” (Yoha. 14:6) Kristaanoonni dhugaa fudhatanii akka yaadaatti miti akka qaamaatti. Kun dhugaa beeksiisuuf yeroo kanatti sammuu banamaa “open mindedness” kan jedhamu kristaanoota faggeessa. Kristaanoonni kan Yesus Kristoos warra du’aan keessaa ka’uu beekamtii waltajjii kennu. (Rom. 10:9-10) du’aa ka’uutti kan amanu yoo ta’e namoota hin amanne Yesus immoo akka hin kaanne yeroo wal morman akkamitti sammuu banamaan abbaa manaa ta’uu danda’aa? Kirstaana tokkoof sagalee Waaqayyoo ifaa ta’ee barsiisa ganuun Waaqayyoon ganuu dha. Haa yaadannuu waa’ee amantii dursinee fakkeenya kennuun bu’uura keenyeera, wantootni tokko tokkoo (akka du’aa ka’uu qaamaa Kristoos kan jiran) wal falmiif warra hin dhi’aanneedha. Wantootni kan biroon wal-falmiif banamoo ta’uu danda’u fakkeenyaaf kitaaba Ibirootaa kan barreessee eenyuu dha, yookaan rakkina foonii Phaawulos maluummaa (waraansa) wal-falmii hin barbaachiifne fageenya duraan hin taane dhimoota fudhachuutu nurra jiraata. (2Xim. 2:23, Tito. 3:9). Jecha falmii walitti deddeebisuu barbaachiisa guddoo kan ta’an barsisawwan illee yoo ta’an kirstaannii of-eeggannoo cimaan ulfinaan gochuu shaakaluutu irra jiraata. Ejjennoon adda adda ba’uun waan tokko, nama sana xureessuun garuu raawwatee kan adda ta’ee dha. Dhugaa barbaadan gaaffii kan gaaffatanif gara laafina argisiisuuf dhugaa qabachuun ariifachuutu nurra jira. Akka Yesus ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamuutu nurra jira (Yoha. 1:14). Pheexiros deebii isaa waa’ee qabuu fi garaamii waa’ee ta’uu wanta madallaa’aa kaa’eera “Duubessi isaa garuu gooftaa isa Kristoosiin laphee keessanitti qulqulleessa. Waa’ee keessaniif abdiin jiru sababa waan gaaffataniif hundumaa deebii kennuuf yeroo hundumaa kan qoophooftan ta’aa, garuu garaamummaa fi sodaadhaan ha ta’u.” (1Phex. 3:15).


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Kristaanii amantaa kan biro fi amantaan wal danda’uutti irra jiraa?