Anayileyishin (cubbamoonni du’a booda baduu) kitaaba qulqulluu dhaa?



Gaaffii: Anayileyishin (cubbamoonni du’a booda baduu) kitaaba qulqulluu dhaa?

Deebii:
Anayileyishini (annihilatiosism) namoota amanan bara baraan si’oolitti hin dhiphatan garuu qooda kanaa du’a booddee gargar ba’u “extinguished”. Jedhanii amanu. Baay’ee isaaniif Anayileshinizim (annihilationism) kan booji’u kan harkisu amantiidha sababni isaa namoonni si’ooliin bara baraan kan isaan dhiphatan waan hammaa irraa kan ka’ee dha. Kanaaf anayileyishinizimin(annihilatiosm) tokko tokkoo mormii kan deggeran kan fakkaatan luqisiwwan qabu, walumaa galatti kitaabni qulqulluun waa’ee hamootaa xumura isaanii yeroo ilaalu dhugaa inni nuuf ibsu si’oolitti adaba bara baraa akka ta’e dha. Kan Anayileyishinizimi (annihilationism) amantaa duukaa kan bu’an barnoota keessaa isa tokkoo yookaan isaan ol sirritti hubachuu dhiisuu irraa kan dhufee dha. 1)Bu’aa cubbuu 2)Murtoo Waaqayyoo 3) Maalummaa si’ool.

Maalummaa si’ool kan ilaalatu anayileyishinizim (annihilationism) galaana abiddaa maalummaa hiikaa dogogoreera. Akkuma beekamu namoonni kan nama gubu lafa kattaa baqe keessaa nyaatamani badu. Ta’us garuu galaanni abiddaa garuu kan hafuuraa ijaan kan argamu kan qaama physical kallatti qaba. Cal jedhanii qaama namaa galaana abiddaa keessatti gatuu miti, kun lubbuu qaama namaa fi hafuura dha. Eenyummaan hafuuraa abidda ijaan argamuun nyaatamuu fi baduu hin danda’u. Ta’uu kan danda’u namoonni amanan akka ta’an namoonni hin amanees qaama bara baraaf qophaa’een ni ka’u. (Mul. 20:3, HoE. 24:15). Qaamonni kun carraa bara baraaf kan qophaa’anii dha.

Kan bara barummaa anayeleyishinizimii (annihilationism) guutuu guuttii sirritti hubachuu kan hin dandeenye ilaalcha kan biraa dha. Anayileyishinizim jecha Girikii “aionion” hiika isaan “eternam” jecha bara baraan jedhu yoo sirreessan eternal jecha jedhu hiika miti sirritti kan inni argisiisu “age” umurii or “eon,” yeroo murtaa’ee tokko kan argisiisuu dha. Ta’us garu kakuu haaraatti ifatti aionion jecha jedhu yeroo tokko tokkoo yeroo bara baraati. Mul. 20:10 yeroo dubbatu:- Seexanni inni isaan gowwomses kuufama ibiddaa fi dhagaa boba’u, lafa bineensichii fi raajiin sobduun sun jiranitti gad in darbatame, isaan baraa hamma baraatti halkanii fi guyyaa dhiphifamuuf jiru. Isaan kun sadan kan adda ta’an “extinguished” bifa ifaa ta’een galaana abiddatti gatamuu isaanii miti. Carraan namoota hin amannee maaliif asi irraa adda kan ta’e hin taane. (Mul. 20:14-15)? Bara barummaan si’ooliif ragaan gaariin Matt. 25:46:- “Isaan gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu” jedhe. Luqisii kana keessatti kan qajeelootaa fi dhuma hamootaa ibsuudhaaf jechi wal fakkaataan faayidaa irra oolera. Jaloonni kan isaan dhiphatan yeroo murtaa’eef osoo ta’e “age” qajeelonnis jireenya samii kan isaan shaakalan yeroo muraasaaf ta’uu “age” ture. Amantootni bara baraan samii irra kan ta’an yoo ta’ee jaloonnis bara baraan si’ooliin ta’u.

