settings icon
share icon
Gaaffii

Ani akkamittan barsiisota sobaa fi raajoota sobaa adda baasuu danda’a?

Deebii


Yesus Kristoos kristoosota sobduu fi raajootni sobduun akka dhufanii fi warra fillataman illee dogogrsuu akka danda’an of-eeggachiisera (Matt. 24:23-27, akkasumas 2Phex. 3:3 fi Yihuda 17-18). Shaakala sobaa barumsa dogogoraa irraa ofii kee kan eegduu karaa inni guddaan dhugaa beekuu dha. Soba fakkeefame hojjetame adda baasaanii beekanii mormuuf isa dhugaa beekuu dha. Amanaan kam iyyuu dhugaa “Sirritti kan qabate” (2Xim 2:15) fi dubbii isaa of-eegannoodhaan kan qo’atu barsiisa sobaa adda baasee beekuu danda’a. Fakkeenyaaf Matt. 3:16-17 irra kan jiru kan abbummaa (Waaqayyoon) kan mucaa (kan Yesus Kristoof) fi hoji hafuura qulqulluu namni dubbise barumsa Silaase kamuu yoo gane akkuma sanan gaaffii gaaffata. Egaa tarkaanfiin jalqabaa kitaaba qulqulluu qayyabachuun barumsa hundumaa dubbiin isaa akka jedhutti araarsuu dha.

Yesus akkas jedheera “Mukni ija isaatiin beekama” (Matt. 12:33). Ija kan madaaluu barsiisaan kam iyyu sirrumma barsiisa madaaluun itti fayyadamuu kan danda’an madaalliiwwan sadan:-

1) Barsiisaan kun waa’ee Yesus maal jedhe? Matt. 16:15-16 Yesus “Waa’ee koo maal jettu” jedhee gaaffate, Pheexiroos yeroo deebisu “Ati mucaa Waaqa isa jiraataati” jedhe. Pheexiros deebii isaa kanaaf kan eebbifame dha jedhame. 2Yoh. 9 kana dubbifna:- “Namni barsiisa Kristoositti qabamu dhiisee, kana irra darbee barsiisu, Waaqayyoon of biraa hin qabu; inni barsiisichatti qabamee jiraatu immoo, abbaa, ilmas of biraa qaba, jechama kan biraan Yesus Kristoofi hojii oolchuu isaan waan guddaa isa dhumaati, Yesus Waaqayyo wajjin wal qixa miti jedhee kan ganuu aarsaa du’aa Yesuusin kan salphisu nama ta’uu Yesus Kristoos kan mormu damaqne haa eegnu. 1Yoh. 2:22:- “Isuma Yesus kun, Kristos yookiis Masihicha ta’uu isaa ganu malee, sobduun eenyu ree? Mormituun Kristoos inni abbaa fi ilma ganu isa kana.

2) Barsiisaan kun Wangeelaa kan inni lallabu? Akka sagalee Waaqayyootti hiikni Wangeelaa du’a Yesus hawaalamuu fi ka’uu oduu gaarii dha (1Qor. 15:1-4). Waan gaarii yoo fakkaatanis “Waaqayyo si jaallata” “Waaqayyo warra beela’an akka nyaachiifnu barbaada” fi “Waaqayyo badhaadhaa akka taatu barbaada” himoota jedhan hundumaa ergaa Wangeelaa miti. Phaawuloos Galatiyaa 1:7 of-eeggachiiseera:- “Wangeelli biraa illee hin jiru; garuu namoonni isin wallaalchisanii, wangeela Kristoos garagalchuudhaaf barbaadan tokko jiru.” Namni kamuu waan kami iyyuu lalabaa beekamaa ergaa Waaqayyoo nuu kenne jijjiruuuf mirga hin qabu. Gala. 1:9:- “Akkuma ani kanaan dura dubbadhe, ammas immookeessa deebi’ee nan dubbadha; eenyu illee wangeela isa isin fudhattanitti kan gargar ba’e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta’u!”

3) Barsiisaan kun Waaqayyoon amala galateeffatu irratti mul’ataa? Waa’e barsiisoota sobduu Yihuudaa 11 akkas jedha:- “Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra bu’aniiru, bu’aadhaaf jedhanii guutummaatti irraa kaachuu Bala’aamitti of gad dhiisaniiru; akkuma Qoraahi mormanii Waaqayyo irratti ka’uu isaanitiinis balleefamuu isaaniiti.” jechama kan biraan basiisaan sobduun of-tuullummaan adda ba’ee beekama, (Qaayin karoora Waaqayyoo morme) sasatuudhaan (Balaa’am qarshiif jedhee raaje) hameenya (ijoolleen Qoree ofi isaanii Musee olitti ol kaasuuf barbaadan) Yesus Kristoos namoota kana irraa akka of-eeggatani fi ija isaanitiin akka beekaman dubbateera. (Mat. 7:15-20)

Qayyabannaa dabalataaf waldaa kristaanaa keessatti barsiisa sobaa mormuudhaaf kan barreefame kitaaba kiitaba qulqulluu kan akka kanaa ilaalaa Galatiyaa, 2Phex, 1Yoh. , 2Yoh., Yihuuda. Baayinaan raajii rajoota sobduu adda baasanii beekuun rakkisaa dha. Seexanni ofii isaa ergamaa ifaa hamma fakkaatutti ofii isaa jijjira (2Qor. 11:14) tajaajiltoonni isaa tajaajiltoota qajeeloota fakkaatanii ofii isaanii jijjiru (2Qor. 11:15). Dhugaa wajjin walitti dhi’aachuu qofa fakkeessuun adda baasuu dandeenya.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Ani akkamittan barsiisota sobaa fi raajoota sobaa adda baasuu danda’a?
© Copyright Got Questions Ministries