settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?

Deebii


Bakka bu’anii aaraarsuudhaaf ajjeefamuun Yesusiin ilaallata cubbamootaaf bakka bu’ee du’uusaatiin. Namni hundinuu cubbamoota akka ta’an caaffanni qulqulaa’oon nutti himu (Roomaa 3:9-18, 23). Cubbuu keenyaaf adabbiin du’adha. Roomaa 6:23 akkasitti dubbifama, “Beenyaan nama cubbuu hojjetu du’a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati.”

Waraabbiin sun waantota heedduu nu barsiisa. Kiristoosiin malee, du’uudhaa fi akka gatii cubbuu keenyaatti si’ool keessatti bara baraan dabarsuudhaaf jirra. Caaffata qulqulaa’oo keessatti duuni “gargar ba’uu” agarsiisa. Namni kam iyyuu ni du’a garuu muraasatu Waaqayyoo wajjin bara baraan waaqa irra jiraata, kaan immoo si’ool keessa baraa hanga bara baraatti jiraatu. Haa ta’u malee, waraabbiin kun kan nu barsiisu inni lammaffaan jjireenyi bara baraa karaa kiristos argamuu isaati. Inni kun aarsaa ta’uudhaaf bakka bu’anii du’uudha.

Yesus Kiristos fannoo irratti yeroo fannifame bakka keenya du’e. du’uudhaaf fannoo irra godhamuun nuuf kan ta’u ture sababnni isaa nuyi nama jireenya cubbuudhaan guutame kan jiraannedha. Garuu Kiristos bakka keenya adabbicha ofii isaa fudhate. Inni bakka keenya bu’uudhaan sirriitti kan nuuf ta’a ture ofii isaatiif fudhate “Isa cubbuu tokko illee hin qabne nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka arganutti nuuf jedhee cubbamaa isa godheera” (2 Qorontoos 5:21).

“Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba’e, madaa’uu isaatiin isin fayyifamatan” (1 Pheexroos 2:24). Asittis daballee gatii isaa nuuf kaffaluudhaaf Kiristos cubbuu nuyi raawwanne akka ofii isaatti fudhate ilaalla. “Kiristoos immoo gara Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka ta’utti al tokkicha cubbuu namoota baay’eetiif dhiphateera; inni qajeelaan foon uffatee, qooda warra jal’ootaa ajjeefamee, hafuuraan jiraachifameera (1 Pheexroos 3:18). Waraabbiilee kunniin Kiristos bakka keenya buufamuu isaa duwwaa miti kan nu barsiisan, garuu jarris darbanii inni furee akka ture nu barsiisu, jechuunis Inni gatii nama cubbamaa irra jiru kaffaluu quubsaatti raawwateera.

Keeyyatin hafe tokko kan waa’ee Yesus bakka keenya buufamee du’uu isaa dubbatu Isaayaas 53:5. Waraabbiin kun waa’ee Kiristos bakka keenya fannoo irratti du’uuf dhufee turuu isaa dubbata. Raajichi baay’ee gad fageenya qaba, ajjeefamuun isaas akkuma dursamee dubbatamee ture ni raawwatame. “Inni garuu balleessaa keenyaaf ni waraaname sababbii yakka keenyaafis reebame ni caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni ni adabame madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf argame.” Bakka buufamuu yaadadhu. Asitti ammas Kiristos gatii keenya akka kaffale ilaalla.

Si’ool keessatti adabamuudhaa fi bara baraan achi ta’uu duwwaadhaan gatii cubbuu ofii keenyaan kaffaluu dandeenya. Garuu ilmi Waaqayyoo Yesus Kirstos gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf gara biyya lafaa kanaa dhufeera. Sababin isaa inni isa kana nuuf raawwate, amma carraa cubbuun keenya nuuf dhiifamuu duwwaa hin qabnu bara baraanis isaa wajjin jirraachuu argachudhas malee. Isa kana raawwachuudhaaf Kiristos fannoo irratti kan raawwate irra amanannaa keenya taasifachuu qabna. Ofii keenya fayyisuu hin dandeenyu; bakka keenya fudhachuudhaaf kan bakka keenya bu’u barbaadna. Duuni Yesus Kiristos bakka keenya buufamee ajjeefamuu isaati.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha? Waaqayyo nama takkaa waa’e Isaa hin dhageenyeetti hin faradaa?
© Copyright Got Questions Ministries