settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus obbolootaa fi obboleetoota qaba ture?

Deebii


Obbolowwan Yesus Kristoos kutaawwan kitaaba qulqulluu adda addaatti eerameera. Matt. 12:46, Luq. 8:19, fi Mar. 3:31 Maarihaamii fi obbolowwan isaa ilaaluuf dhufan jedha. Yesus obboolota afur akka qabu kitaabni qulqulluun ni dubbata: Yaaqoob, Yooseef, Simi'ooni fi Yihuudaa (Matt. 13:35).Yoha. 7:1-10 obbolowwan isaa gara ayyaanichaa akka deemaniif inni boodee isaanitti akka hafe nutti hima. HoE. 1:14 haadhii isaa fi obboloowwan isaa duuka buutota isaa wajjin yeroo kadhatan eeramaniiru. Gal. 1:19 Yaaqoob obboleessa Yesus akka ture erameera. Guduunfaan sirriin Yesus walakaan sanyii dhiigaa obboloota qaban qaba ture.

Katolikiin Roomaa tokko tokkoo isaan obboolota isaa kana ijoollee eesuma isaa akka ta'an dubbatu. Ta'us garuu tokkoon tokkoon kutichaatti obbolessa sirrii kan jedhu jechi Girikii eerameera. Jechichi maatii isaa kan biroo eeruu kan danda'u yoo ta'es kan baramee fi hiikni isaa kallatti garuu obboloota isaa qaamaa ti. Ijoollee eessumaa kan jedhu jecha Girikii qaba kanaaf inni faayiidaa irra hin oole. Dabbalataanis isaan ijoollee eessumaa Yesus Kristoos yoo ta'an maaliif haadha Yesus Marihaam wajjin irra deddeebiin kan eeran. Haadha isaa fi obbolootni isaa isa ilaaluuf yeroo dhufan haalicha keessatti kan isaa kallattiin sanyii dhiigaa walakkaa kan qaban ta'uu isaanii alatti kan kennu ka'umsa homaa hin qabu.

Falmiin lammaffaan Katolikii Roomaa obboloonii fi obboletoonni Yesus Kristoos kan Yooseef gaa'ila isaa duraani irraa kan dhalatanii dha. Kamiinuu Yooseef Maarihaam irra umuriin ni caala ilaalcha jedhu, duraan gaa'ila qaba ture, ijoollee baay'ee qaba ture, fi haadha manoota isaan alatti kan uumamanii dha. Kanaa wajjin rakkoon jiru Marihaamiin osoo hin fuudhiin dura fuudhe akka turee fi ijoollee akka qabuu ka'umsi homaa hin jiru. Yooseef osoo Marihaamiin hin fuudhiin dura ijjollee jaha erga qabaatee maaliif Marihaamii fi Yooseef gara Beetelehem yeroo deeman wali wajjin kan hin eeramneef (Luqa. 2:4-7) yookaan gara Gibxii yeroo deeman (Matt. 2:13-15) yookaan karaa Nazireet ittiin deebi'an (Matt. 2:20-23)? Maatiin kun ijoollee sirrii Marihaamii fi Yooseef ta'uu isaaniin alatti ragaan kitaaba qulqulluu kam iyyuu hin jiru. Yesus sanyii dhiigaa walakkaa obboloota fi obboleetoota hin qabu jedhani kan morman kitaaba qulqulluu dubbisuun miti garuu durbummaan Marihaam duraan kan hin fudhatamne ta'uu akka amananiif kan ta'e innis Kitaaba qulqulluun kan hin taane "Mucaa ishee angaffaa amma deessuutti (Marihaam) hin beekne, (Yooseef) maqaa isaa Yesus jedhe." (Matt. 1:25). Yesus Marihaamii fi Yooseef ijoollee turan walakkaa dhiigaa maatii qaban obboolootaa fi obbooleetoota walakkaa dhiigaan qaba ture. Kana homaa kan nama hin falmisiifne barumsi sagalee Waaqayyoo.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus obbolootaa fi obboleetoota qaba ture?
© Copyright Got Questions Ministries