settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus ni fayyisa jechuun maal jechuu dha?

Deebii


"Yesus ni fayyisa" beeksiisa walitti bu'iinsa dhorkuu mallattoo beekamaa dha. Mallattoo qophee Atileetii fi Alaaba xiqqoo ishee xiyaara samii irraa ni gadhiisu. Haali nama gadisiisu muraasni isaanii "Yesus ni fayyisa" jecha jedhu yeroo argan dhugaadhaa fi guutuummaatti maal akka ta'e ni hubatu. Humni ajaa'ibsiisaa ta'ee fi dhugaan jecha lamaan kana keessatti qabataniiru.

Yesus ni fayyisa garuu Yesus eenyuu dha?
Namoonni baay'een Yesus Kristoos bara haraaraa 2000 Israa'eeliin jiraachaa kan ture nama akka ture amanu. Haala wal fakkaataan baay'een addunyaa irratti amantiwwan jiran Yesus Kristoos barsiisaa gaarii fi raajii akka ture amanu. Isaan kun hundumtuu dhugaa ta'e osoo jiru Yesus eenyuu akka ta'ee sirritti hin ibsu yookaan Yesus akkamittii fi maaliif Yesus akka hin fayyifne hin ibsu. Yesus fakkeenya namaatti kan mul'ifame Waaqayyoo dha (Yoha. 1:1? 14) Yesus hafuuraa dha. Gara biyya lafaatti nama guutuu ta'e dhufe (1Yoha 4:12) hafuurri Yesus Kristoosiin nama ta'eera kunis nu fayyisuuf. Sunis immoo kan itti fufu gaaffii dhi'eessa. Maaliif fayyuun nu barbaachiise?

Yesus ni fayyisa garuu maaliif fayyuun nu barbaachiise?
Kitaabni qulqulluun lafa irratti namni jiru hunduu akka yakkee nu barsiisa (Lal. 7:20? Rom. 3:23). Cubbuun waan tokko ta'e qulqullummaa Waaqayyoo fi guutuummaatti qullaa'uu mormuudhaaf yaadaa fi jechaan hojii irra oolchuu dha. Sababa cubbuu keenyaatiif hundi keenya firdiin Waaqayyoo nurra jira (Yoha. 2:18? 36). Waaqayyo raawwatee qajeelaa dha kanaaf cubbuu hin eyyamu kanaaf hamoota osoo hin adabin hin dhiisu. Waaqayyo daangaa kan hin qabne kan bara baraa ta'uu isaatii fi cubbuu hundumaa walummaa galatti isa mormuu dha (Faru. 51:4) adaba bara baraa qofa dha gahaa kan ta'u. Adabni sirriin cubbuu du'a bara baraa qofadha. Kanaaf fayyinni kan nu barbaachiiseef.

Yesus ni fayyisa garuu akkamitiin?
Waaqni nu yakkine daangaa kan hin qabne wal fakkeenyaan qaamni daangaa ta'e (nuun) cubbuu keenyaaf yeroo daangaa hin qabnee kaffaluutu nurra ture yookaanis Kristoos daangaa kan hin qabne cubbuu keenyaaf yeroo gatii kaffaluutu irra ture. Filannoon kan biraan hin ture. Yesus bakka keenya du'uun nu fayyise. Qaama Yesus Kristoosii ofii isaa qooda keenya ofii isaa aarsaa godhe, inni qofti kaffaluu kan danda'u daangaa kan hin qabnee fi du'a bara baraa (2Qor. 5:21? 1Yoha. 2:2). Adaba nuuf ta'u bu'aa cubbuu keenyaa Yesus Kristoos nuun bara baraan hamaa kan ta'eef badiisa bara baraa irra nu fayyisuuf adaba keenya fudhate. Nuuf jaalala guddaa sababa qabuuf Yesus lubbuu isaa dabarsee kenne (Yoha. 15:13), nuuf badiisa ta'u garuu immoo kaffaluuf kan nu hin dandeenye. Yesus gatii cubbuu keenya kaffaluudhaaf gahaa akka ta'e warra du'an keessaa ka'e. (1Qor. 15).

Yesus ni fayyisa garuu akkamitti kan inni fayyisu?
Yesus Kristoos hojii fayyisuu isaa fudhachuu warra jaallatan hundumaa ni fayyisa. Yesus Kristoos inni waa'ee cubbuutiif gatii kafale qofa warra amanan isaan fayyisa. (Yoha. 3:16? HoE. 16:31). Aarsaa Yesus Kristoosiin adaba mucaa namaa hundumaa kaffaluuf gahaa ta'ee osoo jiru Yesus kan isaa kennaa gati jabeessa fudhachuudhaaf eyyamamoo kan ta'an qofa fayyisa. (Yoha. 1:12). Yesus ni fayyisa jechuun maal jechuu akka ta'e amma karaa hubatee fi fayyisaa dhuunfaa kee godhate itti amanuu yoo barbaade isaan kana hubachuu kee mirkaneefadhu fi amantiin tarkaanfiin kanaan Waaqayyo argame. "Waaqayyo ani cubbamaa ta'uu koo beeka kanaaf sababa cubbuu koof bara baraan si irraa adda ba'uun akka naaf ta'u nan beeka. Yoo naa galee baate illee karaa du'aa mucaa kee Yesusiin aarsaa cubbuu anaaf qopheesiteef sin gallateeffadha. Yesus Kristoos anaaf akka du'e nan amana inni qofti na fayyisuu akka danda'us nan amana. Kanaan booda cubbuu caalaatti siif akkan jiraadhuuf na gargaari. Kanaan booda fayyina ajaa'ibsiisaa kan naaf kennee siif deebii kennuun akka narra jiraatuuf na gargaari. Yesus koo waan na fayyifteef sin gallateeffa dha!

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus ni fayyisa jechuun maal jechuu dha?
© Copyright Got Questions Ministries