settings icon
share icon
Gaaffii

Seerrii cimsanaa amantii maalii dhaa? Kan macaafa qulqulluutii?

Deebii


Seerri cimsannaa amantii seera barnoota afuuraa yeroo ta’uu waan lama ifa kan ta’ee waan lama adda kan baasuu ifa kan ta’ee gurguddaa qaba. 1)Dhaabbata kan qabuu hiika qulqulluu sagalee isaa akkuma jiruutti, keessumatti raajii macaafa qulqulluu. 2)Isiraa’eelii fi waldaa kiristaanaa gidduu kan jiruu garaagarummaa sagantaa Waaqayyoo.

Seerri cimsannaa amantii kan jedhan kan isaanii geggeessa seera hiikaa hin jijjiramne kan jedhamuu dha, jechuun tokkoon tokkoon sagalee fayyadamni guyya guyyaa kan baratamee hiika kennuu dha. Fakkeenyawwan, fakkiduwwan fi kan kana fakkaatan hunduu tooftaa kanaan akkumma jirutti hiikamu, kunis karaa kamiinuu hiika hin jijjiramne wajjin wal hin faalleessu. Dubbiin fakkeenyonni fi fakkiduwwani immoo hiikii hin jijjiramne duuba isaanitti qabu.

Qulqulluu sagalee isaa ilaaluuf kun karaan fooya’aan ta’uus yoo xinnaatee sababa sadii qabu. Tokkoffaan, haala falaasafaatiin, kaayyoo qooqa mataa isaa kan gaaffatuu hiika akkuma jirutti akka hiiknuu dha. Qooqii Waaqayyoodhaan kan kennamee dha, namaa wajjin walitti dhufuuf akka danda’aamuuf. Sababi lamaffaan macaafa qulqulluu dha. Kakuu moofaa keessatti wanti tokkoon tokkoon isaa waa’ee Yesuus Kristoos raajiin jedhamee akkuma jiruutti dha kan raawwatame. Dhaloota Yesuus, tajaajila Yesuus, du’a Yesuus, fi du’aa ka’uun Yesuus hundumtuu kan ta’an akkuma jrutti, akkuma kakuu moofaatti raajameetti. Tokko illee akkuma jirutti kan hin taanee raawwiin raajii kanaa kakuu haaratti hin jiru. Kun kan inni falmuu baay’inaan tooftaa hin jijjiramnee dha. Qulqulluu sagalee isaa qayyabachuudhaan hiikii hin jijjirramnee faayidaa irra yoo hin oolee, madaallii qabatamaan tokko illee macaafa qulqulluu hubachuudhaaf hin jiraatu. Tokkoon tokkoon namaa macaafa qulqulluu hiikuu akka danda’uu dha, ni ta’aaf jedhee kan ilaaleen. Hiiki macaafa qulqulluu, “dubbifamni kun anaaf maal jedhaa…” ta’aa dhufeera, “macaafni qulqulluun ni jedha….” Jechuu caalaa. Bifa nama gadisisuun, kun yeroo ammaa hiika macaafa qulqulluu kan jedhamuu dhimma heedduu dha.

Cimsanaan seera amantaa barumsa afuuraatiin kan inni barsiisuu saba Waaqayyoo garee lama ta’an jiraachuu isaaniiti: Israa’eelii fi waldaa kiristaanaa. Seera amantaa kan cimsatan fayyinni yeroo hundumaa kan ta’uu amantiidhaan jedhanii amanu __Waaqayyo kakuu moofaa fi keessumatti ilma Waaqayyotti kakuu haaraatti. Seera amantaa kan cimsatan kan qabatan waldaan kiristaanaa Israa’eeliin sagantaa Waaqayyoo akka bakka hin buunee dha, akkasumas Israa’eelii fi kan ta’an abdiin kakuu moofaa gara waldaa kiristaanaatti akka hin darbine. Isaan kan amanan Waaqayyo Israa’eeliif kakuu inni galee (lafaaf, dhaloota baay’ee, fi hedduun” kakuu moofaan, walitti qabamee kan raawwatee mul’ata 20 irratti kan dubbatamee bara waggaa kumaa keessa seera amantaa kan cimsatan kan amanan, Waaqayyo bara kana xiyaafannoo isaa waldaa kiristaanaa irratti akkuma godhee, innis xiyaafannoo isaa bara dhufutti Isiraa’ee irratti godha (Roomee 9-11).

Seera kanaa akka hundeetti fudhachuudhaan seera amantaa kan cimsatan macaafa qulqulluu kan hubatan cimisanaa seera amanataa torbaan, qulqullummaa (Uumama 1:1-3:7), sammuu (Uumama 3:8, 22), mootumaa namaa (Uumama 9:1-11, 32tti (kakuu (Uumama 12:2- Ba’uu 15:25), seera Ba’uu 20:1, lewoota 2:4), ayyaanaa (Hoji ergamoota 2:4-mul’ata 20:3, fi bara waggaa kumaa (Mul’ata 20:4-6.akkasumas isaan seera amantaa cimsatan kun fayyinaaf karaa miti, haa ta’uu malee Waaqayyo namaa wajjin kan deemuu amala malee. Seera amantaa kan cimsatan akka bu’aa seera hiika dursa wagga kumaa deebi’ee dhufuu Kristoos kenna. Akkasuma yerooo hundumaa dursa rakkuna guddaa hiika butamuu. Guduunfuudhaaf, seera amantaa kan cimsattan, seera barumsa afuuraa yeroo ta’uu raajii macaafa qulqulluutii fi hiika hin jijjjiramne hiika kennuudhaan, Isiraa’eeliif waldaa kiristaanaa giddutti garagarummaa adda ta’ee ifaaf beekamtii laata, macaafa qulqulluus gara cimsanaa amantii adda addaatti ijaara, akka dhi’eeessutti.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Seerrii cimsanaa amantii maalii dhaa? Kan macaafa qulqulluutii?
© Copyright Got Questions Ministries