settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus Kristoos maaliif shaakala rakkoo baay'ee keessa darbuu kan qabateef?

Deebii


Yesus rakkina keessa yeroo darbuu rakkinootaa fi reebbamuun fannoo irratti fannifamuun dhiphateera (Matt. 27, Mar. 15, Luq. 23, Yoh. 19). Dhiphinnichi qaama irratti ture: Isa. 52:14 yeroo dubbatu "Haa ta'uu malee, akkuma namoonni yeroo isa argan na'anii dinqifatan akkasumas danaan garbicha kooti waan badeef, bifni isaas kan ilmaan namootaa fakkaachuu waan dideef," dhiphinni isaa kan nama jeequ ture: "Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka arganuutti nuuf jedhee cubbamaa isa godheera." (2Qor. 5:21). Yesus ba'aa cubbuu biyya lafaa hundumaa isa irra ture (1Yoha. 2:2). Yesus bo'aa akka iyyu kan godhe cubbuu dha, "Abbaa koo abbaakoo maaliif na dhiifte?" (Matt. 27:47). Dhiphinni cimaan qaama Yesus Kristoos cubbuu keenya sababa baachuu isaan, adaba keenya fudhachuufi dha (Rom. 5:8).

Isaayaas waa'ee dhiphina kanaa raajeera: "kan tuffatame kan gatame," (Isa. 53:3, 5). Kutaan kun sababa dhiphina Yesus ifatti teesisa "Waa'ee irra daddarbaa keenya" fayyina keenyaa fi nagaa nuu kennuuf.

Yesus dhiphinni isaaf amansiisaa akka ta'e isaanitti himeera: (Luq. 9:22, 17:25). Dirqamatti"Ilmi namaa waan hedduun dhiphachuu akkasumas maanguddootaan, luboota hangafootaaf fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu, ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti ammo du'aa kaafamuu qaba" ni ta'aaf jecha jedhu itti yaadu, rakkina fudhachuutu irra jira. Fayyina Addunyaa hundumaaf rakkinni Kristoos karoora Waaqayyoo ture.

Far.22:14-18 dhiphina Yesus Kristoos muraasa isaa tarreesa: "Ani akka bishaanii nan dhangala'e, lafeen koo hundinuus wal gad dhiise, onneen koos akka gaga ana keessatti in baqe; qoonqoon koo gegee na awwaara'e, arrabni koos laagaa kootti qabate; atis biyyoo du'aa keessa na ciibsita." kuni fi raajiin kan biraan akka raawwatamuuf Yesus rakkina fudhachuutu irra ture. Yesus maaliif haala gadheen kan inni dhiphateef? Qajeelfamni inni qulqulluun cubamaaf akka du'u kan jalqabame Edeen Ganatitti. Addaamii fi Heewwan gogaa bineensa du'ee qullaa isaanii dhoksuuf uffatan (Uma. 3:21) dhiigni sun Eden Ganatiitti dhangala'a'e. Isa booda qajeelfamni kun gara seera Musee deeme "Namni Waaqayyoof kan inni dhi'eessu seerri aarsaa fayyinaa kana dha." (Lew. 17:11, Ibr. 9:22). Rakkinnichi kutaa aarsichaa waan tureef Yesus rakkinicha fudhachuutu irra ture, Yesusis "kunoo cubbuu biyya lafaa kan balleessu hoolaa Waaqayyoo" Ture. Dhiphinni qaamaa Yesus cubbuu keenyaaf kutaa qaama kaffalamu ture. Oolfamneera "Dhiiga Kristoos isa ulfina qabeessaan akka bitamtan nii beektu." (1Phex. 1:19).

Dhiphinnii fannoo irraa Yesus hameenya cubbuu argisiisa, dheekamsa Waaqayyoo, hameenya ijoollee namaa, fi jibba seexanaa. Iddoo dhiphinaatti mucaan namaa waan hamaa mucaa namaa irratti akka godhu eyyamame inni ijoollee namaa kan oolchu akka ta'u. Seexanni mo'icha guddaa akka argatetti yaade ta'a garuu karaa fannootiin ture seexannii cubbuu fi du'a kan inni mo'u. "Yeroon firdii biyya lafa kanaa amma, inni hamaan biyya lafaa kana seerratus amma gadi in gatama." (Yoha. 12:31, Qol. 2:15). Yesus fayyina warra amanan hundumaaf mirkaneessuuf dhiphate du'e. Galgala hidhameetti Yesus Getesemaneetti yeroo kadhatu waan hundumaa isaatti dabarsee kennee "Yoo fedha kee ta'ee xoofoo kana narraa fuudhi, garuu fedha koo hin ta'iin kan kee malee jedhee kadhata ture." Xoofoon dhiphinaa Yesus irraa hin fudhatamne hundumaa nuuf jedhee dhuge. Karaan ittiin fayyinu kan biraan hin ture.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus Kristoos maaliif shaakala rakkoo baay'ee keessa darbuu kan qabateef?
© Copyright Got Questions Ministries