settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus Waaqa osoo ta'e akkamitti Waaqayyoon kadhata ture? Yesus ofii isaaf turee kan inni kadhatu?

Deebii


Yesus Waaqa ta'e gara abbaa isaa Waaqa irratti kan inni kadhateef hubachuuf abbaa isaa bara baraa fi mucaa bara baraa Yesus nama osoo hin ta'in dura walitti dhufeenya bara baraa akka qaban hubachuutu nurra jira. Adaraa keessan Yoha. 5:19-27 dubbisaa keessa iyyuu lak. 23 Yesus abbaan mucaa isaa akka erge kan ittiin barsiisuu (akkasumas Yoha. 5:10 ilaalaa). Yesus mucaa Yesus Betelemitti yeroo dhalate miti. Inni bara baraan mucaa Waaqayyoo ture, ammas mucaa Waaqayyoo ti yeroo hundumaas akkasuma.

Isa. 9:6 mucaan ilmaa nuuf kennameera da'imni nuuf dhalateera nutti himameera. Yesus Kristoos yeroo hundaa tokkummaan tokkummaa sadan Waaqa tokkoo keessa ture, hafuura qulqulluu wajjin. Sadanuu yeroo hundaa ni jiraata, Waaqayyo abbaan mucaa isaa Waaqayyoo fi hafuura qulqulluu waaqa tolfamoo miti, garuu Waaqayyo tokko jira qaama sadiin jiraata. Yesus Kristoos kan isaa fi Yesus tokko akka ta'an barsiiseera (Yoha. 10:30) isaa fi Waaqayyo qabiyyee fi qaama tokko qabu. Abbaa mucaa fi hafuura qulqulluu sadanuu qaama wal qixaan Waaqummaan jiraatu. Isaan kun sadan walitti dhufeenya bara baraa qabu turan qabus akka qabanitti bara baraan itti fufu. Yesus mucaa Waaqayyoo bara baraa eenyummaa cubbuu hin qabnee yeroo fudhatu bifa garbummaatiin kan inni fudhate, ulfina isaa Waaqa irraa dhiisuudhaan (Fill. 2:5-11). Bifa namaatti akka mul'ate Waaqayyo abbaadhaaf abboomamuu barachuu (Ibr. 5:8) cubbuudhaan qoramuu namootaan sobaan komatamuu nama ofii isaan dhiibamuu isa booda fannisuutu irra ture. Gara abbaa isaatti kadhatni inni kadhate humna kadhachuuf ture (yoha. 11:41-42) akkasumas ogummaa (Mar. 1:35, 6:46). Yesus akka luba isa guddaatti Yoha. 17 abbaa isaa kan inni kadhate kadhatni abbaa isaa irratti karoora oolchuu isaa raawwachuuf amantii inni qabu argisiisa. Kadhatni isaa fedha abbaa isaaf bitamuu jiru ibsa, nuyi seera Waaqayyoo cabsuu keenyaan gara fannootti deemuu fi adaba cubbuu fudhachuu (Matt. 26:31-46). Sirridha qaamaan hawaala keessaa ka'eera fayyisuu isaatti kan amanan cubbuu isaanii irraa kan deebi'an dhiifamaa fi jireenya bara baraa akka argataniif.

Mucaa Waaqayyoon gara Waaqaa gara abbaa isaa kadhachuu fi duddubachuun rakkoo homaa hin qabu. Akka eerame Waaqayyo nama ta'uu isaa duraan dursee walitti dhufeenya bara baraa qabu. Walitti dhufeenyi kun kanaaf mucaa Waaqayyoo namummaa isaa fedha abbaa isaa akka baate fi akka raawwate ijoollee isaas akkamitti oolchuu akka argamsiiseef wangeela keessatti ibsameera (Yoha. 6:36). Yesus Kristoos abbaa isaa Waaqa irraaf bitamuu wal irraa hin cinneen jireenyi kadhata isaa ni haara'a xiyaafannoo wal irraa hin cinee qabaata. Fakkeenya kadhata Yesus Kristoos nuyi akka duuka buunu dha.

Yesus Kristoosa gara abbaa isaa Waaqa irratti lafa irra taa'ee yeroo kadhatu Waaqummaa irraa hin hir'atu ture. Eenyummaa cubbuu hin qabneen illee jireenya cubbuu fedha Waaqayyoo raawwachuuf ammam barbaachiisaa akka ta'e argisiseera. Yesus gara abbaa isaatti kadhachuun qaama Sadan Waaqa tokkoo wajjin walitti dhufeenya jiru lbsi ture fi nuyifis akka qabanu cimina kadhataa fi ogummaa argachuuf Waaqayyootti amanachuun akka nurra jiru fakkeenya ture. Yesus Kristoos Waaqa fooniin mul'ate ta'e osoo jiru jireenya kadhataa addaan hin citne barbaachiisa ture kanaaf har'as duuka buutuun Kristoos kana isaan barbaachiisa.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus Waaqa osoo ta'e akkamitti Waaqayyoon kadhata ture? Yesus ofii isaaf turee kan inni kadhatu?
© Copyright Got Questions Ministries