settings icon
share icon
Gaaffii

Amantiin dhugaan maalii dha?

Deebii


Amantiin akkas jedhamee hiikamu danda'a "Waaqayyotti amanuun waaqeffannaan kan ta'uf akka ta'e amanuu, yeroo baay'ee tutuqii seerrata hafuuraan" yookaanis "kallattiin seerrata amantii ta'e, waaqeeffannaa… k.k.f. yeroo baay'ee namuusni seera of keessatti qabata." Harka dhibbaa keessaa 90 sabni addunyaa amantiidhaaf of kan kennee dha. Rakkoon isaa garuu kan jiru baay'ee kan ta'an amantiiwwan dha. Amantaan sirriin maalii dha? Amantiin dhugaan maalii dha?

Amantaa keessa wantoota beekamoo seerrataa fi dambillee lamatu jiru. Amantiin tokko tokkoo tarreefama abboomootaan alatti duwwa dha, godhaa fi hin godhinaa, namni tokkoo amana amanamaa akka ta'uuf abboomota raawwachuutu irra jira, kana yoo godhee waaqa amantaa sana duratti sirrii ta'a. Seerrata fi abboommi lama bu'uura kan godhatan amantiiwwan amantaa Yihudii fi musilima dha. Musilima raawwachuun kan isaan irra jiru seerrata Ahimad shanan kan jedhaman qabu. Amantaan lamanuu bifa murtaa'een namni tokkoo seerrata amantaa isaa eeguudhaan karaa Waaqayyootiin fudhatama argata jedhanii amanu.

Amantilleen kan biraan seerrata caalaa raawwachuun kan isaan irra jiraatu dambillee irratti xiyyaafannoo kennu. Aarsaawwan raawwachuuf gochaawwan gochuuf seerraticha qooduun nyaata nyaachisuuf ... k.k.f. namni sun fudhatama argata. Warri Kaatolikii wantoota akka kanaa ijoollee cuuphuudhaan, walii wajjin fudhachuudhaan cubbuu lubaatti himachuudhaan qulqulloota samii irra jiran kadhata kadhachuun du'aan fuuldura lubaan dibamuudhaan kkf raawwachuudhaan nama isaan kana godhu Waaqayyo waaqa irratti ni simata. Dahizimii fi Hindizimiin bifa wal fakkaataadhaan seeroota amantaa bu'uura godhatanii dha. Bifa murtaa'aa ta'eeni immoo seeraa fi seerawwan kan godhan ta'an lakkaa'amu.

Amantii dhugaa seerawwaniis ta'ee seera amantaawwanii kan bu'uurefate miti amantaa dhugaan Waaqayyo wajjin tokkummaa uumuu dha. Ilmi namaa Waaqayyo irraa adda ba'uu fi Waaqayyo wajjin araara akka isa barbaachisu isaan kana laman baayinaan amantawwan hundumtuu kan amananii dha. Amantaawwan dogogoraan seeraa fi seerrawwan namoota kanaa raawwachuudhaan rakkoollee kan hiiku yaala. Amantaan dhugaan Waaqayyo mataan isaa kan hojjetteen garaagarummaa sana ni balleessa jedhanii fudhatu. Amantaan dhugaan waan itti fufee jiru kanatu amanu.

• Hundumti keenya cubbuu hojjeeneera cubbuu keenyaanis Waaqayyo irraa adda baaneera. (Rom. 3:23)

• Yoo hin kaffalamne gatiin cubbuu du'aa fi bara baraan Waaqayyo irraa adda ba'uu dha (Rome. 6:26).

• Hafuurri foon Yesus Kristoosiin qaama uffachuudhaan Yesus qooda keenya du'eera, adaba nuuf ta'uun adabameera du'a isaatiin adaba cubbuu keenyaan gahaa ta'uu isaa argisiisuuf warra du'an keessaa ka'eera (Rome 5:8?, 1Qor. 15:3-4, 2Qor. 5:21)

• Yesus fayyisaa jennee yoo fudhanne du'I isaas cubbuu keenyaf aarsaa gahaa akka ta'e yoo amanne dhiifama arganna ni fayyina isaa wajjin ni araaramna Waaqayyoonis toloota taana (Yoha. 3:16, Rome. 10:9-10?, Efe. 2:8-9).

Amantaa dhugaa seeraa fi seerrata qabu garuu garaagarummaa bu'uura irraa qaba. Amantaa dhugaan seeraa fi seerrata Waaqayyo waan qopheesseef deebii fayyinaa kan raawwatanii dha malee fayyina argachuudhaaf kan godhaman miti. Amantaa dhugaan kan kitaaba qulqulluu ta'ee kristaanummaan seera raawwachuu qaba (hin ajjeessiin, hin eejjin, hin sobin, k.k.f) seerawwan raawwachuun irra jirutu jira (bishaan keessa gadi lixuun cuuphamuu hirbaata Gooftaa). Seerawwan kana raawwachuu nama tokko Waaqayyo akka simatuuf hin godhu. Caalaadhumatti seeraa fi abboomiiwwan bu'aa gooftaadhaa wajjin tokkummaa qabu miti, Yesus Kristoositti amanuudhaan ayyaana isaatiin Yesus qophaa isaa fayyisa. Amantiiwwan dogogoroon seeraa fi abboomii Waaqayyoon duratti fudhatama argachuudhaaf raawwatu, amantii dhugaan Yesus Kristoosiin fayyisaa isaanii godhanii fudhaachuudhaan tokkummaa dhugaa Waaqayyo wajjin qabaatu, seeraa fi seerrata Waaqayyoodhaaf jaalala qaban gara isaatti caalaatti dhi'aachuudhaan barbaaduu irraa kan ka'e raawwatu.

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Amantiin dhugaan maalii dha?
© Copyright Got Questions Ministries