settings icon
share icon
Gaaffii

Akkamittan fayyuu danda'a?

Deebii


Salphaadha ta'us waan bu'uuraati gaaffatamuun kan irra jiru gaaffii isa guddadha. "Akkamittan fayyuu danda'a?" kun kan dhiisu jireenya biyya lafaa kana yeroo gahuutti garaman deemuu danda'a kan jedhuu dha. Mana jireenyaa keenya bara baraa olitti barbaachiisaa wanti ta'e hin jiru. Kan namatti tolu kitaabni qulqulluun namni tokko akkamitti fayyuun akka irra jiraatu ifatti nutti hima. Itti gaafatamaan mana hidhichaa Phaawulosii fi Silaasiin fayyisuuf maal gochuutu narra jiraata jedhee gaaffachuuf Phaawulosii fi Silaas kan fakkaatan "Gooftaa Yesus Kristoositti amani atii fi namoonni mana kees ni fayyitu jedhan." (HoE 16:30-31).

Akkamittin fayyuu danda'a? Fayyuun maaliif na barbaachiisa?
Hundi keenya cubbuutti kufneera (Rome. 3:23) cubbuudhaan dhallaneera (Faru. 51:5) hundi keenya cubbuu filaneera (Lal. 7:20, 1Yoha. 1:8). Cubbuun fayyinaan ala godha. Cubbuun Waaqayyo irraa nama fageesa. Cubbuun kan bara baraa karaa badiisaati.

Akkamittan fayyuu danda'a? maal irraatti kanan fayyu?
Sababa cubbuu keenyaatiif hunda keenyaaf du'atu ta'a (Rome. 6:23). Kan mul'atu bu'aa cubbuu du'a qaamaa yoo ta'es ta'us garu sababa cubbuutiin kan dhufuu du'aa gosa kami qofa miti. Hunduu cubbuu kan hojjetu bara barummaa Waaqayyoo mormuudhaaf kan hojjetuu dha (Faru. 51:4). Kana irraa kan ka'e isa sirrii gatii cubbuu keenyaas kan bara baraa ti. Fayyuunis kan nu barbaachiisuuf badiisa bara baraa jalaati (Matt. 25:46, Mul. 20:15).

Akkamittan fayyuu danda'a? Waaqayyo akkamitti fayyina kan inni qopheesse?
Adabni cubbuu inni sirriin kan bara baraa kan ta'ee Waaqayyo qofa dha Adabicha kaffaluu kan danda'u sababni isaa inni qofti kan bara baraati. Waaqayyo garuu eenyummaa hafuuraa isaatiin du'uu hin danda'u. Kanaaf foon Yesus Kristoosiin Waaqayyo nama ta'e. Hafuurri foon uffatee gidduu keenya bulee nunis nu barsiise. Namoonni isaa fi ergaa isaa mormani ajjeesan. Ofii isaa fedha isaatiin dabarsee of kennee fannoodhaaf dabarsee of kenne (Yoha. 10:15). Yesus Kristoos nama waan tureef du'uu ni danda'a ture Hafuuras waan tureef du'I isaa bu'aa bara baraa qaba. Du'uun fannoo irrattii Yesus Kristoos guutuu kan ta'e kaffaltii cubbuu keenyaa ture (1Yoha. 2:2). Nuyii fudhachuun kan nurra jiraatu inni nuuf fudhate. Warra du'an keessaa ka'uu Yesus Kristoos du'ii isaa sirritti gahaa kan ta'e kaffaltii cubbuu keenyaa akka ta'eedha.

Akkamittan fayyu danda'a? Maal gochuutu narra jiraata?
"Gooftaa Yesus Kristoositti amani ati fi manni kee namoonni kees ni fayyuu jedhan." (HoE. 16:31). Waaqayyo gatii isaa hundaa raawwateera. Gochuun kan sirra jiraatu Waaqayyo kan inni qopheesse fayyina amantiidhaan fudhachuu dha (Efe. 2:8-9). Guutuu guutuutti kaffaltii gatii cubbuu keetiif Yesus Kristoositti amanuu. Isaati mani kanaaf hin badu (Yoha. 3:16). Waaqayyo fayyina kennaadhaan siif kennaa jira. Gochuun kan sirra jiraatu fudhachuu qofa dha. Yesus Kristoos karaa fayyinaati (Yoha. 14:6).

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Akkamittan fayyuu danda'a?
© Copyright Got Questions Ministries