settings icon
share icon
Gaaffii

Yuniversalism/fayyinni Yuniversaalism kitaaba qulqulluudhaani?

Deebii


Yuniversaalisimiin namni hunduu ni fayya jedhee barumsa amanuu dha. Yeroo ammaatti dhumni nama hundumaa samii irra jedhanii kan amanan yaada fayyina universalism kan qaban namoonni hedduun jiru. Dhimma kana irratti yaadni kitaaba qulqulluu akka isaan morman kan isaan godhu tarii dhiroonni fi dubartootni si’ooliin bara baraan abidda badiisa keessa jiraatu kan jedhu yaada ta’uu danda’a. Warra tokko tokkoof kun tollii fi firdiin Waaqayyoo cal jechuun waa’ee jaalala Waaqayyoo fi gara laafummaa isaa kan kenname xiyaaffannoo raajayyefamee dha, fi kun immoo Waaqayyo lubbuu jiraata kan qabuu hundummaa irratti haraara qabaata gara amantii jedhuutti isaan geessa.

Jalqaba irratti kitaabni qulqulluun ifatti namoota hin oolfamne bara baraa si’ool keessa akka jiraatan dubbata. Kan Yesus Kristoos sagaleen isaa akka mirkaneessu namoonni oolfaman samii irratti yeroo isaan dabarsan kan dheeratu dha. Matt. 25:46 akka jedhuutti:-“Isaan gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu.” Bu’uura sagalee kanaatiin namoonni hin fayyine adabni akka qajeelotaa bara baraani. Warri tokko tokkoo akka si’oolin jiraatan suuta suuta jiraachuu akka dhaaban amanu garuu gooftaan ofi isaa akka dubbateetti bara baraan kan jiraatanii dha. Mat. 25:41 fi Mar. 9:44 si’ooliin yeroo ibsu “Abidda bara baraa” fi “Abidda hin dhaamne” jedha.

Abidda hin badne kana namni tokko akkamitti jalaa ba’uu danda’a? Namoonni baay’een karaa hundumaa amantaa hundumaa gara samitti akka fudhatu amanu, kanaaf Waaqayyo jaalalaa fi haraaraan guutuu waan ta’eef namni hunduu gara samii akka galan akka heyyamu godhe lakkaa’a. Waaqayyo dhugummatti jaalalaa fi haraaraan Waaqa guutamee dha, eenyummaa isaa kana mucaa isaa Yesus Kristoosiin gara lafaatti akka nuuf erguuf fannoo irratti nuuf akka du’uu kan godheef. HoE. 4:12 yeroo dubbatu “Fayyinis Yesus Kristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” “Waqqayyo tokko jirahoo, Waaqayyoo fi nama gidduu kan jiru inni giddu galeessi immoo tokko jira, innis nama kan ta’e Kristoos Yesusii dha,” 1Xim. 2:5 Yoha. 14:6:- “Yesus deebbisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.” Yoh. 3:16:- “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate, kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti”. Ilma Waaqayyo yoo didne fayyinaaf kan nu ga’uu hin argannu. (Yah. 3:16;18;36)

Luqisiwwan akkanaa yeroo ilaalu Yuniversalismii fi fayyina yuniversalisimii amantaa kitaaba qulqulluu kan hin taane akka ta’ee ifa nuuf ta’a. Yuniversalisimiin kallattiidhaan kitaabni qulqulluun kan jedhu wajjin walitti bu’a. Namoonni baay’een Kristaanonni obsa kan dhaban qophaa isaanitti kan adda ba’an godhanii komatu, jechoonni kun garuu kan isaa kan Yesus Kristoos akka ta’an yaadachuun ni barbaachiisa. Kristaanoonni yaada kana ofii isaaniitti kan uuman miti, kristaanonnii gooftaan kan inni dubbate kallattin akka jirutti kan isaan ka’aan. Namoonni ergaa isaa mormuuf ni fillatu sababni isaa cubbuu isaanii mormuuf dhiisuuf waan hin barbaanneef Waaqayyo immoo akka isaan fayyisu waan barbaadaniif. Waaqayyo ilma isaa Yesus Kristoosiin fayyina qophaa’ee kan morman ni fayyu jechuun qulqullummaa Waaqayyoo firdii hir’isuu fi Yesus Kristoos qooda keenya aarsaa ta’uun isaa calisuu dha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yuniversalism/fayyinni Yuniversaalism kitaaba qulqulluudhaani?
© Copyright Got Questions Ministries