settings icon
share icon
Gaaffii

Of ajjeesuu irratti ilaalchi Kiristaanaa maalii dha? Waa’ee of ajjeesuu Macaafni Qulqulluun maal jedha?

Deebii


Macaafni Qulqulluun namoota of ajjeechaa raawwatan jaha eera: Abeemeeliik (Abboota Firdii 9:54), Saa’ool (1 Saamu’eel 31:4), meeshaa lolaa Saa’ool kan baatu (1 Saamuu’eel 31:4-6), Akiixoofeel (2 Saamuu’el 17:23), Zimrii (1 Moototaa 16:18), fi Yihudaa (Maateewoos 27:5). Isaan keessaa shan namoota hamoo cubbamoota turan (waa’ee amala namicha meeshaa lolaa Saa’ool baatuu irratti faraduudhaaf waanti jedhame ga’aan hin jiru). Kaan Soomsonis of ajjeechaa raawwachuudhaaf akka fakkeenyaatti fudhatu (Abboota Firdii 16:26-31), garuu galmi Soomson ofii isaa ajjeesuu odoo hin taane warra Filisxeemotaa ajjeesuu ture. Macaafni Qulqulluun of ajjeesuun nama kan biraa ajjeesuu wajjin wal qixxee akka ta’e kaa’a, inni mataa ofii ajjeesuu isa ta’e. Namni tokkoo yoomii fi akkamiin du’uu akka qabu murteessuu kan danda’u tokkichi Waaqayyoo dha.

Akka Macaafa Qulqulluutti, of ajjeesuun gara Jannataatti kan ittiin galan argachuu kan murteessu miti. Namni hin fayyine tokko yoo of ajjeese, umaa gochuu hin danda’u garuu gara Si’ool deemuu “arifachiisa.” Haa ta’u malee, namni sun fayyina karaa Yesus Kiristoos argamu mormuu isaa irraa kan ka’e ala of ajjeesu yeroo xumuraatiif gara Si’ool deema sababa of ajjeeseedhaaf miti. Waa’ee Kiristaana of ajjeechaa raawwatuu Macaafni Qulqulluun maal jedhaa? Macaafni Qulqulluun yeroo Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu keenyaatti amannu, jireenya bara baraa waabdii arganna (Yohaannis 3:16) Akkaataa Macaafa Qulquluutti, kiristaanonni shakkii kamiinuu gararraa akka jireenya bara baraa qaban beekuu danda’u (1 Yohaannis 5:13). Kiristaanota jaalala Kiristoosii irraa kan addaan baasu hiin jiru (Roomaan 8:38-39). Yoo “waanti uumame” kiristaana jaalala Waaqayyoo irraa addaan baasuu hin dandeenye, kiristaanonni of ajjeechaa raawwatanis illee , “waanta uumame” dha, kanaaf of ajjeechaan illee, kiristaana jaalala Waaqayyoo irraa addaan baasuu hin danda’u. Yesus cubbuu keenya hundumaadhaaf du’eera, kiristaanni dhugaanis yoo, yeroo rakkinaa fi hafuuraan yeroo qoramu, of ajjeechaa raawwate, inni illee cubbuu dhiiga Kiristoosiitiin haguugameedha.

Of ajjeechaan amma illee Waaqayyoon irratti cubbuu hamaadha. Akkaataa Macaafa Qulquluutti, of ajjeesuun ajjeechaa raawwachuudha; inni yeroo hundumaa dogoggora. Waa’een nama kiristaana akka ta’e dubbachaa of ajjeechaa raawwatuu amantii sirrii qabaachuun isaa shakkii jabaa ta’e ka’uu danda’a. Nama jireenya isaa/ishee balleessa, keessattu kiristaana, haalli qajeelaa isa taasisu tasa humtuu hin jiru. Kiristaanonni jireenya isaanii Waaqayyoodhaaf akka jiraatan wamamaniiru, yoom akka du’amu murteessuun kan Waaqayyoo fi kan Waaqayyoo duwwaadha. Ta’us inni of ajjeehaa raawwachuu ibsaa hin jiru, 1 Qorontoos 3:15 kiristaana of ajjeechaa raawwatu irratti maaltu akka ga’u ibsa gaarii dha: “Hojiin namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta’u iyyuu malee ofii isaatii akka nama ibidda keessaa ba’eetti in oola.”

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Of ajjeesuu irratti ilaalchi Kiristaanaa maalii dha? Waa’ee of ajjeesuu Macaafni Qulqulluun maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries