Maaliif Yihudii Arabaa fi Musilimoonni wali walii isaanii kan baqataniif?


Gaaffii: Maaliif Yihudii Arabaa fi Musilimoonni wali walii isaanii kan baqataniif?

Deebii:
Jalqaba irratti Arabootni hunduu Musilima Musilimoonni hunduu immoo Araba akka hin taane yaaduutu barbaachiisa. Arabaoonni baay’een Musilima yoo ta’aniis Araboonni kan biroon Araba kan hin taane Musilimoonni heedduun jiru. Dabalataanis Araba kan hin taanee baay’ee Musilimoonni heedduun Indoneshiyaa fi Maleshiyaa Musilima Arabaa ta’ani ol kan ta’an jiru. Lammaffaan Araboonni hundi Yihudoota akka jibban yaadachuun baay’ee barbaachiisadha, Yihudootni hundi Arabootaa fi Musilimoota hin jibban. Sammuu isaanii keessaa waan hamaan namoota irratti qabame irraa of eeggachuutu nurra jira. Ta’us wali galatti dubbachuuf Arabaa fi Musilimoonni wal hin jallaatan akkasumas wal hin amanan galagaltoo isaan akkasuma.

Ifaa kan ta’ee ibsa kitaaba qulqulluu dhimma kana irratti yoo barbaanne gara boodeetti Abirahaam birratti nu geessa. Yihudoonni mucaa Abirahaam sanyii Yisihaaq. Araboonni immoo mucaa Abirahaam sanyii Isma’eel. Isma’eel mucaa garbitiitti waan tureef (Uma. 16:1-16) Yisihaaq immoo eebba Abirahaam akka dhaaluu abdiin kan galameef waan tureef (Uma.21:1-13) dhugummatti ijoollee lamman gidduu diinummaan jiraachuu danda’a. Isma’eel Yisihaaq irratti waan kolfeef (Uma. 21:9), Saraan Abirahaam Agarii fi Ismaa’eeliin akka hari’u itti himte. (Uma. 21:11-21). Wal fakkeenyaan kun laphee Ismaa’eetti akka hin fudhanne godhe. Ergamaan Agariitti raajii itti dubbate Ismaa’eel akka ta’u. “….inni nama hundumaa irratti harka ol in fudhata, namni hundinuus isa irratti harka ol in fudhata; obboloota isaa hundamaan cigaadaa in jiraata” (Uma. 16:11-12).

Amantiin Msiliimaa baay’een isaanii Araboota warra cimsan ta’uu isaanii irraan diinummaa kana bal’isan. Quranii kan walitti bu’u qajeelfomoota Musilimootaaf waa’ee Yihudootaa kenna. Karaa tokkoon Musilimoonni Yihudoota akka obbolleessatti akka simatan abbooma kaaraa kan biraan immoo Yihudoonni Musilimummaa yoo hin fudhanne akka isaan miidhaan abbooma. Qurannii ofii isaa sagalee abdii mucaa qabuu mucaa Abirahaam akka hin taanee yaada walitti bu’iinsaa kaasa. Kitaabni Ibirootaa Yisihaaq akka ta’e nutti hima. Qurannii immoo Ismaa’eelidha nuun jedha. Quranni Abiraahaam Waaqayyoof aarsuuf kan inni ture Ismaa’eel akka ture Yisihaaqiin akka hin taane nu barsiisa (Uma. 22 wajjin bifa walitti bu’uun). Sagaleen abdii isaa mucaan isaa isa kam kan inni jedhu

Haa ta’u malee Ishaaqii fi Ismaa’eel duraan kan turee walitti bu’iinsa turee irraa amma Yihudii fi Araba gidduu diinummaa jiru hundumaa hin ibsu. Dhuguma waggoota kuma baay’eedhaaf gidduu galeessi bahaa seenaan sadhatawaan nagaa fi adda addaummaan jiraateera. Jalqaba kan ture sababni dinuummaa kan biroon yeroo wajjin ka’umsa dhufe qabu. Waraana addunyaa lammaffaa booda mootumoonni gamtooman lafa murtaa’ee irratti Yihuudi saba Israa’eeliif lafichi yeroo kennamu duraan durfamee Araboota birratti dubbatamee ture (Palestanootaan) Araboonni baay’een humnaan lafa sana yeroo qabatanitti mormiin jira ture. Saboonni biyya Arabaa tokkummaa uumanii Yihudoota laficha irraa yeroo baasanitti lolanii turan garuu ni mo’aman. Ammas amma ammaatti Israa’eelii fi firoota Arabaa gidduutti diinummaa guddatu jira. Israara’eel lafa xiqqoo keessa Arabootaan marfamanii jiraatu fakkeenyaaf:- Yordanoos Siriyaan Saud Arabiyaan Iraaqi fi Gibxiin. Kun ilaalcha keenya dha kanas akka sagalee Waaqayyootti Yaaqoob muca mucaa Abirahaamiif lafa inni kenne mirga jiraachuu qabu. Haala wal fakkaataan xiyaaffannoodhaan amana Israa’eel nagaa barbaaduuf kabaja firoota isaanii Arabaaf argisiisuutu irra jira. Faru. 122:6 yeroo dubbatu “Nagaa Yerusaalimiif kadhadhaa! Warri si jaallatan itti tolee gabiitti haa jiraatan.”

English
Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa
Maaliif Yihudii Arabaa fi Musilimoonni wali walii isaanii kan baqataniif?