Kan biraan mormiin irra deddeebi’ame anayileyishinizimi (annihilationism) waa’ee bara barummaa si’ool Waaqayyo jaloota bara baraan si’ooliin hanga murtaa’ee cubbuu jiruun adabuun qajeelina irraa hir’achuu itti hin ta’u kan jedhu dha. Cubbama waggaa 70 torbaatama jiraate akkamitti Waaqayyo bara baraan isa adaba? Deebiin isaa cubbuun keenya kan geessisu adaba kan bara baraatti sababni isaa Waaqa bara baraa mormuudhaaf kan godhamee dha. Mootichi Daawiti ejja raawwachuu fi nama erga ajjeessee booda akkas kan jedhe Faru. 51:4:- “Anoo irra daddarbaa koo beeka, cubbuun koos gaafa hundumaa ija koo dura jiraAni si yakkeera, si’uma duwwaan yakkes, wanta ija duratti hamaa ta’es hojjedheera;” Daawit kan miidhe Abigiyaa fi Oriyooni dha. Daawit akkamitti Waaqayyoon qofa akka miidhe dubbachuu danda’a? Daawit ni beeka cubbuu kamiin Waaqayyoon mormuun miidhuu dha. Waaqayyo kan bara baraa fi Waaqa daangaa hin qabne dha. Bu’aa isaatinis hunduu Waaqayyoon irratti cubbuu godhamu adaba bara baraatu ta’aaf. Dhimmi isaa dheerina yeroo cubbuu goonuu miti, garuu cubbuu goone kan miinu amala Waaqayyoo wajjin.

Irra caalmaan eenyummaa ofi keenyaa haala wal qabateen anayileyishinizim (annihilationism) tarii samii irra taane namoota jaallanu si’oolitti dhiphachaa akka jiran yeroo yaadnu gammaduu dhiisuu dandeenya yaada jedhuu dha. Ta’us garuu samii irra yeroo taanu homaa kan gadinuu fi kan hadheefannu hin jiraatu. Mul. 21:4:- “Inni imimmaan hundumaa ija isaanitti in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru” jedhe. Namoonni nuun jaallannu samii irra yoo jiraachuu baatan 100% guutuu guutuutti itti wali gala achi kan hin jiree fi kan itti faradame Yesus Kristoosiin fudhachuuf heyyamamoo dhiisuu isaanii irraan kan ka’e dha. (Yoh. 3:16, 14:6). Kana hubachuun cimaa dha, garuu isaaniin achitti arguu dhiisuu keenyaan hin gaddinu. Xiyaaffannoon keenya ta’uun kan irra jiru akkamitti samii irratti namoota jaallannu bakka hin jireetti gammaduu dandeenya ta’uun irra hin jiraatu akkamitti namoota jaallanu gara amantaa Kristoos jiruutti fiduu akka dandeenyu ta’uu qaba kanaaf achi ta’u.

Si’ool Waaqayyo Yesus Kristoosiin akka erguu fi gatii cubbuu keenyaa akka kafalu kan inni godheef sababa dursuu dha. Du’a booda gargar ba’uu “extinguished” carraa nu yaadessu miti garu bara baraan si’ooliin jiraachuun garuu sirritti. Kan Yesus du’aa daangaa hin qabnee dha daangaa kan hin qabne cubbuu keenya kan kaffaleef, waan ta’eef si’ooliin bara baraan kaffaluun nurra hin jiraatu (2Qor. 5:21). Amantii keenya isa irra godhannee fayyineera dhiifama arganneera qulqulloofneera kanaaf samii irratti manni bara baraa nu eeggata. Garuu jireenya bara baraaYesus yoo mormine kan murtoo keenyaa adaba bara baraa ni fudhanna.


Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa


Anayileyishin (cubbamoonni du’a booda baduu) kitaaba qulqulluu dhaa?